Wantoota ajaa'ibaa shan waa'ee Galaana Diimaa

Madda suuraa, Getty Images
Galaanni Diimaa qaama bishaanii gammoojji lama gidduutti argamu dha.
Gama lixaan gammoojii Saharaa Afrikaa keessatti argamuun, gama bahaan ammoo gammoojjii Arabiyaan daangeffama.
Akka qorattoonni galaanaa jedhanitti qaamni bishaanii kuni waggaa miiliyoona 20-23 dura sochii lafaa teektoniik- dacheen gargar tarsa'uun uumamee jalqabarra hara xixiqqoo, boodarra garuu bishaan Meeditaraaniyaanii irraa itti lola'ee achiin irraa cite jennaan uumame.
Galaanni diimaa gara kaabaa jiru lubbuu qabeeyyiin gargaraan kan guutame yoo tahu tuuristii baayyee ofitti harkisa. Gama kibbaan karaa Galoogalaan Adeen daldala addunyaa dhibbeentaa 12 keessummeessa, guyyaatti boba'aan baarmela miiliyooan 4.5 tahu keessa darba.
Yeroo ammaa kana Galaanni Diimaa gama qarqara kibbaan Ertiraa, Sudaaniifi Jibuutii dabalatee sababa dhabinsa nagaaf tasgabbiin tuuristooti naannicha daawwatan xiqqaa qaba.
Tahus Galaana Diimaa gama kaabaan sochii tuuristii olaanaatu jira.
Masriin qarqara Galaana Diimaatti ishee baasu bara 2023 tuuristoonni miiliyoona 14 tahan daawwachuu ragaaleen ni agarsiisu.
Qaamni bishaanii kuni guyyaatti hamma qeensa quba keenyaa dhisamaa bal'ataa jira.
Waggoota miiliyoonaan booda lafti kiloomeetira dhibbaan lakkaa'amu bishaan galaana kanaan uffifamuu danda'a.
Qaama bishaanii addunyaa ho'aa
Galaanni Diimaa kaabaa Galoogalaa Suwiiz irraa ka'ee kibbaan hanga Galoogalaana Adeenitti km2,250 dhisama.
Qaamni bishaanii kuni naannoo lafaa tirooppikaalaatti kan argamu yoo tahu galaanota addunyaa kanarra jiran keessaa kanneen ho'aa jedhaman keessaati. Yeroo qorraa teempireecharrisaa 22°C, yeroo bonaa 30°C gaha.
Galaana kanatti lagni itti makamu waan hin jirreef aduun gammoojjii waggaa guutuu isa dhaha.
Sababa roobni irratti hin roobneefi lagni gudeeshaa fi biyyoo baatee itti galu waan hin jirreef bishaan Galaana Diimaa taliiladha.
Galaanicha keessa asii gad hamma meetira 30 ijaan arguun ni danda'ama. Sanyii qurxummii 1,200 of keessatti kan qabu yoo tahu dhibbeentaan 10 iddoo biraatti hin argaman.
Galaanni kuni qaama dachee si'ataa waan taheef bara 2011 hanga 2013 gidduu volkaanoo irratti mudateen odolonni Shoolaan fi Jadiida jedhaman uumamaniiru.
Maqaa baakteeriyaa irraa argate

Madda suuraa, Getty Images
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Galaanni Diimaa akkatti maqaansaa moggaafame dhimmoota waa'ee galaanichaa qalbii qabatan keessaati.
Moggaasi maqaa galaana kanaa fudhatama bal'aa qabu garuu lubbuu qabeeyyii bishaanicha keessa jiraatan waliin hidhata qaba.
Gosti baakteeriyaan galaana kana keessa jiraatu Tiraakoodeesmiyam Etaariyam jedhama.
Waggoota dheeraaf baakteeriyaan kuni irra keessa galaanichaarra jiraata ture. Biftisaa cuquliisaa fi magariisa ture.
Boodarra baay'inaan daraaree achi yeroo harca'u ykn du'u gara halluu diimaatti geeddarame.
Yeroo ho'aa lubbuqabeessi kuni kiloomeetira baayyee wan waliin gahuuf guutummaa galaanichaa gara halluu diimaatti geeddare.
Yabaltoonnifi daldaltoonni bara durii Masrii fi biyyoota Arabaa gidduu marmaaran haala galaana kanaa arganii maqaa Giriikonni baasan Ertiraa Taalaas jechuun waamaa turan hiiktisaa Galaana Diimaa jechuu dha.
Afaan Ingiliiziin Red sea kan jedhames galaanichi halluu diimaa akka qabaatu kan godhe baakteeriyaa tahuun otoo hin baramiin dura dha.
Galaana akkaan kuraawaa
Galaanni Diimaa galaanota addunyaa ashaboon akkaan itti baay'atu keessaati.
Bishaan kuni dhibbeentaa 4.1 ashaboo of keessaa qaba. Qaamni bishaanii akkaan ashabaawaa dha jedhamu garbi diriiraaniyuu ashaboo dhibbeentaa 3.5 qaba.
Galaanni Diimaa sababoota sadiif ashabaawaa tahe: qixxa lamaan gammoojjii ho'aa dachee kanaa waan jiruuf hurka olaanaa qaba, bishaan ykn lagani itti yaa'ee ashaboo galaana kanaa callabbeessu hin jiru.
Kana malees, qarqara kibbaan toorri dhiphaa Baab el Mendeb garba Indiyaa bishaan ashaboo hamma xiqqaa qabutti akka hin makamne isa daangessa.
Kanamalees bishaan Galaana Diimaa gara garba Hindiitti yeroo siqaa dhufu, sababa ashaboosaaf rukkina olaanaa waan qabuuf liqimfamaa galaana jalatti bishaan garbaarra dachaa saddeet ashabaawaa taha.
Kanaaf yeroo bishaan daakaa Galaana Diimaa irratti bololi'uun salphaa dha. Tahus lubbuu qabeeyyii bishaanicha keessa jiraataniif hanqinni bishaan qulqullu jira.
Gama biraan lafti diriiraa Daalool naannoo Affaar keessatti argamu duraan qaama Galaana Diima kan ture yoo tahu akka qorattoonni jedhaniitti sababa volkaanoon irraa cite.
Lafi galaanicharraa cite kuni ashaboon waan guutameef ashaboo Amooleen lafa kanarraa murame Itoophiyaa fi Ertiraa keessatti jaarraa 19 fi 20 keessatti gibira kaffaluufi meeshaa bituuf akka maallaqaatti tajaajilaa ture.

Galaana Diimaa Kitaaba Qulqulluu keessatti eerame
Galaanni Diimaa Macaafa Qulqulluu Kakuu Moofaa keessatti al 25 ol eerameera, Kakuu Haaraa keessatti al lama eeramee jira.
Hayyooti amantii qo'ataniifi Kitaaba Qulqulluu hiikan Galaanni Diimaan galaana namni amantiin Museen yeroo ''sabasaa warra Israa'el gabrummaa Masrii jalaa baasee gara lafa kakuu Kanaan jedhamutti geessu waraana mootii Fara'aoon duubaa itti dhufaa ture jala bahuuf Galaana Diimaa addaan hiree isaan dabarse,'' jechuun amanu. Seenaan kuni waggoota 2,000 qabee himamaa jira.
Afaan Ibraayisxiin Galaanni Diimaa Yaam Saaf jedhama kunis galaana alaltuu akka jechuuti.
Xiinxaltoonni seenaa garii akka jedhanitti bishaan Museen sabasaa keessa ceesise burqaa xiqqoo hamma haraa gahu kan alaltuun irratti biqile kan daangaa Masriirra argamu dha jedhu.
Gama biraan qorattoonni taatee uumamaa xiinxalan bara 2010tti qorannoo taasisaniin waan addaa tokko hubatan, innis naannichatti qilleensi sa'atii tokkotti km100 waan qilleensa'uuf bishaan naannichaa gad fagoo hin taane dhiibee lafa gogaatti baasuun sa'atii muraasa booda bishaanicha itti garagalche kan jedhu dha.
Taateen qilleensaa kuni 'wind setdown' kan jedhamu yoo tahu ibsa Macaafa Qulqulluu ''...qilleensa bahaa jabaa...'' jedhu wajjin walsima.
Haa tahu malee akka Macaafni Qulqulluu jedhu waraanni Fara'oon Galaana Diimaa keessatti dhidhimuusaaf ammallee ragaan arkiyoolojii ifatti galmaa'e hin jiru.
Mootummaa Aksuum fi Galaana Diimaa
Mootummaan Aksuum Dhaloota Kirsitoosiin Booda bara 100 hanga 800 Galaana Diimaa to'ata ture.
Aksuum yeroo bulchiinsi isa jabaafi badhaadhaa turetti Kaaba Itoophiyaa fi Ertiraa dabalatee Jibuutii, Sudaanii hanga Yaman bulchaa ture.
Sababiin itti badhaadhe ammoo buufata doonii Aduulis irraa Galaana Diimaa waan to'achaa tureefi.
Ilkaan arbaa, warqii, sunqoo fa'a warra Roomaatti gurguru ture, warra Roomaafi Hindii irraa ammoo waayinii, qaruuraa, sibiila, meeshaa waraana fa'a bitatu ture.
Kana malees warri Aksuum doonii Galaana Diimaarra darbu hunda gibira kaffalchiisaa turan.
Mootiin Aksuum Ezaanaa jedhamu nama jalqabaa amantii Kiristaanaa fudhate yoo tahu warri Aksuum Galaana Diimaa akka safeeffatan galmeen seenaa ni hima.
Galaanni Diimaa bishaan 'Waaqni karaa Muusee raajii itti hojjete,' jechuun waan amananiif galaanicha eeguu akka waan gochaa amantiitti ilaalu.
Gama biraan Ertiraan maqaa ishee kan argatte maqaa durii Galaana Diimaa ,Ertiraa Taalaas jedhurraati.
Yeroo Xaaliyaaniin bara 1890 biyyattii koloneeffatte maqaa Giriik durii eeruun Ertiraa jechuun haa moggaftuyyuu malee uummati naannoo sanaa Madri Bahaarii jechuun of waamu ture.
























