US sagantaa niwukilaaraa Iraan irratti nama odeeffannoo kenneef badhaasa dolaara mil 20 dhiyeessite

Madda suuraa, EPA/Shutterstock
Ameerikaan waa'ee sagantaa niwukilaaraa Iraan odeeffannoo nama kenneef hanga doolaara miiliyoona 20 akka badhaastu beeksifte.
Ministeera Dhimma Alaa jalatti dameen Badhaasni Haqaaf nama odeeffannoo kana kennu iddoon jireenyaa akka geeddaramuuf ibseera.
Pirezidaant Doonaald Tiraamp bara darbe duula boombii Ameerikaa fi Israa'el hordofuun dhaabbileen niwukilaraa Iraan ''guutummaan guutuutti dhabamsiifamaniiru'' jechuun himaniiru.
Iraan sagantaa niwukilaraa ishee nagaa qabeessa ta'uufi meeshaa waranaa niwukilaaraa hojjechuuf yaada akka hin qabne irra deddeebiin dubbatti.
Gama biraatiin ammoo waraanni Ameerikaa sochii meeshaalee waraanaa fi meeshaalee Iraan, qoqqobbii irra kaa'ame daangessuuf tattaaffii Waashingitan taasiftu cimsuuf garee hojii hundeessaa jira jedha.
Ajajni Giddugaleessaa waraana Ameerikaa (Centcom) akka jedhetti gareen Task Force Iron Gate jedhamu, Filooriidaa iddoo Taampaa jedhamurraa irraa kan hojjetu yoo ta'u, dhaabbilee mootummaa Ameerikaa biroo waliinis wal tumsa.
Akkasumas sochii meeshaa waraanaa, itti fayyadama teeknolojii siviilii waraanaaf gochuufi galii seeraan alaa irrattis xiyyeeffachuun hojjeta.
Centcom akka tilmaametti uggura humni galaanaa buufata doonii Iraan irratti raawwateen biyyattiin alergii boba'aa jikitaa doolaara biiliyoona 25 ol akka dhabdu godheera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa waa'ee badhaasa doolaara miliyoona hedduun lakkaa'amu ilaalchisee ibsa kenneen akka jedhetti, maallaqa kana odeeffannoo sagantaa niwkilaaraa Iraan irratti, odeeffannoo waa'ee ''meeshaalee fi hojjettoota sagantaa kanaan hidhata qabanirratti nama kennuuf'' akka badhaasu hime.
Iraan dhaabbata dhimma niwukilaaraa sakatta'u IAEA [the International Atomic Energy Agency] odeeffannoo kennuu irratti waliigalaa waan hin jirreef dhaabbatichi oomishaafi seentiriifiyuujii beekumsi jiru addaan citeera jedhe.
Seentiriifiyuujii yuraaniyeemi oomishuuf kan barbaachisu yoo ta'u, kunis boba'aa riyaaktarii fayyadama siiviiliitiif ta'u hojjechuuf kan ooludha garuu, hamma %90tti qulqullinnisaa yoo eegame meeshaa waraanaa niwkilaaraa tolchuufis ni oola.
Filannoo walakkeessaa booda Ameerikaan Iraan irratti haleellaa guddaa deebiftee jalqabuu dandeessi tilmaamni jedhu bahaa tureera, Tiraamp filannoo dura gaazexeessitootaaf deebii kennaniin, kana gochuun ''jarjarsuu hin qabu,'' jedhan.
Filannoo marsaa walakkeessaan dura af gaaffii Fox News waliin taasisaniin, pireezidaantichi Ameerikaan ''Pickaxe [Mountain]" iddoo lafa jalaa Iraan sagantaa niwukilaraa itti oomishtu akka adamsan himan.
Kun ''waan guddaa miti'', ''sa'aatii tokko keessatti'' raawwatamuu danda'a jedhan Tiraamp.
Pireezidaantichi kanaan dura irra deddeebiin bakka lafa jalaa shakkamu kana boombii haleeluuf doorsisaa turaniiru.
Haa ta'u malee, Tiraamp fi ittaanaan pirezidaantii JD Vaans lamaan waraanni Iraan Paartiin Rippaabliika filannoo marsaa walakkaa akka hin mo'anne gochuu himuun, Waayit Haawus kana booda dubbii Iraan waliin jiru laaffisuu mala tilmaama jedhu kaaseera.
Jimaata darbe Traamp Iraan waldhabdee ji'oota saddeetiif US waliin ture xumuruuf fedhii guddaa akka qabdu cimsanii ibsuun, waa'ee miidhaa diinagdee fi waraanaa Teehraan irra gahe cimsanii dubbataniiru.
"Amma isaan waliin wal quba qabna. Waliigaltee raawwachuu baayyee barbaadu," jedhe.
Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Qataar Kibxata darbe akka jedhanitti, gamni lachuu ''yaadota dhiheessine gamaaggamaa jiru'' fi waliigateerra gahu abdii jedhu qabna jedhan.
Mariisistoonni Iraan Ameerikaan haal-duree torba kaa'an yoo guutte guyyoota lama keessatti Ulaan Hormuuz akka banamu himaniiru.
Ameerikaa fi Iraan baatii Waxabajjii darbe waraana kana xumuruu fi Ulaa Hormuuz kana deebisanii banuuf waliigaltee marsaa duraarra gahanii ture, tahus Iraan doonii irratti haleellaa raawwattu deebitee eegaltee jennaan US uggura deebiftee jalqabde.


























