Viniishiyees Jr daa'ima lola Sudaan keessatti miila lamaan dhabeef ergaa jajjabinaa dhaame

Zaahir daa'imman miliyoonaan lakkaawaman jiruun isaanii waraana Sudaaniin gaaga'ame keessaayi
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kutaa dukkanaa magaalaa Kaayiroo keessa mucaan waggaa 13 ol jedhee ija libsachaa TV ilaala.

TV gubbaatti taphataan beekamaan kilaba Ispeen Riyaal Maadriid Viinishiyees Juuniyeer "-Haloo Zaahir.

Zaahir otoo hin socho'in, ija bal'isee taphataa kubbaa miilaa jaallatu ilaalaa hafe.

Yeroo jalqabaatiif Zaahir kanin arge magaalaa Sudaan Kaartuum waraanaan bututte keessatti.

Daa'ima kichuu, waraana sodaatu ture. Daa'imman Sudaan miliyoonaan lakkaawwaman waraanni jireenya isaanii jeeqe keessaayi.

Waraanni Sudaan bara 2023 keessa lola waraana biyyattii fi garee Humna Dafee Dhaqqabaa (RSF) gidduutti dhalatedha.

Akka dhaabbanni gargaarsa daa'immanii kan Biyyoota Gamtoomanii,UNICEF ibsutti, yeroo ammaa kana Sudaan keessatti daa'imman miliyoona 17 ol ta'an gargaarsa namoomaa barbaadu.

Dhaabbatichi yoo xiqqaate daa'imman 4,300 ta'an ajjeefamuu ykn qaamni isaanii hir'achuu akka mirkaneessse kan ibse yoo ta'u, lakkoofsi sirriin garuu baay'ee ol'aanaa ta'uu akka malu amana.

Zaahir haleellaa dirooniitiin miila isaa lamaanuu dhabeera. Carraa yaala addaa xiqqaa ta'e waliin, guyyaa deebi'ee deemuu fi kubbaa miilaa taphachuu danda'u abjootaa ture.

Waggaa tokkoo ol booda, yeroo nuti gara mana jireenyaa magaalaa guddoo Masrii keessatti argamuu seennu, Zaahir hammatee, nu simate. Haati isaa, Habiibaaniis, nu hammachuun nu simatte.

Ergaa viidiyoo dabarseefiin, taphataa colleen Riyaal Maadriid Viníshiyees Jr tapha Riyaal Maadriid akka isa waliin ilaaluuf affeereera
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Daa'imni nuti kaleessa saalfataa fi callisaa turuu isaa beeknu sun har'a amma guutummaatti jijjiirameera. Ofitti amanamummaa kan qabu, qoosaa kan jaalatuu fi kan seeqaan guutame ta'eera.

Akkasumas miila nam-tolchee (piroosteetiksii) haaraa lamaan dhaabbatee ol jedhee mul'ata.

Waggaa tokkoof kan dhiyaatuuf Kaayiroon mana isaa taatee jirti. Achitti baqaqsanii waldhaanuu fi ji'ootaaf yaala deebisanii dandamachiisuu erga argatee booda, amma dhaabbatee deemuu fi kubbaa dhiituu danda'e.

Yeroo bara 2025 wal argineeti, taphataan kubbaa miilaa inni baay'ee jaalatu Viiníshiyees Júniyeer ta'uu nutti himee ture.

Nutis ergaa kana garee Riyaal Maadriidiif dabarsuu dandeenyeerra; Viinishiyeesis ergaa viidiyoo dhuunfaa isa jajjabeessu erguufii akka barbaadu dubbate.

Kaayirootti deebinee erga wal arginee booda, waliin taanee viidiyicha ilaaluuf walitti qabamne.

"Seenaan kee naaf himameera. Ji'oonni darban kun siif hammam ulfaatoo akka turan nan beeka," jechuun taphataan kubbaa miilaa lammii Biraazil kun ergaa isaa eegala.

Viinishiyees kubbaa miilaa keessatti loogii sanyummaa mormuu fi namoota gurraacha deeggaruun sagalee adda duree ta'edha; yeroo ergaa kana ilaalu Zaahir fuulli isaa ni ife, seeqa.

Taphatichi, "Ati nama gurraacha cimaadha. Miila nam-tolchee kee haaraa kanatti akka gaariitti akka fayyadamtu, gara kubbaa miilaa taphachuutti akka deebituu fi gammachuu akka argattu dhugumaan nan abdadha. Kun siif mala," jechuun yoo jajjabeessu fuula Zaahir gammachuun ni mul'ata.

Zaahir

Vinishiyeesh Jr affeerraas godheef: "Tapha Riyaal Maadriid akka daawwattu si affeera. Guyyaa keenya waliin dabarsina."

Zaahir hedduu gammade. Gadi bahe. Yeroo muraasa booda, maaliyaa (T-shartii) Vinishiyees Jr uffatee ol deebi'e. Gaaf tokko affeerraa kana viisaa argatee Ispeen deemuun tapha Maadriid waliin laaluuf hawwii jabaan keessatti uumameera.

"Akkan isa jaaladhu Vinishiyeesitti naa himi" jedhe. "Ergaan isaa baay'ee na cimse" jedhe.

Haati isaa Habiibaan, "Akka waan addunyaa guutuun Zaahir faarsaa jirtuufi milkii isaa hawwaa jirtuutti natti dhagahame" jetti.

Zaahir bara 2024 keessa Kaartum keessatti dirooniidhaan miila lamaan dhabe. Haadha isaa waliinis danqaman magaalaa keessatti.

Ogeettiin seeraa Diinaa Laatif,lammii Sudaan taatee fi UK jiraattu gabaasa BBC argitee booda waldhaansa fayyaasaaf duula oonlaayiniin maallaqni Dolaara 60,000 walitti akka qabamuuf goote. Ji'oota waldhaansi baqaqsanii yaaluu godhameefii miilli nam-tolcheenis hojjetameef.

Zaahirii fi haati isaa amma Kaayiroo jiraatu. Inni ammaan tana abjuu ijoollummaa isaa jiraachuu fi gammaduuf hiree wayyoo argateera. Miliyoononni daa'imman Sudaan garuu ammas waraana keessatti makaraa argu.

Zaahir miila namtolcheedhaan kubbaa akkamiin akka taphatu barachaa jira