KALLATTIIN , Sooriyaan loltoota gara Sa'uudii Arabiyaa erguuf

Sooriyaan loltoota gara Sa'uudii Arabiyaa fi daangaatti bobbaasuun waraana biyyattiin hidhattoota Huutii waliin gaggeessaa jirtu irratti tumsuuf qophaa'uu maddeen dhimma kana itti dhiheenyaan beekan Asoosheetid Pireesitti himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sooriyaan loltoota ishee gara Sa'uudii Arabiyaa erguuf qophoofte

    Dureewwan Sooriyaa fi Sa'uudii Arabiyaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan Sooriyaa fi Sa'uudii Arabiyaa

    Sooriyaan loltoota gara Sa'uudii Arabiyaa fi daangaatti bobbaasuun waraana biyyattiin hidhattoota Huutii waliin gaggeessaa jirtu irratti tumsuuf qophaa'uu maddeen dhimma kana itti dhiheenyaan beekan Asoosheetid Pireesitti himan.

    Aanga'aan naannawa sanaa tokkoo fi aanga'oonni Sooriyaa lama akka himanitti gorsitoonni waraanaa Sooriyaa loltoota dursuun gara Sa'uudii Arabiyaa imalaniiru.

    Dhimma kanarratti ifatti dubbachuuf eeyyamni akka hin kennamneef kan ibsan aanga'oonni kunneen maqaansaanii akka hin eeramne gaafachuun hanga yoonaa waraanni gara Yaman seene akka hin jirre dubbatan.

    Aanga'oonni mootummaa Sa’uudii Arabiyaa dhimma kana irratti yaada kennuu irraa of qusataniiru.

    Yeroo ammaa waraanni Yaman keessatti finciltoota Huutii fi humnoota mootummaa Yaman kanneen Sa’uudii Arabiyaan deeggaraman gidduutti gaggeeffamaa jiru hammaatee itti fufeera.

    Loltoonni Huutii daangaa Sa’uudii Arabiyaa keessatti kallattiin haleellaa raawwachuu itti fufaniiru.

    Waldhabdeen Sa’uudii Arabiyaa fi finciltoota Huutii gidduutti jiru kan babal’ate, Ameerikaa fi Israa’el Guraandhala darbe Iraan irratti haleellaa erga raawwatanii booda.

    Sooriyaan waraana waliinii waggoota dheeraaf ture keessatti loltoota muuxannoo qaban qabaattus, hanga ammaatti walitti bu’iinsa naannichatti babal’ate kana fagootti hordofaa turte.

    Sa’uudii Arabiyaan xiyyaarota waraanaa ammayyaa Ameerikaan isheef dhiheessiteefi sirna ittisa misaa’elotaa qabaattus, Huutiiwwan mo’achuu hin dandeenye.

    Michoota Sa’uudii Arabiyaa keessaa hedduun isaanii waraana Huutii irratti loltoota lafoo bobbaasuuf fedhii dhabanis, hariiroon mootummaa Sooriyaa Sa’uudii Arabiyaa waliin qabu garuu adda ta’uun ibsameera.

    Yeroo waraanni waliinii Sooriyaa keessatti gaggeeffamaa turetti, Sa’uudii Arabiyaan gareewwan mormitootaa adda addaatiif deeggarsa maallaqaa gochaa turte.

    Akkasumas, waraana booda hojii deebisanii Sooriyaa ijaaruu keessatti deeggarsa maallaqaa biyyattiin baay’ee barbaaddu kennuuf waadaa galteetti.

    Aangawaan Sooriyaa tokko akka ibsanitti, marsaa jalqabaa keessatti loltoonni humna addaa Sooriyaa gara 600 ta’an torban dhufu Sa’uudii Arabiyaa keessatti akka bobbaafaman ni eegama.

    Aangawaan kun dabalataan, loltoonni gara Sa’uudii Arabiyaa ergaman lammiiwwan Sooriyaa qofa akka ta’an ajajni kennamuu isaa ibsaniiru.

  2. Akkam bultan?

    Baadiyyaa Itoophiyaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Baadiyyaa Itoophiyaa

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo! Tamsaasi kallattii Sadaasa 9, 2026 eegaleera.

    Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gaggabaabsinee toora kanaan isin biraan geenya. Nu hordofaa!

    Odeeffannoo tamsaasa kallattii duraan dabarsaa turre asii argattu.

    Odeessaalee biroo karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!