Torban kana Afrikaan suuraan waan fakkaattu: Mudde 29, 2023- Amajjin 4, 2024

Shamarran yeroo suura ka'an
Ibsa waa'ee suuraa, Jala-bultii kabaja waggaa haaraatti shamarran Finfinnee, Itoophiyaa Addabaabaayii Masqalaatti yeroo suura ofee [selfie] ka'anitti.
Maxxanfame

Suuraawwan filatamoo torban kanaa Afrikaa keessaa.

Simannaa waggaa haaraa
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni Afrikaa Kibbaa lafa fagoo Misingaa jedhamu jiran barri moofaan darbee waggaa haaraa simachuuf akkasiin uffatanii bahan...
Dargaggoota agarsiisa dhiyeessan
Ibsa waa'ee suuraa, Qophiin kana fakkaatu kun jiraattota gandaa gidduutti aadaan waliin jiraachuufi amalli gaariin dargaggoota biratti akka baratamu gochuuf kan qophaa'edha.
Dubartii mucaashee taphachiistu
Ibsa waa'ee suuraa, Jala-bultii waggaa haaraarratti dubartiin Naajeeriyaa, Leegos keessatti wayita daa'imashee taphachiiftutti.
Daa'ima hamuummatu
Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaa, waldaa Kiristaanaa Kibeeraa keessa jirutti wayita tajaajilli kadhannaa gaggeeffamaa jiru daa'imni hanga dhumaatti turuuf rakkachuu.
Nama fuula faayamaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Waggaa haaraa simachuuf, Afrikaa Kibbaa-Keep Tawonitti namoonni yeroo fuula isaanii halluu dibatan...
Nama uffannaa aadan faayame
Ibsa waa'ee suuraa, Aadaa waggaa 300 ol lakkoofsise kan guyyaa garboonno hojiirraa boqonnaan itti kennamuuf yaadatan, Amajji 2. Kun waggaa waggaan kabajama...
Namoota hiriira galanii jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa Kibbaa magaalaa Mabopaan keessatti namoonni kabaja loltoota Afrikaa WWI irratti hirmaatan yaadachuuf agarsiisaaf bahan.
Agarsiisa waggaa haaraa simachuuf
Ibsa waa'ee suuraa, Kabaja Waggaa Haraarratti agarsiisn ispoortiis ni jira. Wixatarra, Keeniyaa Lixaa Kaagaameggaa keessatti namoonni dirreetti bahaniii osoo dhoqqee hin lagatiin akkasiin burraaqu.
Namoota dorgommii wallaansoo godhan
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Niijer, Agaadeez keessatti namoonni lama dorgommii wallaansoo kan waggoota 44 darban waggaa waggaan gaggeeffamerratti agarsiisaa jiran.
Nama gammachuusaa ibsatu
Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata darbe filannoo waliin walqabsiisee Dimokiraatik Rippablik Koongoo-Kinishaasaa keessatti sammuun namootaa dhimma siyaasaarra ture. Kun ammoo Pirezidant Feliiks Teshkeedeen yeroo filannoo mo'atanitti gammachuu akkasiin ibsachaa turan.
Nama bishaan daakuf utaalu
Ibsa waa'ee suuraa, Jimaata Somaaliyaa-Moqaadishootti namoonni yeroo sammuun isaanii siyaasa dagatutti Garba Indiyaa keessatti akkasiin utaalanii taphatu.
Namoota gammachuu ibsatan
Ibsa waa'ee suuraa, Haata'u malee, Kibxata yeroo miseensonni Mana-maree yeroo pirezidantiin Somaaliyaa parlaamaa keessatti waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee mallatteessuu balaaleffatanitti deeggarsa isaaniif dhageessifame.