Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
KFOn walitti bu'iinsa magaalaa Moyyaalee ilaalchisuun mootummaan federalaa "callisuu filateera" jechuun qeeqe
Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n mootummaan federaalaa dhimma magaalaa Moyyaalee guyyootaaf walitti bu'iinsi keessa turte ilaalchisee "callisuu filateera" jechuun qeeqe.
KFOn ibsa Sambata Onkoloolessa 24, 2026 baaseen, walitti bu'iinsa, weerara humnoota hidhatanii fi jijjiirama bulchiinsaa heeraan alaa magaalaa Mooyyalee fi Godina Booranaa, Kibba Oromiyaa keessatti raawwatamaa jira jedhe cimsee balaaleffateera.
Walitti bu'iinsi torban darbe Dilbata 18, 2026 magaalaa Moyyaalee daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti ka'e alaabaan naannoo Somaalee fannifamuu waliin kan walqabate ture. Sababa kanaan shamarreen umuriin ishee waggaa 13 taate ajjeefamuun ammoo walitti bu'iinsichi daran akka hammaatu taasiseera.
Kamisa irraa eegalee walitti dhukaasuun "meeshaa waraanaa gurguddaan deeggarame" dhaga'amaa akka ture jiraattonni BBCtti himaniiru. Manneen jireenyaa fi suuqiiwwan dabalatee qabeenyaan hedduus gubachuu isaanii jiraattonni ibsaniiru.
Jiraataan BBCn dubbise tokko guyyaa sanarra qofa hidhattootaa fi namoota nagaa dabalatee namoonni sagal du'uu isaanii dubbatee ture.
Ajjeechaa suukanneessaadha jedhe daa'ima dubaraa umuriin ishee waggaa 13 ta'e, Diqqoo Jaatanii, irratti Onkoloolessa 8, Bara 2019 (A.L.I) magaalaa Mooyyalee keessatti raawwatameef gadda guddaa itti dhaga'ame kan ibse KFOn, "gochi suukanneessaan kun Humnoota Addaa Naannoo Sumaaleetiin raawwatameera," jedhe.
Akka ibsa KFOtti, "waraana kanaan namoonni dabalataa 9 akka ajjeefamaniifi namoonni 2,400 ol akka buqqa'anii gara Keeniyaatti baqatan hubatamee jira."
BBCn garuu lakkoofsa namoota ajjeefamanii kanaa maddeen walabaarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Rooyiters gabaasa Jimaata baaseen, guyyoota walitti dhukaasuun ture keessatti "yoo xiqqaate namoonni sagal" ajjeefamuu eereera.
Madda hospitaalaa Moyyaalee tokko eeruun namoonni miidhaman 30tti siqan gara dhaabbata fayyaa wallaansaaf deemuu isaaniis gabaaseera.
Namoonni walitti bu'iinsa kana baqatan yoo xiqqaate kuma 10 ta'an gara Keeniyaatti ce'uu maddeen Fannoo Diimaa biyyattii akka himan AFPn ibsa baaseen mul'iseera.
Walitti bu'iinsa guyyootaaf itti fufe kanaaf hanga ammaatti sadarkaa naannootti aanga'oota Oromiyaa fi Somaaliyaa irraa yaadni kenname hin jiru.
Mootummaan federaalaas hanga ammaa walitti bu'iinsa kana ilaalchisee homaa hin dubbanne.
KFOn ammoo ibsa isaan torbanoota darban keessa "weerarri daangaa Oromiyaa irratti humnoota hidhatan kan Naannoo Sumaalee irraa dhufaniin gaggeeffamu haala yaaddessaa ta'een dabalaa dhufeera" jedheera.
"Dhimmicha yaaddessa kan godhu, naannolee mootummaa paartii tokko jalatti bulan keessatti humnoonni mootummaa hidhatan weerara gaggeessuu issaniti. Gochawwan akkasii kunniin lafa humnaan qabachuu, horsiisee bultoota Oromoo Booranaa qe'ee irraa buqqisuu fi daangaa bulchiinsaa gamtokkeen jijjiiruu kan dabalatan yoo ta'u, kunis heera mootummaa kallattiin cabsuudha. KFO'n falmiin daangaa humnaan, doorsisaan yookaan alaabaa dhaabuun furamuu akka hin dandeenye cimsee amana," jechuun hubachiiseera.
"Ummattoonni Oromoo fi Somaalee seenaa dheeraa nagaan waliin jiraachuu, hariiroo daldalaa fi aadaa qabu qabu" kan jedhu KFOn, ummattoonni naannolee lamaanii ajandaa siyaasaa walqoodiinsaa kan rakkoo bulchiinsaa dhoksuuf qophaa'e akka fashaleessan waamicha dhiheesseera.
Paartichi itti dabaluun, "haleellaawwan hidhannoon deeggaraman ummata Oromoo Booranaa irratti aggaamamanii fi weerarawwan irratti taasifaman guutummaan guutuutti akka dhaabbatuu" gaafateera.
Kongiresiin Federaalawaa Oromoo ibsa baase kanaan "callisuu filateera" jechuun mootummaa federaalaa qeeqeera.
"Mootummaan federaalaa kanaan booda callisuu filachuu ykn rakkoowwan seena qabeessa ta'an wal xaxoo [akkasii] ilaalchisee tarkaanfii fudhachuu dhiisuu akka sababaatti itti fayyadamuu hin danda'u," jedheera ibsa baase kanaan KFOn.
Mootummaan federaalaa "nageenya lammilee nagaa eegsisuu" akkasumas " buqqaatii hawaasa horsiise bulaa dhaabsisuu ilaalchisee itti gaafatamummaa isaa ba'achuu" akka qabus hubachiiseera.
KFOn mootummaa federaalaa qofa miti kan qeeqe, mootummaan naannoo Oromiyaas gahee isarraa eegamu akka hin ba'atiin ibseera.
"Mootummaan naannichaa nageenya jiraattotaa eegsisuu fi daangaa Oromiyaa kabachiisuu dadhabuu isaatiif itti gaafatamaadha," jedheera.
Ajjeechaa shamarree ol adeemtuu umuriin ishee waggaa 13 taatee fi haleellaa namoota nagaa biroorra gahe ilaalchisee "qorannoon ifa, bilisaa fi hatattamaa" akka gaggeefamu, akkasumas "warra ajaja kennan dabalatee raawwachiiftonni sadarkaa hundarra jiran seeraan akka gaafatamaniif" waamicha dhiyeesseera KFOn.