Maatiinkoo deeggarsa hakiimaan du'uu filannaan qofaatti hafeen gaddaa jira

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Odeessi kuni miira isin jeequu mala

Waxabajjii 2024 ganama barii, Baas kaaba Neezarlaand konkolaataasaa iddoo jireenyaa maatiisaa biratti dhaabe. Maatiinsaa konkolaataa gara mana jireenyaatti geeddarame keessa jiraatu.

Abbaa fi haati isaa Jaaniifi Eels jireenya gaaʼela isaanii harka caalu bishaan irratti dabarsan. Amma umuriin isaanii 70 keessa seennaan, mana isaanii bishaan irraa bulchuu dadhabaa dhufan.

Jaaniifi Eels konkolaataa ilma isaanii Baas keessa seenan- imalli kuni ilma isaaniifis tahe isaaf isa dhumaa tahuuf deema.

Gaaf sana ganama sa'atii 4:30 irratti hafuura isa dhumaa baafatu. Doktaroonni qoricha isaan ajjeesu kennuufi. Kunis ofii iyyata galchanii, eeyyama isaaniin taasifama.

Neezarlaand keessatti namni tokko jiraachuu hin barbaadu yoo jedhe deeggarsa hakiimaan akka du'u taasifama.

Namoonni lama tahanii al takkaa du'uuf murteessuun hedduu tahuu baatus hinuma mul'ata.

Neezarlaand keessatti waggaa waggaan namoonni haala kanaan du'a filatan lakkoofsi isaanii dabalaa dhufeera.

Jaan fi Eels gara beellama isaaniitti otoo hin deemiin guyyaa sadii dura BBCf af gaaffii kennanii ture .

Jaan dhukkubbii walirraa hin citne qaba. Waggootaaf geejjiba fe'umsaa galaanarra Neezarlaand keessatti dabarsuusaan dhukkubbii kuni isa argate. Eels dhukkubni waa dagachuu irratti argameera.

Seenaan isaanii guutuu addunyaatti ijoo dubbii tahee ture.

Amma waggaa lamaa ol booda mucaan isaanii tokkichi waliin du'uuf murteessuu isaanii deeggarullee akka murtoo isaanii tursan garuu isaan kadhachaa ture.

Murtoon haadhasaafi abbaasaa dhiibbaa irraan gaheefi qofummaa erga isaan du'anii isa argate ibsa.

Imala gara du'aa

"Imala keenya sirriitti yaadadha," jedha. Konkolaataa keessa haati isaa teessoo duubaa irra teesse abbaan cinaa isaa taa'e.

Jalqaba haasa'aa turan. Eels murtoo isaanii gargaarsa hakiimaan du'uu waan duubatti deebiftu hin fakkaatu. ''Abbaan koo garuu xiqqoo miira keessa kan gale fakkaata,'' jedha Baas.

Jaan ilma isaan waan sirrii hojjechaa jiraachuu isaanii gaafate. Baas murtoo kanarratti kan shakkii qabaatu haadhasaa se'ee ture.

"Haati koo yeroo hunda jireenyatti baay'ee gammaddu turte," jedha Baas. ''Hamma ganna 80 ykn 90 jiraachuu akka barbaaddu natti himtee ture,'' jedha.

Garuu abbaan isaa sababa dhukkubbii waggoota kudhanii ol irra tureef waa'ee hakiimaan du'uu dubbachaa ture.

Baas abbaa isaa tasgabbeesse. Jaan yeroo tasgabbaa'ee osoo takkaa walitti hin dubbatanii konkolaataa oofaa, muuziqaa dhaggeeffachaa imaluu itti fufan.

Imala kana jalqabuun ji'ootan dura, Baas guyyaa itti du'an akka tursan amansiisuuf yaalaa ture.

"Xinnoo akka turaniif amansiisuuf yaaleera - maaliif hamma gannaatti ykn bara dhufutti hin eegnu?"

Baas raata'ee ture. Warrisaa deeggarsa hakiimaan du'uuf murteessuun mirga isaanii akka tahe amanus, isa jalaa akka deeman garuu hin barbaadu ture.

"Abbaan koo, waggaa 10 hanga 15 haala kana keessa ture, kanaaf tarii waggoota muraasaaf turuu danda'a ture. Garuu waggaa biraa eegnaan, haati koo rakkina keessa seenti..."

Eels du'a kanaaf iyyachuu yoo boodatti harkifte, dhukkubni Alzaayimarii kuni hammaatee balaadhaaf saaxilamti, yoo guutummaatti waa dagachuu itti fufte murtoo gargaarsa hakiimaan du'uu kana murteessuuf ulaagaa hin guuttu.

Dhaabbata deeggarsa hakiimaan itti du'an

Yeroo iddicha gahan Baas lafa konkolaataa isaa itti dhaabu argate.

''Abbaan koo konkolaataa koon gaaritti jedhe-konkolaataa koo jaalata ture, waan gaarii irra jirta, galatoomi'' jedhe.

''Achii gara keessaatti ol seenne,'' jedha Baas. ''Iddoosaanii bu'ii yaadimee gara du'aatti beekaa deemuun, waan hin amanamne dha.''

Sa'atii lamaaf maatii, firroottaniifi hiriyyoonni dhufanii deemaa turan. Qalbiin duubatti deebi'aa, muuziqaa dhaggeeffachaa tura, Baas takkaa waan hundumaa dhaabsisuuf yaasaa ture.

Garuu ammoo murtoo kanarra ga'uuf isaan deeggaraa waan tureef ''amma wayii dubbachuu akka shakkiirra isaan hin buusne jedheen dhiise,'' jedha.

''Tasgabbiidhaan yeroo fudhatee nagaa dhaammachuu filate.''

Sa'aatii 4:30 tahuun dura hakiimonni qoricha ajjeesu Jaan fi Eelsiif kennan dhufan. Haatiifi abbaansaa siree hospitaalaa irra wal cinaa ciisan.

Yeroo dhumaa sana keessattis, of wallaaluu isaaniin dura, Baas maatiinsaa akkatti walitti dhiyaatan hubate.

"Jireenya koo guutuu keessatti tarii yeroo sadii afur harka wal qabatanii yeroo deeman argeera," jedha. "Amma garuu harka wal qabatanii ciisanii turan. Sunis miira gaarii naaf kenne - dhuguma murtoo kanas waliin raawwachaa jiru.''

Baas maatiinsaa sa'atii walakkaan booda hafuura baafachuu yeroo dhaaban ''kana booda lubbuun hin jiran,'' waan jedhu amane.

"Ergasii haalli jiru maal akka ta'e hubatta - sun miira sammuun tilmaamuu hin dandeenye dha" jedha.

Dhaabbatichaa osoo hin bahiin Baas gaddi guddaan itti dhagahame. Kophummaa jabaatu isa weerare.

"Gaddi waan baay'ee baay'ee jabaa dha, ani obboleessaa fi obboleettii hin qabu - dhuguma kophummaan natti dhaga'ame," jedha.

Yoo haati fi abbaan si guddisan, yeroo inni tokko du'u, yaadannoo fi gadda kee isa kaan waliin hirmaatta. Garuu lamaansaanii iyyuu hin jiran.

"Akka waan miilli koo lamaan narraa citetti natti dhagahame," jechuun yaadata Baas.

Gaddisaas qaamaanis mul'ataa ture - torban afur ykn shan dhukkubbii itti dhaga'ame. Qaamni isaa akka waan madaa qabuu tahe.

"Dhugumaan kana namoota biroof hin gorsu jedhee murteessuu hin danda'u," jedha. "Tarii isaaniif [warra kootiif] filannoo gaarii ta'uu danda'a, garuu yeroo tokkotti lamaan isaanii dhabuun baay'ee, baay'ee na miidheera,'' jedha.

'Waa jedhamu hundi jedhameera'

Neezarlaand keessatti deeggarsa hakiimaan du'uuf namoota iyyatan keessaa yeroo isa sirrii filatanii lubbuun ofii akka baatu gochuun murtoo akkaan walxaxaa tahe dha.

Bara 2024 keessa Neezarlaanditti namoonni 9.958 deeggarsa hakiimaan du'uu filataniiru. Isaan keessa 108 kan tahan michuu gaa'elaa ykn kaan waliin lama tahanii du'uu filatan.

Jaan fi Eels ba'aa murtoon jireenyaa isaanii ilma isaanii irratti qabaatu sirriitti beeku turan. Baas adeemsa imala du'aa isaanii keessatti hakiimota isaan deeggaran waliin walgahii hirmaachaa ture.

Mariin maatii ifatti taasifama ture. Yeroo baay'ee, namni jaallannu tokko yeroo du'u gaabbii qabna – keessumaa waan osoo hin dubbatamin hafe yoo jiraateef jecha. Baas kuni isa hin mudanne beellama maatiisaa guyyaa muraasaan dura xalayaa barreesseefi.

"Abbaa fuula saddeetitti ture," jedha Baas. "Sanbata halkan galgala gara manasaanii deemee, xalayaa guutuu isaaniif dubbiseera. Xalayichi waa'ee jireenya keenyaa ture,oolmaa isaaniif isaan galateeffachuudha."

Jaaniifi Eels xalayicha dubbisuun booda garaan isaanii boora'e, ni tuqaman. Tahus isaan namoota jaalala isaanii ifatti walitti agarsiisani miti, Baasiifis akkasuma. Imala isaanii jalqabuun dura garuu Jaan ilmasaa hammte.

''Kun tasumaa hin irraanfatamu, waan hunda waliin jenneerra. Gaabbiin hin jiru,'' jedhe.