Itoophiyaa dabalatee warshaaleen warqii biyyoonni Afrikaa ijaaraa jiran ardicha hirkattummaa jalaa baasaa?

    • Barreessaa, Zelalem Tadesse
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

''Amma yeroo itti Afrikaan gama dinagdeen hirkattummaa biyyoota alaa malee gudachuuf dammaqxudha,'' jedhe Aliikoo Daangotee.

Itoophiyaan dinagdee biyyoota alaa irratti hin hirkanne ijaaraa jirtii?

Afrikaa Biyyoonni Afrikaa albuudota isaanii dheedhii biyya alaatti erguurra biyya keessatti oomishuu jalqabuun galii guddaa argamsiisuu qofa osoo hin taane carraa hojii guddaa fi teeknoloojii biyya keessa galchuufis gargaara jedhan ogeessonni.

Biyyoonni Afrikaa albuuda dheedhii alatti erguun gatii salphaatti gurguruu irraa biyya keessatti qulqulleessuun gatii dabaluun gara alaatti erguutti ce'aa jiru.

Itoophiyaan Warshaa Qulqulleessa warqii doolaara miiliyoona 50 oliin ijaartee biyyuma keessatti warqii qulqulleessuun gatii dabaltee gabaa addunyaaf dhiyeessuuf jetti.

Warshaan xaa'oo Aliikoo Daangotee waliin Itoophiyaatti ijaaramaa jiru pirojeektii isa guddaa biraati.

Isuma cinatti ammoo ijaarsi ujuummoo daddabarsa boba'aa [pipeline] Itoophiyaa fi Jibuutii wal qunnamsiisu Aliikoo Daangotee waliin Doolaara miliyoona 660 oliin ijaaramuu jalqabeera.

Baha Afrikaatti kan jalqabaa kan tahe Warshaan Calallii Boba'aa [Oil Refinery] doolaara biliyoona 16 tahuun Keeniyaatti ijaaramuu jalqabeera.

Biyyoonni Afrikaa albuuda isaanii dheedhii gatii rakasaan alatti ergaa turan amma ofumaaf oomishuun gabaa addunyaaf dhiyeessuutti ce'aa jiruu? Afrikaa dinagdeedhaan bilisoomte ijaaruun jalqabee?

'Harka alaa hin eeggannu'- Aliikoo Daangotee

''Namni kamiyyuu biyya biraa irraa dhufee Afrikaa guddoo ijaaruu hin danda'u. Yoo nuyi tahe malee. Lammiileen Afrikaa guddina ardichaaf biyyoota alaa irratti hirkachuu irra ofuma isaaniif irratti hojjechuu qabu'' jedhe Biliyonera Afrikaa kan tahe Aliikoo daangotee.

Aliikoo Daangotee Itoophiyaa keessatti warshaa xaa'oo fi akkasumas doolaara miliyoona 660 oliin ammoo ujuummoo daddabarsa boba'aa ijaaraa jira.

Keeniyaa keessatti ammoo biyyoota Baha Afrikaaf kan jalqaba kan tahe Warshaa Calaltuu Boba'aa Doolaara biliyoona 16 baasuun ijaaraa jira.

Ujuummoon daddabarsa boba'aa km 120 dheeratu buufata doonii Jibuutii fi Itoophiyaa keessaa hanga Dawwaaleetti wal qunnamsiisa.

MM Itoophiyaa Abiy Ahimed ujuummoon kun dhiyeessii boba'aa buufata doonii Jibuutii irraa ka'uun Finfinnee dhaqabsiisuuf guyyaa shan fudhataa ture gara guyyaa tokkootti xiqqeessa jedhan.

Aliikoo Daangotee biyyoonni Afrikaa qabeenya uumamaa isaanii biyyuma keessatti oomishuun gatii itti dabaluun gabaa addunyaatti dhiyeessuu qabu malee mi'a dheedhii alatti erguu hin qaban jedhe.

''Yerootti Afrikaan dammaquun dinagdee ishee irratti hojjechuu qabdu amma'' jedhan.

''Rakkoon guddina dinagee Afrikaa inni guddaan danqaa sochii uummataa, oomishaalee fi tajaajila biyyoota Afrikaa gidduu jirudha. Kana furuuf Waliigalteen Daladala Bilisaa Biyyoota Afrikaa hojiirra oola jedheen abdadha,'' jedhe Aliikoo Daangotee.

Hayyuu dinagdee fi dhimma albuudaa irratti gorsituu tahuun UN, Komishinii Dhimma Dinagdee Afrikaa [ ECA] keessa kan hojjettu Dr Maarit Qixaaw, biyyoonni Afrikaa imaammata itti fayyadama albuudaa isaanii jijjiiruuf kan kaayyeffatanii ka'an bara 2009 jedhan.

Yeroo sana 'Africa Mining Vision' kan jedhutu eegale jette.

Dr Maarit biyyoonni Afrikaa hedduun albuuda dheedhii gara biyya alaatti erguun galiin argatan xiqqaa ture. Innumtiyyuu biyya keessatti yeroo deebi'u damee kana guddisuu caalaa dhimma biraaf oola ture jette.

Itti dabaluun galiin albuuda alatti erguun argamu jireenya dhala namaas tahe dinagdee biyyoota afrikaa akka hin fooyyessine himte Dr Maarit.

Damee aannisaa irratti gorsaa tahuun kan tajaajilu Mooyaadin Nyaagaa, biyyoonni Afrikaa imaammata albuuda irratti qaban akka jijjiiran kan kakaase gaaffii dargaggoonni carraa hojii fi guddina dinagdee irratti kaasan haalaan dabaluu isaati jedhe.

Seenaa biyyoota Afrikaa keessa dhimma itti fayyadama albuudaa irratti rakkootu jira.

Biyyoota guddataa jiran keessatti waan barame mi'a dheedhii alatti erguun meeshaa dhumaa deebisanii gatii dabalanii bitudha.

Meeshaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu kan jedhu hin baratamne ture jedhe. Jijjiiramni imaammataa biyyoonni Afrikaa amma taasisan haala kana akka jijjiiru amana Mooyadin Nyaagaa.

Warqee biyya keessatti qulqulleessuun maal argamsiisa?

Afrikaa Kibbaa, Burkina Faasoo, Yugaandaatii hanga Gaanaatti Biyyoonni Afrikaa albuuda isaanii ofuma isaaniif fayyadamuuf warshaalee qulqulleessa albuudaa ijaaraniiru.

Waliigalaan biyyoonni 14 warshaa qulqulleessa warqii mataa isaanii qabu.

Itoophiyaan isaan keessaa tokko yoo taatu, inni guddaa fi sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu kan Afrikaa Kibbaa, Warshaa Qulqulleessa Warqee Raand jedhamudha.

Bara 1920 hojii eegalee albuuda warqee addunyaa irratti qulqulleeffaman harka sadii keessaa harka tokko warshaa kanatti qulqullaa'an.

Dhiyeenya ammoo Burkinafaasoo, Itoophiyaa, Zaambiyaa, Gaanaa fa'aas akkasuma hojii jalqabsiisaniiru.

Itoophiyaan galiin albuuda warqee irraa argattu haalaan dabalaa dhufuu hordofee biyyuma keessatti qulqulleessuun gatii dabaltee gabaa addunyaaf dhiyeessuuf Warshaa Qulqulleessa warqee 'National Precious Metals Refinery' jedhamu Boolee Lammiitti ijaarte.

Itoophiyaan doolara miliyoona 50 oliin Warshaa calaltuu warqee ijaaaruun hojii jalqabsiifte. Yoo humna gutuun hojjetee hanga toonii 600 kan calalu tahe Itoophiyaan warqii irraa hanga doolaara biliyoona 80 argachuu dandeessi.

Galma Gamtaa Afrikaa 2063 keessatti tokko Afrikaa dinagdeen of dandeesse ijaaruudha.

Dr Maariit, mul'anni 'Africa Mining Vision' jedhuu albuudota biyya keessatti oomishuun, gatii itti dabalanii gabaa addunyaaf dhiyeessuu kan jedhudha jette.

Albuuda dheedhii alatti erguu caalaa biyya keessatti calaluu, faaya adda addaa irraa hojjechuun gabaa alaatti erguun galii qofa argamsiisa miti. Biyya keessatti carraa hojii guddaa dargaggootaa fi dubartootaaf uuma.

Dandeettii akka horatan, teeknoloojiin akka biyya keessa galu gargaara'' jette Dr Maarit.

''Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessa warqii qofa osoo hin taane foosfeerasiin jira. Albuunni kun xaa'oo oomishuuf gargaara. Dheedhii isaa gara alaatti erguu caalaa albuuda Kanaan osoo xaa'oon biyya keessatti oomishame galii guddaan irraa argama'' jette.

Oomishaalee xaa'oo biyya alaa irraa galchuu hir'isuufis ni oola'' akka Dr Maarit jedhanitti.

Itoophiyaan dhaabbata Aliikoo Daangotee waliin tahuun naannoo Somaalee keessatti warshaa xaa'oo ijaaruu jalqabdeetti.

Meeshaalee dheedhii oomisha xaa'oof oolanis naannichatti bal'inaan ni argamu. Warshaan akka kanaa Itoophiyaa keessatti kan qabaati. Itoophiyaan xaa'oo biyya alaa irraa galchuurratti hirkattee jiraachaa turte.

Walitti hidhaminsa bu'uuraalee misoomaa

Ogeessi dinagdee marid Tulluu biyyoonni Afrikaa qabeenya isaanii biyya keessatti oomishuun gatii dabalataa [Value added] gochuu jalqabuun waan gaarii tahuu kasa.

Inni jalqabaa nyaataan of danda'uu yoo tahu kan biraa albuuda irratti hojjechuu akka tahe hima.

Kana dhugoomsuuf aannisaan barbaachisaa tahuu kaasuun peetiroliyeemii fi gaazii biyyoonni Afrikaa akka qaban hima.

Humna aannisaa biyya keessaa yeroo dabalaa jiranitti albuuda isaanii biyya keessatti oomishuu jalqabuun dinagdee Afrikaa saffisaan guddisuu danda'a jedhe.

Dabalataan akkuma Itoophiyaan daandii qilleensaa guddaa ijaaraa jirtu loojistikiin biyyoota Afrikaa wal faana ijaaramaa deemuu akka qabu hima.

Itoophiyaan Warshaa Warqii qulqulleessu erga ijaartee biyyoonni Baha Afrikaa waan kana fakkaatu ijaaruu irra gara Itoophiyaatti erguun akka fayyadamuu danda'an kaasa.

Mi'a dheedhii waliirraa bituu fi oomishaalee walitti gurgurachuun biyyoota Afrikaa gidduutti jabaachaa deemu qaba jedhe Marid.

Kanaaf ammoo daandii fi geejibaan walitti hidhuu gaafata. Kana qofa osoo hin taane akkaataa itti fayyadama maallaqaa irrattis waan tokko isaan godhu jiraachuu qaba'' jedhe.

Dr Maarit Afrikaa keessaas gabaa barbaaduu fi walitti hidhuun hojii guddaa akka tahe kaasti.

Gabaa barbaaduu fi walitti hidhuu, investeroota hirmaschisuu akka barbaachisu himan.

''Itoophiyaan kan warqee yoo bante Taanzaniyaan haaraa banuurra maaliif gara Itoophiyaa fiddee qulqulleessuun gabaa walitti hidhuu irratti hojjechuu barbaada. Bu'uuraalee misoomaa qooddachuu, abbootii qabeenyaa hirmaachisuu gaafata.''

Fakkeenyaaf biyyoonni akka Ruwaandaa, Gaanaa fa'aa haala akkasii fayyadamu kan jedhan Dr Maarit Angoolaa, Zaambiyaa fi DRC bu'uuraalee misoomaa waliin qooddatu.

Biyyoonni sadeen kunneen daandii baaburaa km 1,300 hanga km 1,700 dheeratuun kan walitti hidhaman yoo tahu buufata Doonii Loobitaa Angoolaa keessa jiru biyyoota koopperii fi albuudota biroon badhaadhan Zaambiyaa fi DR Koongoo waliin walitti hidha.

Itoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaas pirojeektii daandii biyyoota sadeen walitti 'LAPSSET' jedhamu hidhu ijaaraa jiru.

Afrikaan imaammata albuudaa maaliif jijjiirte?

Ogeessi dinagdee Marid Tulluu Afrikaan gama siyaasaan qofa osoo hin taane gama dinagdeen bilisa bahuu qabdi jedhe.

Biyyoonni Afrikaa biyyoota Awurooppaan kan koloneeffatamaniif tokko qabeenya albuudaa isaaniif jedhameeti kan jedhu Marid, amma ammoo akka Afrikaan isaan irratti hirkattu gochuuf hojjetamaa ture jedha.

Kana irraa bilisa bahuuf imaammata itti fayyadama albuuda isaanii jijjiiruufi dandeettii oomishaa biyya keessatti uumuu gaafata jedhan.

Dr Maariit ammoo hojiin warshaalee biyya keessatti dhaabuu gaarii tahuu kaasuun garuu hojiin jalqabaa albuudota Afrikaaa irratti hojjetamuu qabu ji'ooliijii isaati jedhan.

Albuuda kamtu eessa jira kan jedhu yoo adda baasan walitti hidhaminsa gabaa fi indaastirii uumuun danda'ama jedhan.

Dr Maariit jijjiirama imaamata albuuda Afrikaa kan cimse tokko kan Gamtaan Afrikaa bara 2025 jijjiirama qilleensaa ilaalchisee hojiirra oolchedha jedhan.

Gamtaan Afrikaa 'Africa Green Minerals Strategy' kan jedhu Guraandhala 2025 hojiirra oolche.

Imaammanni kun albuudota dheedhii gara alaatti erguu irra dhaabbilee idil-addunyaa fi biyyoota afrikaa waliin qindoomuun meeshaalee barbaachisan oomishanii gabaaf dhiyeessuu kan jedhudha.

Xiyyeeffannoon isaa jijjiirama qilleensaa to'achuuf aannisaa haarome fayyadamuu kan jedhu yoo tahu isaaf ammo baatirii konkolaataa aannisaa elektirikiin hojjetu oomishuu barbaachisa jetti Dr Maarit.

Dabalataan tajaajila soolaarii babal'isuu yoo tahu isaaf ammoo paanaalii ykn saayiniin isaa oomishamuu qaba.

Albuudonni kanaaf oolan akka koobaaltii, liitiyeemii fi taantalamii ammoo biyyoota Afrikaa kan akka Itoophiyaa keessatti argamu.

Kana dura biyyoonni guddatan Afrikaan yaada kana yoo kaastu teeknoloojii fi dandeettii isaa hin qabdan nu jedhu ture. Amma gaggeesitoonni Afrikaa kanatti dammaquun jijjiiraa jiru jette.

Itoophiyaan biyyoota imaammata haaraa albuuda ilaallatan hojiirra oolchite keessaa tokko yoo taatu wagga lama guuteera.

Dr Maariit ammas Dimokiraatik Rippaablik Koongoo keessa %70 ol koobaaltiin jira.

Albuuda kana irraa akkamiin baatirii konkolaataa biyya keessatti oomishuun danda'ama kan jedhu irratti hojjechuu qabu jedhan.

Meeshaa tokko oomishuuf albuudota dabalataa garaagaraa, aannisaa fi bu'uraalee misoomaa barbaachisa. Kana argachuuf biyyooni Afrikaa qindoominaan hojjechuu akka qaban himu.

Afrikaa dinagdeen bilisoomte

Waggoota 30 darban biyyoota guddatan irraa kanatu isiniif barbaachisa kan jedhutu dhagahamaa ture malee kan Afrikaa keessaa hin dhagahamu ture jette Dr Maarit.

Amma sababii guddaa biyyoonni Afrikaa qabenya isaanii biyya keessatti gatii itti dabaluun hojjechuuf murteessan gaaffii dargaggootaa akka tahe himu.

Kunis carraa hojii biyya keessatti uumuu akka tahe himuun albuuda dheedhii alatti erguun carraa hojiis biyya keessaa baasuu akka tahe himte.

Rakkoo guddaan addunyaa mudataa jiru jijjiirama qilleensaa yoo tahu humna haaromsamaa fayyadamuun ajandaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa duraati.

Haaromsa aannisaaf ammoo baatirii konkolaataa, paanelii soolaarii fa'aatu barbaachisa.

Addunyaanis gaaffiin kun yeroo dabalaa dhufetti albuudota kanneen essaa arganna kan jedhutti deebite jette Dr Maarit.

Amma fedhiin dhiyeessii albuuda dheedhii %600 waan dabaleef biyyoonni Afrikaa callisanii alatti erguu hin filanne. Biyya keessatti gatii itti dabalanii gabaaf dhiyeessuuf hojjechuun jalqabameera.''

Dr Maarit Itoophiyaan Warshaa warqii calalu ijaaruu gaarii tahuu kaasuun isa qofaa osoo hin taane faaya adda addaa oomishuu fi mi'a dhumataa ykn xumurame gara gabaa addunyaatti dhiyeessuun galii haalaan guddisa jette.

Carraa hojii guddaa dargaggootaaf uuma. Teeknoloojii fi beekumsa biyya keessa galcha.

Fedhiin aannisa soolaarii addunyaa irratti dabalaa jira. Itoophiyaan paaneelii kanneen Chaayinaa irraa galchuurra albuuda isaa waan qabduuf waliigalteedhaan biyya keessatti oomishuu dandeessi jedhan.

Gufuuwwanii fi carraawwan jiran

Mooyaadin Nyaagaa keeniyaatti gorsaa damee aannisaa tahuun waggoota dheeraaf hojjechaa tureera.

Biyyoonni Afrikaa albuuda isaanii biyyuma keessatti oomishuun gatii dabalanii gabaaf dhiyeessuu jalqabuun tarkaanfii guddaa tahuu kaasan.

Garuu qormaata malee miti jedhan.

''Seenaa keessa rakkoo jira. Biyyoota guddataa jiran keessa waan barame mi'a dheedhii alatti erguun meeshaa dhumaa deebisanii gatii dabalanii bitutu barame.

Isa alaa galchan biyya keessatti oomishanii bakka buusuun hin baramne. Kun jalqabuun dinagdee Afrikaaf waan guddaadha jedhe.

Afrikaan ardii dargaggootaan guutamte waan taateef humni hojii guddaan jiraachuun carraa tokko tahuu hima.

Carraa hojii dargaggoonni gaafataniifis deebii tahuu akka malu hime.

''Carraa guddaa qabnu uummata ykn humna namaati. Oomishtoota qabna. Dinagdee saffisaan guddataa jiru qabna. Fayyadamtoonni dabalaa jiru. kun carra guddaadha.''

Qormaanni jiru akkuma barame biyya ollaarra bituurra fagoorraa bituuti waan gatii qabu fakkaachuudha. Kun gufuudha. Kana furuuf Imaammata alaa fooyyessuu fi wal tumsa biyyoota Afrikaa gidduu cimsuu gaafata jedhan.