Yugaandaan waggaa 20 booda loltootashee Somaaliyaa keessaa baasuu jalqabde

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Yugaandaan waggoota 20 booda loltootashee nagaa eegsisuuf Somaaliyaatti bobbaafamanii turan baasuu jalqabde.

Ajajaan Waraanaa Yugaandaa Jeneraal Mu'uuz Kaayinerugaabaa waraanni kun ba'uu erga beeksiseen booda, gareen jalqabaa loltoota 109 of keessaa qabu Jimaata magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo keessaa ba'uun gabaafameera.

Bakka bu'aan dubbi-himaa Humna Waraanaa Yugaandaa Kiriis Mageezii gaaffii BBCn dhiyeesseef hanga ammaa deebii hin kennine.

Yugaandaan Ergama Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa bara 2007 hundeeffame (AMISO) jalatti biyyoota loltoota gara Somaaliyaatti bobbaasan keessaa tokkodha.

Itoophiyaanis qaama ergama naga eegsisuu Somaaliyaa kana turte.

Kaayyoon ijoo ergama kanaa mootummaan ce'umsaa Somaaliyaa haleellaa garee hidhattoota Islaamaarraa eeguu, akkasumas biyyattii keessatti tasgabbiin akka jiraatu gargaaruuf ture.

Yugaandaan Somaaliyaatti duulawwan Al-Shaabaab irratti taasifame keessatti gahee guddaa bahachaa kan turte yoo ta'u, loltoonni kunneen ba'uun yeroo itti aanutti haala nageenyaa Somaaliyaa irratti dhiibbaa akkamii uuma kan jedhu dhimma qalbii hawwatu ta'eera.

Torban darbe Ajajaan Waraanaa Yugaandaa Jeneraal Mu'uuz Kaayinerugaabaa Yugaandaan loltootashee Somaaliyaa keessaa baasuu jalqabuushee fi itti gaafatamummaa nageenyaa humnoota nageenyaa Somaaliyaatti akka dabarsitu ibseera.

"Akkuma waadaa galletti Somaaliyaa keessaa humnoota ittisaa Yugaandaa baasuu jalqabneerra. Aarsaa dhiigaa waggaa 20 booda itti gaafatamummaa nageenyaa obbolaan keenya Somaaliyaatti dabarsineeti," jechuun fuula X isaarratti barreesse.

Yugaandaan adeemsa loltootashee baasuu dhawaata dhawaataan kan raawwattu yoo ta'u, hanga Hagayya bara 2027tti guutummaan guutuutti akka xumuramus ibsameera.

Yugaandaan bara 2007 irraa kaasee ergama nagaa kabachiisuu Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaa keessatti nagaa eegsisuu keessatti hirmaachaa turteetti.

Yeroo kana keessatti duulawwan Al-Shabaab irratti taasifame keessatti gahe eijoo taphatteetti. Waraanni kun ba'uun wayita mootummaan Somaaliyaa humnoota nageenyaa ofiisaa cimsachuun nageenya biyyattii guutummaan guutuutti to'achuudhaaf yaala ajirutti kan jalqabamedha.

Haata'u malee, Yugaandaan hirmaannaa loltummaa Somaaliyaa keessatti qabdu guutummaan guutuutti addaan hin kunne. Bu'uura waliigaltee addaa gam-lamee jiru jalatti loltoonni bobbaafaman turtii isaanii biyyattii keessatti taasisan itti fufu.

Somaaliyaa keessa ergama Gamtaa Afrikaa jalatti loltoonni 4,500 akka jiran kan tilmaamamu yoo ta'u, loltoonni dabalataa 2,000 ammoo waliigaltee gam-lameetiin bobbaafamaniiru.

Somaaliyaa keessatti gareen Al-Qaa'edaa waliin hidhata qabu, Al-Shabaab waggoota 20 darbaniif mootummaa giddu-galeessaarratti haleellaa gaggeessaa tureera.

Waraanni Yugaandaa bara 2007 yeroo jalqabaatiif Somaaliyaatti kan bobbaafame yoo ta'u, Al-Shabaabiin Moqaadishoo fi magalaota gurguddoo biroo keessaa baasuu keessatti gahee guddaa taphateera.

Loltoonni kunneen waraana biyyaalessaa Somaaliyaa waliin ta'uun kutaaleen bulchiinsaa murteessoo ta'an deebisee to'achuun dhaabbileen mootummaa mootummaa murteessoo ta'an eegsisuuf loleera.

Waraanni Yugaandaa walitti aansuun ergama Gamtaa Afrikaa jalatti hirmaannaa isaa kan itti fufe yoo ta'u, nageenya bara 2022 jalqabame itti gaafatamummaa suuta suutaan gara Somaaliyaatti dabarsuuf kaayyoo kan godhate Ergama Ce'umsaa Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) keessattis ni hirmaata.