Filannoo Israa'el Netaaniyaahus ta'e morkataansaa hin mo'anne, ittaansee wantoota ta'uu malan afur

Mallattoo daandirraa suura Gaadifi Netaaniyaahuu xiyyaan agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Gaadii Ayizankootis ta'ee (bitaarra kan jiru) Beeniyaamiin Netaaniyaahuu (mirgarra kan jiru) filannoo Israa'el sagalee mootummaa isaan ijaarsisu hin arganne
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Filannoon Israa'e danqaa keessa waan seene fakkaata. Kaadhimamtoota filannoof dhiyaatan keessaa sagalee mootummaa isaan hundeessisu argachuu hin dandeenye.

Hanga kaleessa, Roobiitti, sagaleen %85 ol kan lakkaa'ame yoo ta'u, gareen Beeniyaamiin Netaaniyaahuu teessuma 53 argachuun caalmaan yoo dursu, gareen morkataasaa Gaadii Ayizankoot ammoo teessuma 47 argachuun ittaanee jira. Paartileen Arabaa teessuma 19 argataniiru.

Haa ta'u malee, Israa'el keessatti filannoo mo'atanii mootummaa hundeessuuf teessuma paarlaamaa biyyattii Keneseet keessaa 61 argachuun dirqama. Amma garuu garee Netaaniyaahuus ta'ee kan Gaadii Ayizankoot teessuma 61 argachuu dhabuun filannicha danqaa keessa galcheera.

Ittaanee wantoonni afur ta'uu malan kunooti.

Netaaniyaahuun mormitoota wajjin waliigalee mootummaa hundeessuu

Netaaniyaahuun paartisaa Likuud fi paartilee biroo leellistoota ta'an waliin filannicha mo'achuu waan hin dandeenyeef mootummaa hundeessuuf morkataasaa cimaa kan ta'e Gaadii Ayizankot amansiisuu qaba.

Gaadii Ayizankoot Israa'eliif filannoon sirriin "ana" jedhee waan amanuuf paartilee mormitootaa Netaaniyaahuu irratti gurmeessera. Netaaniyaahuu waliin mootummaa hundeessuu yoo barbaade, gamtaa mormitootaa wajjin wal-dhabuusaati.

Filannoo booda Gaadii Ayizankoot Netaaniyaahuuf waamicha addaa tokko dhiyeesse: "siyaasni si gahaa soorama bahi" kan jedhuudha.

Gaadii Ayizankoot Kibxata halkan deeggartootasaaf haasaa taasiseen, Netaaniyaahuun biyyattii keessatti "qoodamiinsafi garaagarummaa facaase" jechuun dubbate.

"Lammiileen Israa'el aadaa sobaa, gargar hiruufi hokkara Netaaniyaahuu nuffaniiru" jechuun Netaaniyaahuun siyaasa biyyattii keessaa akka bahu waamicha godheef.

Netaaniyaahuun mootummaa hundeessuf waan addaa tokko gochuu isa barbaachisa- garee paartilee leellistootaa dhiisuun garee paartii Gaadii Ayizankoot kan ta'e Yaashar waliin mootummaa biyyaalessaa hundeessuu.

Gama biraan ammoo waraanni Iraan irra deebiin yoo ka'e, Netaaniyaahuuf carraa guddaa bana. Gaggeessitoonni paartii mormitootaa fedhii paartiifi dhuunfaasaanii dhiisuun isa waliin ta'anii mootummaa biyyaalessaa akka hundeessaniif carraa uumaaf.

Filannoon Israa'el osoo hin gaggeeffamin guyyoota muraasa dura Netaaniyaahuun Iraan haleeluuf Tiraamp amansiisuuf yaalaa akka tureefi Tiraamp yaada Netaaniyaahuu fudhachuu diduu miidiyaaleen US gabaasanii turan.

Gaadii Ayizankoot paartilee Arabaa waliin ta'ee mootummaa hundeessuu

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Gaadii Ayizankoot paartilee Arabaa wajjin waliigalee mootummaa hundeessa taanaan, seenaa siyaasa Isaa'el keessatti tarkaanfii murteessaadha jedhu xinxaaltonni. Bara 2021 paartilee Arabaa keessaa tokko qofatu yeroo jalqabaaf mootummaa waloo hundeessuu keessatti hirmaate. Haa ta'u garuu wal-ta'iinsi sun baay'ee hin turre.

Gaadii Ayizankootis ta'ee paatileen Yihudootaa isa waliin jiran hunduu paartilee Arabaa wajjin akka hin hojjanne ibsanii turan. Amma garuu, teessuma barbaachisu 61 argatanii mootummaa hundeessuuf karaan isaan qaban paartilee Arabaa wajjin hojjachuudha.

Araboonni uummata Israa'el keessaa tokko shanaffaa yoo ta'an, filannoo kanarratti lakkoofsa guddaan bahuun paartilee isaan bakka bu'an filataniiru. Kanarraa kan ka'e paartileen Arabaa teessuma 19 argataniiru.

Waggoota dheeraaf Araboonni filannoo Israa'el irratti hirmaachuun mootummaa akka lammii lammaffaatti isaan lakkaa'uuf beekamtii akka kennuuti jedhanii waan yaadaniif baay'ee hin hirmaatan.

Filannoo ammaarratti garuu, bulchiinsi Netaaniyaahuu seenaa Israa'el keessatti mootummaa Yihudoota leellistoota ta'aniin guutame waan ta'eef, Netaaniyaahuun akka mo'amu barbaadurraa kan ka'e Araboonni heddumminaan bahanii filatan.

Paartilee mormituu garee Gaadii Ayizankoot waliin jiran keessaa paartilee Arabaa wajjin hojjachuuf fedhii kan agarsiisaa jiru Paartii Dimokiraasii kan Yaa'iir Goolaaniin hogganamuudha.

Paartilee Arabaa waliin tokkummaa uumuun mootummaa hundeessuuf yaaddoon jiru, yeroo dheeraa osoo hin turin diigamuu mala kan jedhuudha. Sababni isaa dhimmoota akka Gaazaa, Filisxeemifi qubsuma Weest Baank fa'aarratti walii hin galan waan ta'eef.

Netaaniyaahuun mormitoota leellistoota ta'an waliin mootummaa hundeessuu

Netaaniyaahuun paartilee mormituu garee Gaadii Ayizankoot keessa jiraniifi leellistoota ta'an amansiisuun mootummaa hundeessuu danda'a kan jedhu yaada biraa ta'uu maluudha.

Garee mormitootaa keessaa ilaalcha leellistummaa kan qaban: paartii Beyachad kan ministiira muummee duraanii Naftaalii Beeneetiin hogganamuufi paartii Yisraa'el Beeyitaanuu kan Aviigdoor Libarmaaniin hogganamuudha.

Paartileen lamaanuu dhimoota akka nageenyaa irratti ilaalcha paartii Netaaniyaahuu wajjin wal-fakkaatu kan qabaniidha.

Garuummoo paartileen lachuu Netaaniyaahuun itti fufuu hin qabu jedhanii ciniinnatanii warra falmaniidha.

Hawaasa tajaajila waraanaa hin kennineefi amantii leellisan kan Netaaniyaahuun harka irra qabu, Altiraa Ortodoks Jiwuus, warri jedhaman tajaajila waraanaa kennuu akka qaban paartilee amanan waan ta'aniif Netaaniyaahuu wajjin garaa garummaa guddaa qabu.

Kanaaf paartileen mormituu leellistoota ta'an kun lamaan garee Gaadii Ayizankoot keessaa bahanii Netaaniyaahuu waliin akka salphaatti mootummaa hin hundeessan.

Filannoon haaraan gaggeeffamuu

Senaariyoowwan armaan olii sadan keessaa tokko hin milkaa'u taanan, filannoo haaraa gaggeessuun dirqama.

Kuni ammoo Netaaniyaahuuf carraa guddaa uuma- sababni isaa hanga filannoon haaraan gaggeeffamutti Ministiira Muummee abbaa imaanaa ta'ee itti fufa jechuudha.

Abbaa imaanaa ta'ee itti fufuu qofa osoo hin taane, filannoo mo'achuuf illee carraa ni argata jedhamee amanama.

Gama biraan ammoo paartileen leellistoota ta'aniifi teessuma gahaa galmeessuu hin dandeenye marsaa ittaanutti filannoorratti hirmaachuu dhiisuu malu ykn paartii Netaaniyaahuu kan ta'e Likuudiif sagalee kennuu danda'u kan jedhus tilmaama biraati.

Israa'elitti filannoo gaggeeffamuun paartileen sagalee mootummaa isaan hundeessisu agachuu dhabuun filannoon biraa gaggeeffamuun kan jalqabaa miti.

Bara 2019 hanga 2022tti Netaaniyaahuufi morkattoonni isaa filannoo injifachuun mootummaa hundeessuu dadhabuusaaniin, si'a shan filannoon gaggeeffamee ture.