Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saa'udiin haleellaa qilleensaan nama 33 ajjeeste jedhe Huutiin
Miidiyaan sochii Huutiin hidhata qabu akka himetti haleellaa qilleensaa Sa'uudii Arabiyaan raawwatteen dubartootaa fi daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 33 ajjeefamaniiru.
Saa'udiin mootummaa Yaman deeggartu haleellaa kanarratti hamma yoonaa waan jette hin jiru.
Viidiyoo buufata TV Al Masriihaa Huutiin to'atamu irraa bahe akka agarsiisetti lubbuu baraartonni magaalaa al-Shariyaa keesssaa reeffa caccabaa gamoolee hedduu jalaa yeroo baasan mul'ata.
Reeffi ijoollee xixiqqoo gamoo caccabaa jalaa baafames ni mul'ata.
Buufatni televijiinii kun namoota madaa'an hedduun siree irra kaa'amanii gara hospitaalaatti yeroo geeffamanis mul'iseera.
Dhaabbanni oduu Saabaa Huutiin hoogganamu akka jedhetti haleellaa kana Dilbata darbe Sa'uudii Arabiyaa raawwate jechuun namoonni dabalataa 39 madaa'uu ibseera.
Sa'uudii mootummaa Yaman kan sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu deeggaruuf gamtaa uumuun waggoota kurnan darbaniif Huutii lolaa turte.
Waraanni Yaman waggoota hedduudhaaf callisaa ture amma sababa waraana Iraan deebi'ee ka'eera.
Xayyaarri Iraan buufata xiyyaaraa Sanaa kan Huutiin to'atamu - akka hin qubanne haleellaa raawwachuun dhaabsisuun booda waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo diigamuun lolli hammaachaa dhufe.
Gareen Huutii Teehiraan deeggaramu, buufata xiyyaaraa Abha Sa'udii Arabiyaa irratti qiyyaafateera, dooniiwwan Sa'uudii Ulaan Hormuuz cufamnaan toora Galaana Diimaa fayyadaman haleelaa jira.
Ergasii Yaman keessatti waraanni guddaan Huutii fi humnoota mootummaa Yaman Saa'udiin deeggaraman gidduu deebi'ee jalqabeera.
Jimaata darbe haleellaan gabaa bulchiinsa Ta'iiz keessatti xiyyeeffannoo lola miilanaa tahuun lubbuu namoota 30 galaafateera.
Huutiin Sa'uudii haleellaa raawwachuun yoo himatu, humnoonni mootummaa ammoo Huutiitu bakka sanatti misaa'ela dhukaase jechuun himatu.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii erga lolli deebi'ee namoonni 1,600 ol ajjeefamanii, 300,000 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uu ibseera.
Sa'uudii irra deddeebiin iddoowwan Huutii irratti haleellaa kan raawwattu yoo tahu warri Huutii ammoo, buufata xiyyaaraa fi dhaabbilee boba'aa dabalatee qiyyafannoowan Sa'uudii irratti haleellaa raawwateera.
Haleellaa al-Shariyaan sa'aatii muraasa dura, gamtaan Sa'uudiitiin durfamu misaa'ela gara Riyaad deemaa ture fashaleessuu ibseera.
Hogganaan warra Huutii Maahdii al-Mashaat haleellaa Yaman irratti raawwatamuuf haloo akka bahu dhaadate.