Badhaasa Ballon d'Or baranaa eenyutu injifachuu qaba? Xinxaltoonni maal jedhu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Badhaasa Ballon d'Or abbaan injifatu har'a beekama. Garuu, eenyutu mo'achuuf deema?

Xiinxaltoonni akka jedhanitti taphataan lammii Ispeen Laamiin Yamaal fi dursaan taphattootaa Ingilaand Haari Keen kanneen mo'uu danda'an keessaati.

Laamin Yamaal Baarselonaa waliin Laa Ligaa akkasumas Ispeen waliin Waancaa Addunyaa injifateera.

Gama kaaniin Haari Keen shaampiyoonaa Jarman Baayern Muunik fi Ingilaandiif galchiiwwan 73 galche.

Garuu, kanneen badhaasa kana fudhatuu malu jedhamanii tilmaamaman isaan qofa miti.

Badhaasa Ballon d'Or si'a saddeet kan injifate lammiin Arjantiinaa Liyoonel Mesii akkasumas jifataan Faransaay fi Riyaal Maadiriid Kiiliyaan Imbaappee kanneen dorgoman keessaati.

Kilabiin Faransaay Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa wal dura aansee mo'e PSG'nis kanneen carraa qaban keessaati.

BBC Sport xinxaltoota kubbaa miilaa eenyu badhaasicha fudhachuu qaba jedhee gaafateera.

Laamin Yamaal

Ekispartiin kubbaa miilaa Awurooppaa Guillem Balague badhaasa baranaa kana taphataa Ispeen yookiin taphataa PSG jalaa bahuu yaaduun hin danda'amu jedha.

Taphattoota PSG keessaa kan badhaasni kuni maluuf danuu ta'uu dubbata.

Kanneen keessaa Faabiyaan Ruuz, Kiviichaa Kivaaraastikeliyaa, Osmaan Dembelee akkasumas Vitinihaa eere.

Haa ta'u malee, taphataan lammii Ispeen badhaasni kuni maluuf tokko qofadha. Inniis Laamin Yamaal ta'uu eere.

Yamaal ga'umsa dhuunfaas, waancaa waloo irrattis ta'e dandeettii addaa inni qabu nutti agarsiiseera jedhee amana.

Taphataa PSG Kivichaa

Ogeessi kubbaa miilaa Awurooppaa Juuliyeen Laawurans taphataan PSG Kiviichaa Kivaaraastikeliyaa bara dorgommii dorgommii darbe taphataa jabaa keessumaa Chaampiyeens Liigii keessatti ga'umsa olaanaa mul'isedha jedha.

Garee PSG hoogganuun walitti aansee waancaa akka ol kaasu taasiseera. Tapha xumuraa irrattis galche, tapha walakkaa maayii lamaan irrattis galche, hirboo maayiifi tapha marsaa 16 irrattis galcheera.

Kanaaf qooda Waancaa Addunyaa keessaa qabu irratti taasiseefis badhaasa Ballon d'Or kana mo'achuu qaba jedha.

Haa ta'u malee, inni mo'achuu hin danda'u jedha Laamin Yamaal akka mo'atu eeruun.

Laamin Yamaal Waancaa Addunyaa irratti ga'umsi isaa hammana mul'atudhaas baatu biyyi isaa Ispeen waancicha mo'atteetti.

Chaampiyeens Liigii irrattis Baarselonaaf guddoo hin gumaachine. Haa ta'u malee, akkaataan kubbaa miilaa itti taphatu Yamaal akka mo'atu akeeka.

Garuu, kan mo'uu qabu Kiviichaa Kivaaraastikeliyaa ta'uu qaba jechuun falma Kuuliyeen Laawurans.

Taphataan duraanii Liivarpuul fi Bilaakbarn, Isteefan Waarnok badhaasa baranaa kan mo'atu Laamin Yamaal ta'uu mala jedha.

Garuu, namni bira mo'uu danda'u Maayikil Oliseedha jedha. Haa ta'u malee, namni ani osoo mo'e jedhee yaadu Kiviichaa Kivaaraastikeliyaadha jechuun BBC'tti dubbate.

Haari Keen

Jifataan duraanii Ingilaand Alan Shiirar, badhaasa Ballon d'Or baranaa kan mo'achuu qabu Haari Keenidha jedha.

Ji'oota 12 hanga 18 darbaniif wanti inni Baayern Muunik fi Ingilaandiif galmeesse ajaa'ibadha jedha.

Utubaan duraanii Ingilaand Daani Marfiinis badhaasa Ballon d'Or baranaa kan mo'atuu qabu Haari Keenidha jedha.

Galchii hedduu galchuu isaafi ga'umsa olaanaa mul'isuu isaa eere.

Jifataan duraanii Tootanhaam Andiroos Toowisend illee gama isaan tapha 65 irratti galchii 73 galchuu eere.

Baayern Muunik waancaa liigii Jarman akka injifatu taasisuu isaa, waancaa Chaampiyeens Liigii irratti 14 galchuu isaa eere.

Akkasumas Waancaa Addunyaa irratti galchii jaha galchuu ibse.