Huutiin gamoo Araamkoo qixxa lamaan magaalaa guddoo Sa'udii argamu haleele

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taaworiin dhaabbata Araamkoo handhuura magaalaa guddoo Sa'udi Arabiyaa dhaabbileen faayinaansii baay'atanitti argamu haleellaa qilleensaan rukutame.

Ibsi miidiyaa tajaajila oduu Saabaa hidhattoota Huutiin to'atamu gadhiise hidhattooti kuni godina daldalaa Riyaad irratti qiyyaafachuu mirkaneesse.

Garuu, Araamkoo maqaan hin dhoofne.

Ministirri anniisaa Sa'udi taaworiin Araamkoo ''xiqqoo [qofa] miidhamuu'' fi namni miidhames ta'e du'e akka hin jirre dubbatan.

Viidiyoon BBC'n mirkaneesse gamoon kuni yoo xiqqaate darbiin tokko haleellaa misaa'elaa yookiin dirooniin haalaan miidhamuu waan agarsiisu fakkaata.

Daawwitiin isaas haleellaa raawwateen manca'uu agarsiisa.

Haleellaan biraan buufati xiyyaaraa Riyaad fi bakkeen kuusaa boba'aa Araamkoo irratti qiyyaafatamuu hidhattooti Huutii dubbataniiru.

Sa'udi Arabiyaan humni ittisa qilleensaa isheetti fayyadamuun misaa'elota baay'ee qolachuufi mancaasuu dubbatte.

Haleellaan tibbanaa hidhattoota Yaman buufataniin qixxa lamaan Sa'udiitti raawwatame kana Sa'udin to'achuuf carraaqaa jirti.

Haleellaan isaanii kuni haleellaa qindoominni Sa'udiin durfamu daa'immaniifi dubartoota dabalatee namoota 33 Yaman keessa ajjeesera jechuun warri Huutii erga himataman booda dhagahame.

Viidiyoo buufata TV Al Masriihaa Huutiin to'atamu irraa bahe akka agarsiisetti lubbuu baraartonni magaalaa al-Shariyaa keesssaa reeffa caccabaa gamoolee hedduu jalaa yeroo baasan mul'ata.

Reeffi ijoollee xixiqqoo gamoo caccabaa jalaa baafames ni mul'ata.

Dhaabbanni oduu Saabaa Huutiin hoogganamu akka jedhetti haleellaa Sa'uudii Arabiyaan raawwate jechuun namoonni dabalataa 39 madaa'uu ibseera.

Dhimma kanarratti Sa'udi Arabiyaan waan dubbatte hin qabdu.

Sa'uudii mootummaa Yaman kan sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu deeggaruuf gamtaa uumuun waggoota kudhan oliif Huutii lolaa turte.

Mootummaan Yaman beekamtii idil-addunyaa qabu lafa hedduu hidhattootaan duraa fudhatameera.

Waraanni Yaman waggoota hedduudhaaf callisaa ture amma sababa waraana Iraan deebi'ee ka'eera.

Xayyaarri Iraan buufata xiyyaaraa Sanaa kan Huutiin to'atamu - akka hin qubanne haleellaa raawwachuun dhaabsisuun booda waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo diigamuun lolli hammaachaa dhufe.

Gareen Huutii Teehiraan deeggaramu, buufata xiyyaaraa Sa'udii Arabiyaa irratti qiyyaafateera, dooniiwwan Sa'uudii Ulaan Hormuuz cufamnaan toora Galaana Diimaa fayyadaman haleelaa jira.

Ergasii Yaman keessatti waraanni guddaan Huutii fi humnoota mootummaa Yaman Saa'udiin deeggaraman gidduu deebi'ee jalqabeera.

Gama kaaniin, Sooriyaan loltoota gara Sa'uudii Arabiyaa fi daangaatti bobbaasuun waraana biyyattiin hidhattoota Huutii waliin gaggeessaa jirtu irratti tumsuuf qophaa'uu maddeen dhimma kana itti dhiheenyaan beekan Asoosheetid Pireesitti himan.

Aanga'aan naannawa sanaa tokkoo fi aanga'oonni Sooriyaa lama akka himanitti gorsitoonni waraanaa Sooriyaa loltoota dursuun gara Sa'uudii Arabiyaa imalaniiru.

Dhimma kanarratti ifatti dubbachuuf eeyyamni akka hin kennamneef kan ibsan aanga'oonni kunneen maqaansaanii akka hin eeramne gaafachuun hanga yoonaa waraanni gara Yaman seene akka hin jirre dubbatan.

Aanga'oonni mootummaa Sa'uudii Arabiyaa dhimma kana irratti yaada kennuu irraa of qusataniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii erga lolli Yamanitti deebi'ee ka'ee namoonni 1,600 ol ajjeefamanii, 300,000 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uu ibseera.