Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeneraalota ni hidha, pirezdantii itti aantuu ni doorsisa: Ilmi Museeveenii biyya ijibbaachise
- Barreessaa, Wycliffe Muia
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7
Waraana Yugaandaa keessatti, amma amma jeneraalonni ajajaa waraanaa biyyattiitiin hidhamuu dhabuu isaaniif wabii akka hin qabne mul'ataa jira.
Ji'oota 15 darban keessatti, Ilma Pirezdant Museevenii ajajaa waraanaa biyyattii Jeneraal Muhoozi Kaayineerugaabaa jalatti yoo xiqqaate jeneraalonni fi qondaaltonni olaanoon kudha lama hidhamaniiru.
Hidhaan kun kan ta'e wayita muddamni siyaasaa fi gaaffii eenyutu Museeveeni waggoota afurtamaaf Ugaandaa bulche bakka bu'a jedhu dabalaa dhufetti.
Jeneraal Kaayinerugaabaan nama ganna 52 ti. Nama Museeveenii bakka bu'uu danda'u jedhamee bal'inaan ilaalamu; ta'us fedhii isaa kana paartii biyya bulchu keessatti mormiin mudachaa waan jiru fakkaata.
Torban kana, Pireezidaantii Itti-aantuu Jesiikaa Aluuppoo aangoorraayin ari'a jechuun hidhamuu akka dandeessus itti dhaadate. Aangoo isheeyyuu fudhachuu akka qabu ibse.
Paartiin biyya bulchu National Resistance Movement (NRM) garuu, gabaasa hoggantoonni olaanoon yaada Jeneraal Kaayinerugaabaa pirezidantii itti aanu taasisanii deeggaruuf dhiyaate kuffisaniiru jedhu haaluun, himannaa kana 'guutumatti soba' jechuun ibseera.
Hidhaawwan kunniin qaama carraaqqii qondaaltota waraanaa hawwii pirezidantummaa isaa morman moggaatti dhiibuuf taasifamuuti jedhamee akka tilmaamamu taasiseera.
Kaan immoo hidhaa kana akka ragaa duula farra malaammaltummaa kan ajajoonni olaanoon itti gaafatamummaa jala galchuutti ilaalu.
Giddugaleessa muddama kanaa keessa dhaabbilee humna qaban lamatu jira: waraana biyyattii kan Jeneraal Kaayinerugaabaan dhiibbaa guddaa keessatti qabuu fi paartii NRM kan gaaffileen fedhii siyaasaa isaa irratti ka'aa jiranii fi hoggantoota olaanoo addaan qoodaa jiru fakkaatu.
Akka AFP gabaasetti, walgahiin hoggantoota olaanoo paartii NRM dhiheenya taa'ame, yaada Jeneraal Kaayinerugaabaa bakka Museeveenii buusuuf qopheessuuf dhiyaate irratti waliigaltee malee xumurame.
Maddeen paartichaa shan kan walgahii cufaa kana irratti hirmaatan AFPtti akka himanitti, miseensonni hedduun yaada dhiyaate mormanii erga dubbatanii booda sagaleen kennamuuf ture hafee jira.
Maddi oduu Yugaandaa ChimpReports jedhamu garuu, miseensonni dubbatan irra caalaan isaanii pirezidantummaa jeneraalichaa gara fuulduraa akka deeggaran ibseera; ta'us muraasni qophii inni hoggansa siviiliitiif qabu gaaffii keessa galchaniiru.
Ibsa Kamisa darbe baasaniin, Barreessaan Olaanaa Paartii NRM Richaard Todwoong Awanii paartichi 'dhimmoota siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee' irratti mari'achuuf Sadaasa 10 walgahuu isaa mirkaneessaniiru.
Gabaasa walgahichi yaada Jeneraal Kaayinerugaabaa pireezidantiiYugaandaa itti aanu taasisanii qopheessuuf dhiyaate kuffiseera jedhu haaluudhaan, paartichi murtoo kamiyyuu 'karaa sirrii ta'een, yeroo sirrii ta'etti' akka beeksisu dubbataniiru.
Hayyuun saayinsii siyaasaa dhalootaan Yugaandaa ta'anii fi Yuunivarsiitii Yoork kan Kaanaadaa keessa hojjetan Dr JeraAld Bareebee, hidhaa raawwatamaa jiruu fi tattaaffii siyaasaa bakka bu'iinsa aangoo Museevenii irratti taasifamu, kan yeroo baay'ee 'Pirojektii Muhoozi' jedhamee waamamu gidduu walitti dhufeenyi jiraachuu ibsu.
'Qondaaltonni olaanoon pirojekticha hin deeggaran jedhamanii yaadaman hidhamaniiru, to'annaa jala oolaniiru yookiin malaammaltummaa fi gantummaadhaan himatamaniiru,' jechuun BBCtti himaniiru.
Himannaan qondaaltota tokko tokko irratti dhiyaate kaayyoo siyaasaatiin kan kaka'e ta'ee bal'inaan akka ilaalamu dubbachuun, kunis dhimma bakka bu'iinsa aangoo irratti waraana keessatti qoodamiinsi guddachaa dhufuu isaa akka agarsiisu ibsaniiru.
Warra to'annaa jala oolan keessaa tokko tokko erga dhiifama jeneraalichaa argatanii booda kan gadhiifaman fakkaata.
To'annaa jala ooluun ajajoota waraanaa duraanii biyyattii warra beekamoo keessaa tokko kan ta'an Leetenaant Jeneraal Piitar Elwaluu, tarkaanfii fudhatamaa jiru ilaalchisee xiyyeeffannoo addaa uumeera.
Ajajaa Itti-aanaan duraanii waraanaa kun, kutaa bulchiinsa Baha Teessoo jedhamuu jeequuf shira xaxaniiru himannaa jedhuun Sadaasa 02 to'annaa jala oolan.
Gulantaa isaaniirraa kaafamuu hordofee Kaayinerugaabaan barreeffamoota walitti fufiinsaan miidiyaa hawaasaa irratti kan maxxansaa ture yoo ta'u, gantummaadhaan isaan himachuun sadarkaan urjii sadii irraa mulqamee gadi dhiifamuu isaanii labseera.
'"Gantuun Piitar Elwaluu sadarkaan isaa irraa mulqameera. Gara loltuu idileetti gadi buufameera," jechuun Kaayinerugaabaan fuula X irratti barreesseera.
Dabalataanis loltoonni 20 ol ta'an kan Elwaluu waliin hidhata qaban hidhamuu isaanii himateera.
Labsiin kun gaaffilee seeraa kaaseera; miidiyaaleen Yugaandaas dambiileen waraanaa qondaala olaanaa tokko maxxansa miidiyaa hawaasaatiin sadarkaa isaa irraa mulquu akka hin hayyamne gabaasaniiru.
Waraanni biyyattii boodarra to'annaa jala ooluu Elwaluu mirkaneessuun, qawwee15, uffata waraanaa fi konkolaattota piikaappii lama kan isaan waliin hidhata qaban to'achuu ibse. Maatiin isaanii garuu himannaa kana kuffisaniiru.
Akka qorannoon gaazexaa Yugaandaa Daily Monitor jedhamuu agarsiisutti, Elwelu Ebla 2025 irraa eegalee jeneraalotaa fi qondaaltota olaanoo yoo xiqqaate kudha lama to'annaa jala oolan keessaa tokko.
Isaan keessaayis itti gaafatamtoonni tika waraanaa duraanii sadi kanneen yeroo tokko hojiiwwan nageenyaa Yugaandaa warra baay'ee xiyyeeffannoo barbaadan hogganaa turan ni argamu.
Itti gaafatamaan tikaa fi nageenyaa ittisaa duraanii Meejar Jeneraal Jeems Biruungi, Hagayya 2025 keessa himannaa gantummaa, shororkeessummaa fi malaammaltummaa dabalatuun hidhamaniiru.
Mana murtii waraanaatti himatamanis, boodarra erga Jeneraal Kaayinerugaabaan 'dhiifama' gochuufii labsee booda gadhiifaman.
Itti gaafatamaan tikaa duraanii kan biraan, Meejar Jeneraal Abeel Kandiihoo, Fulbaana baranaa himannaa odeeffannoo tikaa sobaa kennuu fi gantummaadhaan to'annaa jala oolaniiru. Akka gabaasa Daily Monitor'tti namni kun ammas hidhaa keessa jiru.
Namni isaan dura itti gaafatamaa turan, Birigaadeer Jeneraal Charles Bakahumuraa, Fulbaana keessa himannaa wal-fakkaatuun hidhamanis, boodarra erga ajajaan waraanaa dhiifama gochuufii labsee booda gadhiifaman.
Qondaaltonni biroon immoo himannaa boba'aa waraanaa hatuu irraa kaasee hanga qunnamtii waraanaa basaasuuf maallaqa fudhachuuttin himatamaniiru.
Waraanni biyyattii hidhaawwan kana akka qaama tattaaffii malaammaltummaa fi yakka humnoota waraanaa keessaa dhabamsiisuuf taasifamuutti dhiyeessa.
Xiinxalaan dhimmoota nageenyaa Yugaandaa Fireedii Deeviid Egesaa hidhaawwan kunniin qorannoo dhaabbilee nageenyaa adda addaa hirmaachisuu kan agarsiisan malee, tarkaanfii waraanaan gaggeeffamu mirkaneessan miti jedhu.
Qondaaltota olaanoo hidhuun ragaa baatonni akka eegaman gargaara, akkasumas duulli farra malaammaltummaa kun hammam cimaa akka ta'e agarsiisa jechuun falmu.
"Jeneraal Muhooziin ajajaa olaanaa waliin mari'achuun gareen qorannoo namoota beekamoo kana akka hidhu hayyamuuf dirqama waliigalaa qaba," kan jedhan Egesaan, "Hidhaawwan kunniin akkasumaan hin raawwataman," jedhu.
Haata'u malee Bareebeen kaka'umsa siyaasaa bal'aan jiraachuu mul'isa jedhee, qondaaltonni fedhii pirezidaantummaa Jeneraal Kaayinerugaabaa mormu jedhamanii shakkaman xiyyeeffannoo keessa galaniiru jechuun falma.
"Bu'aan isaas tarkaanfii qulqulleessuu bal'aa qondaaltota hojii irra jiranis ta'e kanneen soorama bahan, kanneen farra-Muhoozii jedhamanii yaadaman irratti kan dhiibbaa geessisedha," jedha.
Akka inni jedhutti garaagarummaa jiru humna addaa (SFC) kan irra caalaan ilma pirezidaantichaaf amanamaa ta'eefi fi ajajoota waraanaa dhimma bakka bu'ummaa Muhoozii irratti amantaa hin qabne gidduu jiru eera.
Himannaawwan qondaaltota kanneen irratti dhiyaatan sadarkaa adda addaa irra kan jiran yoo ta'u, tokko tokko himatamanii jiru, kaan ammoo himannaan osoo ifatti hin labsamin hidhamanii jiru, akkasumas muraasni gadhiifamaniiru.
Baareebeen dhaddachi waraanaa adeemsa haqaa bilisa ta'e kennuu danda'uu isaas ni shakka.
"Lammiileen Yugaandaa hedduun himannaawwan kunniin akeeka siyaasaa qabu jedhanii waan yaadaniif haqni baay'ee hin eegan," jedha.
Qondaaltonni tokko tokko pirezidantichaa fi ilma isaa waliin marii cufaa erga taasisanii booda himannaan irraa kaafameera jechuun himata, yeroo sanattis Jeneraal Kaayinerugaabaaf deeggarsa akka labsan dhiibbaan irratti taasifameera jedha.
Dubbi himaan mootummaa Alaan Kaasujjaan himannaa waldhabdee bakka bu'ummaa kanaa akka "dubbii gatii hin qabneetti" kuffiseera.
Jeneraal Kaayinerugaabaan akka namni hidhamu, qondaaltota qeequuf akkasumas dhimmoota biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti yaada kennuuf yeroo baay'ee X fayyadama. Yaadonni isaa tokko tokko atakaaroo dippilomaasii kaasu.
Halkan Sadaasa 09, xiyyeeffannoo isaa gara Pirezidantii Itti Aantuu Jeesikaa Aluuppootti naannessuun bakka ishee bu'uuf gaafate.
"Namni waajjira sana keessa jiru kamiyyuu dhiheenyatti dabarsanii kennuuf haa qophaa'an," jechuun maxxansawwan boodarra haqe irratti barreesse.
Amanamummaa Aluuppoo gaaffii keessa galchuun akka ari'us doorsiseera.
Aluuppoon garuu ammallee hojii isheerra jirti.
Xiinxalaa Bareebee adeemsawwan ilma Museeveenii kanaa fi tarkaanfiiwwan fudhataman akeeka dhiibbaa isaa gara siyaasa siiviiliitti babal'isuuf taasisuu ta'uu hima.
Wal-mormiin ifatti qondaaltota siyaasaa olaanoo gidduutti taasifame kun, falmiin dhimma bakka bu'ummaa waraana bira darbee gara paartii biyya bulchuutti akkamitti babal'achaa akka jiru agarsiisa jedha.
Jeneraal Kaayinerugaabaan kanaan dura ajajaa humna addaa (SFC) kan pirezidantichaa fi dhaabbilee tarsiimawoo eeguuf itti gaafatamummaa qabu erga turanii booda, Bitootessa 2024tti ajajaa waraanaa ta'uun muudaman.
Caasaa waraanaa Yugaandaa jalatti, kallattiidhaan Muuseveeniif gabaasa kan dhiyeessu yoo ta'u, kunis waraana irratti dhiibbaa guddaa akka qabaatu isa taasisa.
Baareebeen amanamummaan humna addaa (SFC) pirezidantichaa fi ilma isaatiif qabu, adeemsa aangoo wal-harkaa fuudhuu gara fuulduraa kamiyyuu keessatti murteessaa ta'uu danda'a jechuun falma.
"Waraanni idilee ammas barbaachisaa ta'us, humna addaa (SFC) kan amma akka waraana dhuunfaa Muuseveenii fi ilma isaatti tajaajiluun moggaatti dhiibameera," jedha.
Giddugaleessa muddama kanaa kan ta'e gaaffii eenyutu Muuseveenii kan jedhudha. Muuseveeniin bara 1986tti Yugaandaa bulchaa nama jiru.
Ilmi isaa Jeneraal Kaayinerugaabaan akka nama bakka bu'uu danda'utti kan ilaalamu yoo ta'u, bara 2031tti yeroo aangoon abbaa isaa ammaa xumuramu pirezidaantummaaf dorgomuuf karoora akka qabu agarsiiseera.
Haata'u malee, haalli dhiheenya kana uumame aangoon abbaa irraa gara ilmaatti darbuun akka deeggartoonni isaa tilmaaman salphaa ta'uu dhiisuu akka danda'u agarsiisa.
Walga'ii hoggansa NRM dhiheenya kana taasifame irratti, qondaalli tokko Muuseveeniin ilma isaa waraana keessaa soorama baasee muuxannoo bulchiinsaa akka argatuuf gahee siiviilii akka kennuuf gaafachuu isaa AFPn gabaaseera.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, qondaaltonni paartichaa tokko tokko obboleessi Museveenii, Jeneraal Saaliim Saaleeh, hoggansa siiviiliitiif caalaatti mijataa ta'uu isaa yaadu.
Haata'u malee, pirezidaantii ta'uuf fedhii qabaachuu isaa wanti agarsiisu hin jiru.
Kaan ammoo hoggansa waraanaa isaa, duula farra malaammaltummaa fi sochii siyaasaa bu'uuraa gochuun Jeneraal Kaayinerugaabaaf falmaniiru jedhameera.
Baareebeen mormiin dhimma bakka bu'ummaa yaadame kana irratti NRM keessatti dabalaa dhufuu isaa kan dubbatu yoo ta'u, hoggantoonni buleeyyiin fi miseensonni dargaggoonni waan humnaan aangoo qabachuuf yaalu jedhanii argan irratti yaaddoo qabu jedha.
Muuseveeniin ilma isaa waraana keessaa baasuuf fedhii dhabuun isaa, yeroo ce'umsaa kamiyyuu keessatti to'annoo waraanaa qabatanii turuun hammam barbaachisaa akka ta'e kan agarsiisu ta'uu danda'a jechuun yaada dhiyeessa.
"Herregni bu'uuraa jiru akka fakkaatutti, hanga Muhooziin SFC to'atutti, yeroo ce'umsa mormiin irratti ka'u keessattillee aangoo qabachuuf itti fayyadamuu danda'a kan jedhudha," jedha.
Waraanni aangoo irra turuu Muuseveeniitiif wiirtuu waan ta'eef, yeroo gaaffiin bakka bu'ummaa cimaa dhufu kanatti amanamummaan ajajoota olaanoo addatti barbaachisaa ta'a.
Dhiibbaan waraanaa maatiin kun qabus carraa mootummaa maatii (dynasty) dhaloota irraa gara dhalootaatti darbuu fakkeessaa jira.
Ilmi Jeneraal Kaayinerugaabaa, Ruhaamyaanis, dhiheenya akkadaamii waraanaa Biriitaaniyaa Sandhurst jedhamu irraa eebbifame.
Siyaasaa mormituu buleessi Kiizaa Beesiigyeen himannaa biyya ganuutiin hidhaa keessa kan jiru yoo ta'u, innis himannaa kana ni haala.
Boobii Waayin, kan filannoo pirezidaantummaa bara kanaa irratti Museveeniitti aanee lammaffaa bahe, Jeneraal Kaayinerugaabaadhaan erga doorsifamee booda gara Ameerikaa baqateera.
Ce'umsi siyaasaa Yugaandaa itti aanu maal akka fakkaatuu fi maatiin Museveenii gahee maalii akka taphatan irratti gaaffiileen jdabalaa jiru.