Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Daangaa Itoophiyaafi Ertiraatti walitti bu'iinsi cime', Ertiraan Ummataaf waamicha dhiyeessite
- Barreessaa, Dereje Gonfa
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4
Naannoo daangaa Itoophiyaafi Ertiraatti walitti bu'iinsi deebi'ee hammachuu jiraattonni naannawa Baadimmee fi Shiraaroo BBC'tti himan.
Gama biraan ammoo Mootummaan Ertiraa ummanni biyyattii waraanaaf akka of qopheessu waamicha dhiyeesse.
''Ertiran waraana isheerratti banamu ofirraa ittisuu qofa utuu hin taane qolachuuf of qopheessaa'' jettetti.
Jiraattootni Tigraay naannoo daangaa Baadimmee fi Shiraaroo jiran lama Kipxata Sadaasa 10, 2026 irraa eegalee walitti bu'iinsi fi dhukaasni gurguddaan naannoo dangaa biyyota lamaanitti dhaga'amuu himan.
Akka isaan jedhanitti walitti dhukaasni kan gaggeefamaa jiru loltoota garee TPLF fi Raayyaa Ittisa biyyaa giddutti.
Garuu, loltoonni humnoota Tigraay fi kan Ertiraa waliin ta'uun dhukaasa gara Baadimmetti dhukaasa jiru jedhu jiraattotni
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaas gara sanatti sochii taasisaa akka jiru kanneen ijaan argine jedhan BBC'tti himaniiru.
Gama biraan Ministirri odeeffannoo Ertiraa muddama waraanaa naannawa daangaa Itoophiyaa waliin wal qabsiisuun ibsa baaseen, ummanni biyyattii tokkummaan akka dhaabbatu waamicha dhiyeessera.
Ministirichi ibsa Afaan Tigiriffaan baase keessatti, ummanni Ertiraa biyya isaa fi daangaa ishee eeguuf yeroo kamiyyuu caalaa akka of qopheessu waamicha taasise.
Ergaa kana keessattis seenaa qabsoo walabumma Ertiraa fi gahee ummanni biyyatti bahe kaasuun, ammas kutannoo fi tokkummaan akkasii barbaachisaa ta'uu eerera.
''Yeroo sanatti gaaffii baay'inni waraana keessanii meeqa jedhuf deebiin lakkoofsa uummata Ertiraa ti" kan jedhu ture.
Kunis uummanni Ertiraa guutuun waraanaa ta'uu isaa ibsuufi jedha ibsi mootummaa Ertiraa kun.
Akka ibsaa kanatti, biyyaattiin yeroo qabsoo walabuummaa isheef gootutti humna namaa fi qabeenya muraasa qabaattus, jaalala biyyaa , tokkummaa fi kutannoo ummataatiin injifannoo gonfachuu yaadachiise.
''Seenaan kaleessa sun har'as borus kan itti fufu ta'uu diinnonnis ta'ee michoonni keenyaas waan ragaa bahaniidha'' jedhe.
Waamichi waraanaaf of qopheessaa mootummaan Ertiraa ummataaf taasise kun yeroo muddamni waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraa giddutti cimee jirutti.
Ibsi ministira odeeffannoo Ertiraa kun itti dabalauun, ummanni Ertiraa waraana filannoo godhatee akka hin beekne eeruun, garuu yoo weerarri irratti raawwatame ofirraa ittisuuf qofa utuu hin hin taane injifachuuf qophaa'aa ta'uu ibseera.
''Mootummaa Itoophiyaa rakkoo siyaasaa fi nageenyaa biyya keessa jiru, xiyyeeffannoo uummataa jijjiiruuf Ertiraa irratti dhiibbaa uumaa jira'' jechuunis himate.
Walitti bu'iinsi deebi'ee hammachuu
Jiraattootni naannoo Tigraay walitti bu'iinsi haaraan kun Kibxata Sadaasa 10, 2026 irraa eegalee naannoo Baadimmeetti hammaachuu fi dhukaasni meeshaa waraanaa gurguddaa dhaga'amaa akka jiru himaniiru
Jiraataa naannawa Addikilti sababa kanaan gara Shiraarotti baqate akka BBC'tti himetti da'imman, dubartoonni ulfaafi kaanis kallattii garaa garaatti baqataniiru.
''Haleellaan dirooniillee gaggeefameera. Kibxataa dhukaasi sa'aatii saditti kan eegale boqonnaa tokko malee hanga halkan sa'aatii 12tti gaggeeffamaa tures.'' jedhe.
Itti dabaluunis, lolichi Rayyaa Ittisaafi humnoota Tigraay gidduuttidha kan gaggeeffamaa jiru ta'uu hime.
''Loltoota Ertiraa Baadimmeefi Shiraaroo yoo ta'een malee as Addikiltetti hin argine. Asii hanga Baadimmee konkolaatadhaan fageenya sa'aatii lamaafi walakkaadha.'' jechuun ibse.
''Ani warra buqqa'an keessaa tokkoodha. Namoonni buqqa'an kallattii garaa garaatti waan faca'aniif eessa akka deemanuu hin beeknu. Neetwoorkiinis hin jiru. Amma kanin argamu Shireetti yoo ta'u kanin dhufe Kamisa ture'' jechuun eere.
Jiraataan biraa Shiraarro irraa BBC'n dubbise ammoo naannawa Shiraaroo Adiyaaboodhaa gara Aduwaalaa naannoo jedhamuu irraa sagaleen dhukaasa meeshaa waraanaa guddaa akka dhagahamu dubbata.
''Naannoo Addikilteefi Adda Nabiriiditti ammoo Roobii darbe Raayyaa Ittisaafi Humnoota Tigraay gidduutti lolatu gaggeeffamaa ture. Waraanni Ertiraa hanga ammaatti Baadimmeerraa garana hin dhufne'' jechuun hime.
Uummanni gidduu jira. dudduubaan Raayyaa Ittisaatu jira. Gama Ertiraan ammoo waraana Ertiraafi humnoota Tigraayitu jira. Uummanni yaaddoofi rakkina guddaa keessa jira jechuun yaaddoo jiraattota naanawa sanaa ibsa.
''Xiqqoo osoo hin boqotin ammas buqqaatidhaaf saaxilamee jirras'' jedhe.
Akka jiraataan kun jedhutti sababa kanaan uummanni gara Adda Hagaraay, Shiraaroo, Shireefi gara birootti baqataa jira.
Baadimmeerraa km 15 fagaattee kan argamtu naannoo Diyaaraa irraa raayyaan ittisaa meeshaa waraanaa gurguddaa garaswaan dhukaasaa akka jirus quba qabaachuu dubbateera.
Akka inni jedhutti, ''magaalaa Baadimmee keessa humnoota Tigraayfi loltoota Ertiraatu socho'aa jira. Waraanni Ertiraa magaalaa Baadimmee keessaa xiqqoo bahee dahannoo qabatee jira.''
Haa ta'uu malee walitti bu'iinsa kana keessatti qaamolee kamfaatu hirmaataa jira Isa jedhu BBC'n qaama walabaa irraa hin mirkaneeffanne.
Dhimma kana irratti Raayyaa Ittisa Biyaa Itoophiyaa irraa deebii argachuuf BBC'n dubbi himaa Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa dubbisuuf yaaliin taasise hanga gabaasni kun qindaa'utti hin milkoofne.
Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa giddutti hammaate gara waraana cimaatti jijjiramuu danda'aa yaaddoon jedhu ka'aa tureera.
Biyoonni lamaan erga wal himachuu fi atakaroo eegalanii waggoonni sadii darbeera.
Tibbanas Gorsaan Dhimmoota Baha Afrika Ministiraa Muummee Itoophiyaa, Obbo Getaachoo Raddaa, mootummaan Ertiraa fi Sudaan gareewwan hidhattoota mootummaa Itoophiyaa lolaa jiran deeggaruu fi haleellaawwan diroonii irra deddeebiin Itoophiyaa keessatti raawwataman keessaa harka qabaachuun himatan.
Keessumaa Pirezidaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi hogganaan waraana Sudaan Jeneraal Abdulfattaah Al-Burhaan, hidhattoota mootummaa lolan meeshaalee waraanaan hidhachiisuu fi qindeessuun deeggaruu isaanii Ambasaddara UN'tti himan.
Kana malees baatii Onkoloolessaa darbe Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos Mana Maree Nageenyaa UN'f xalayaa barreessuun Eertiraan ''daangaa Itoophiyaa weeraruu fi Itoophiyaan ofirraa ittisuun ala filannoo biraa akka hin qabne ibsuun ni yaadatama.
Baatii Onkoloolessaa darbee loltoota Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun gara Maqaleett imalaa turan irratti Itoophiyaan haleellaa diroonii raawwachuun barbaadeessuunis gabaafame ture.
Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun Kibba Adigiraat naannoo Edagahaamus jedhamutti konkolaattota hedduun imalaa turuu isaanii yeroo sanatti BBC jiraattota irraa mirkaneefatee ture.
Akkasumas konkolaataa loltoota Ertiraa fe'ee deemaa ture irrattis haleellaa diroonii raawwatamuu BBC Veify mirkaneesseera.
Ertiraan garuu himannaawwan Itoophiyaan irratti dhiyeessite haaluun, Itoophiyaan buufata galaanaa daangaa ishee keessa jiru humnaan qabachuuf yaalaa jirti jechuun himatte.
Muddama biyyoota lamaanii karaa dippiloomaasiin furuudhaaf biyyoonni akka Raashiyaa fi Chaayinaa yaalii taasisaa turanis hanga yoonaa hin milkoofne.
Biyyoonni lamaan muddama akka tasgabbeessan Ameerikaa dabalatee biyyoonni kaanis waamicha godhaa jiru.