US muddama Itiyoo-Ertiraa furuuf dhimma Asab akka hin kaafne senaataroonni gaafatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dimookiraatonni miseensota Seeneetii Ameerikaa ta'an shan mootummaan Itoophiyaa buufata doonii Asab humnaan to'achuuf yaaliin taasisu kamiyyuu US biratti fudhatama akka hin qabne ifatti mirkanaa'uu qaba jedhan.

Seenaataroonni kunneen US muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti uumame tasgabbeessuuf tattaaffii gootu keessatti, buufanni doonii Asab akka "ajandaa marii" ta'ee hin dhiyaanne gaafataniiru.

Haalli yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti mudatee jiru walitti bu'iinsa garee hedduu hirmaachise dhaleera.

Haalli kun Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa keessatti hookkara babal'isu danda'a jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Kanaafis waajjirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa hojii dipilomaasii cimsuu akka qabu irra deebiin gaafataniiru.

Seenaataroonn Kibxata, Sadaasa 10,2026 gaaffii kana ministeera dhimma alaaf xalayaadhaan gaafatan bakka bu'oota paartii dimokiraatotaati.

Waajjirri miidiyaa Dimookiraatotaa kan Koree Hariiroo Alaa Seeneetii Ameerikaa xalayaan kun sirrii ta'uu mirkaneesseera.

Miseensi olaanaan Koree Hariiroo Alaa Seeneetii Jiin Shahiin fi qondaala olaanaa kana bakka bu'u jedhamee eegamu Kiristoofar E Kuunis namoota xalayaa kana mallatteessan keessatti argamu.

Seenaataroonni kunneen, ''humnoonni Ertiraa Tigraay keessa jiraachuun isaanii gabaafamuu'' fi biyyoonni lamaan hariiroo dipilomaasii isaanii addaan kutuu eeruun, "waraanni haaraan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti ka'uu akka danda'u sodaan jiraachuu" ibsan.

Akkasumas Itoophiyaa fi Masiriin dipilomaatota isaanii biyya keessaa baasuu fi Sudaanii fi Itoophiyaanis gareewwan hidhatoota deeggaruun wal himachuu isaanii kaasaniiru.

Walitti bu'iinsi keessoo Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru itti fufuus ibsaniiru.

"Haalli kun Itoophiyaa, Gaanfa Afrikaa, Galaana Diimaa, michoota keenya kan Galoo Galaanaa ykn Galaana Arabaa keessatti argaman fi daandiiwwan daldalaa galaanaa murteessoo ta'an balaaf saaxiluu danda'a," jechuun akeekkachiisaniiru.

Walitti bu'iinsa Itoophiyaa keessa jiruu fi balaa waraana waraana waliinii haaraa uumamuu danda'u ilaalchisee mootummaan Ameerikaa hojii dipilomaasii saffisaa, bu'a qabeessaa fi qindoomina gahaa qabu hojjechaa hin jiru jechuunis qeeqaniiru.

"Ameerikaan qaamolee dhimmi ilaallatu hunda gara mariitti fiduun, haala yeroo ammaa giddugaleessa godhachuun marii siyaasaa haarawaan akka gaggeeffamu deggeruu qabdi," jedhan.

Haata'u malee, yeroo mariin akkasii gaggeeffamutti, dhimmi buufata doonii Asab kan Ertiraa keessatti argamu humnaan qabachuu ajandaa mariin ala ta'u qaba jedhan.

"Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaas yeroo mariin gaggeeffamu dhimma buufata Asab to'achuu ajandaa marii ijoo godhatee akka hin dhiheessine hubachiisna," jechuun xalayichaan akeekkachiisaniiru.

Dabalataanis, "Mootummaan Itoophiyaa buufata doonii Asab humnaan argachuuf yaalii kamiyyuu yoo godhe Ameerikaan akka hin deeggarre yookaan akka hin fudhanne ifatti ibsamuu qaba," jechuun mootummaa Ameerikaa gaafatan.

Mootummaan Ministira Muummee Abiy Ahmad waggoota sadeen darban Galaana Diimaa irraa ulaa galaanaa argachuuf fedhii qabu ibsaa tureera.

Mootummaan Itoophiyaa ulaa galaanaa kan fedhuuf daldalaaf ta'uu ibseera.

Ministirri Muummee Abiy kanaan dura "qajeeltoo kennanii fudhachuu" jedhu irratti yaada dhiyeessaniiru.

Ajajaan Humna Galaanaa Itoophiyaa Admiral Kindaa Gezuu torban darbe akka jedhanitti, tattaaffiin dipilomaasii karra galaanaa argachuuf taasifamu yoo milkaa'uu baate, "furmaata mootummaan filachuu hin barbaadne isa dhumaa" fayyadamuun karra galaanaa argachuun waan hin oolle ta'uu ibsanii turan.

Ertiraan gama isheetiin mootummaan Itoophiyaa "karra galaanaa walaba kan mataa isaa" argachuu maqaa jedhuun weerara raawwachuuf karoora qaba jechuun himatteetti.

Walitti bu'iinsi mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti dhiheneya deebi'ee ka'e, Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddama hammeesseera.

Seenaataroonni Dimookiraataa kunneen mootummaan Ameerikaa akka meeshaaleen waraanaa haaraan Itoophiyaatti hin gurguramne gochuun, akkasumas dhiibbaa dipilomaasii Ertiraa, Masirii fi Sudaan irra kaa'uun walitti bu'iinsa kana dhaabsisuuf tarkaanfii fudhachuu qaba jechuun gaafataniiru.

Kana malees, "biyyoonni sadeen naannawa kanatti biyyoota kaaniif dirree waraanaa ta'uu hin qaban jechuun Ameerikaan ifatti beeksisuu qabdi" jedhan.

Dhimma xalayaa kana irratti mootummaa Ameerikaa irraa ammatti ibsi ifatti kenname hin jiru.

Haata'u malee, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo dhihoo kana Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin mari'achuun muddama mootummaa Ertiraa waliin jiru tasgabbeessuuf akka deeggaran ibsaniiru.

Yeroo sanas Ruubiyoon, "Biyyoonni Gaanfa Afrikaa hundi bulchiinsaa fi daangaa biyyoota ollaa isaanii kabajuu qabu; weerara daangaa ce'ee raawwatamu irraa of qusachuu qabu" jechuun akeekkachiisanii turan.