Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Ittisaa US fi jillisaanii bakka yaadannoon sammuu godhamutti kolfinaan itti dheekkamame
Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Hegseet fi miseensonni garee isaanii, duudhaa kabajaa iddoo yaadannoo waraanaa kabajamaatti beekamu waan sarbaniif, eegduun raayyaa ittisa biyyaaa iddoo Siidaa (awwaala ) Biyyaalessaa Arliingiten (Arlington National Cemetery) keessatti itti dheekkame.
Viidiyoon sirna kabaja Guyyaa Loltoota Duraanii (Veterans Day) irratti waraabame, Hegseet, haati warraa isaaniifi gorsitoonni isaanii olaanoon siidaa awwaala loltuu hin beekamnee fuuldura dhaabbatanii suuraa ka'aa yeroo kolfanii fi haasa'an agarsiisa.
Eegduun raayyaa ittisa biyyaa Ameerikaa hojii irra ture gara Hegseet fi garee isaatti tarkaanfachuun sagalee guddaadhaan akkas jedhee iyye: "Daawwattoonni hundi yeroo hunda haala callisuufi duudhaa bakkichaa eeguu qabu."
Duudhaan naamusa bakka awwaala sanaa akka ajajutti, daawwattoonni sagalee gadi qabanii haasa'uu qabu; akkasumas gochaa kabaja dhabsiisuu fi jeequmsa uumu kamirraayyuu of qusachuu qabu.
Siidaan awwaalaa kun, kan iddoowwan yaadannoo waraanaa biyyattii keessatti baay'ee safeeffataman keessaa tokko ta'ee, bakka boqonnaa dhumaa loltuu hin beekamnee kan Waraana Addunyaa 1ffaa irratti ajjeefamee agarsiisa.
Miseensi raayyaa ittisaa kun Kutaa Waraana Lafoo 3ffaa irraa yoo ta'u, guyyaatti sa'aatii 24 Siidaa Awwaalaa kana eegaa jira; Hojii kanas bara 1948 irraa eegalee itti fufeera.
"Guyyaa kabajamaa fi gaddaa kana yeroo yaadannutti, loltuun tokko sirrii fi kabajaan namni hundi naamusa akka eegu yaadachiiseera," jechuun Dubbii Himaan Olaanaa Peentaagoon Shoon Paarneel ibsa kennaniin dubbatan.
"Ministeerri Ittisaa fi guutuun Ministeerichaa aarsaa dhiironnii fi dubartoonni raayyaa ittisaa keenyaa nageenya Ameerikaa eeguuf kaffalan yeroo hunda ni kabaj, gara fuulduraattis ni kabaju."
Kanaan dura, Pireezidaant Donaald Tiraamp, Itti Aanaa Pireezidaantii JD Vaans fi qondaaltonni olaanoon biroon sirna abaaboo kaa'uu waggaa waggaan iddoo awwaalchaa sanatti qophaawurratti argamaniiru.
Haasaa sirnicharratti taasiseen, Tiraampi miseensota raayyaa ittisaa uffata waraanaa uffatanii biyyattiif falmaniif galata dhiyeesse.
Akkasumas, waan bulchiinsi isaa waraana Iraan keessatti akka milkaa'inaatti ilaalu leelliseera.
Bulchiinsa kana jalatti, yeroon isaas kanuma ture, namni tokko falmateera. Hundi keenya falmineerra," jedhan Tiraamp. "Nuti immoo mo'anneerra," jedhe Tiraamp waa'ee waraana Iraan yeroo dubbatu.
"Gaaffiin jiru yoom xumuruu akka barbaadnu qofa. Injifannoo guutuu (100%) argachuu keenya mirkaneessuu barbaanna malee, injifannoo %93 miti."
Tiraamp sirna sana irratti Hegseet irrattis xiyyeeffachuudhaan, akka ministeera ittisaa tokkootti "hojii dinqisiisaa" hojjechuu isaa dubbatae.
Tiraamp, dhiibbaa seera baastonni paartii Dimookiraatotaa Hegseet aangoo irraa buqqisuuf gochuuf taasisan gidduutti, irra deddeebiin isaaf falmaniiru.
Kibxata darbe, yaaliin ministira ittisaa, Piit Heegseet himannaa hayyama Koongireesii malee Iraan irratti waraana bane jedhuun aangoo irraa kaasuuf taasifame Kaappitool Hiil irratti fashalaa'eera.
Hegseet yaalii aangoo irraa isa kaasuu kana "qoosaa" fi "gocha xiyyeeffannoo argachuuf taasifame" jechuun waameera.