'Itoophiyaan gahee ofii bahaa jirti' - Ergaa MM Abiy dureewwan addunyaaf dhaaman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, biyyoonni qilleensaa faalamaa baay'inaan gadi lakkisan sadarkaa olaanaan hir'isuu akka qaban gaafatan.

Abiy Ahmad Roobii ergaa yaa'ii jijjiirama qilleensaa COP31 Turkiitti taa'amaa jirurratti ergaa kana dabarsan.

Itoophiyaan yaa'ii jijjiirama qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) bara dhufu wayita keessummeessitu, tarkaanfii dursee fudhatamuufii faayinaansii jijjiirama qilleensaa saffisiisuuf dursa akka kennan waadaa seenan.

Itoophiyaan Turkiitti aanuun yaa'ii jijjiirama qilleensaa COP32 bara dhufu qopheessuuf filatamteerti.

Abiy yaa'ii COP31 magaalaa kibba Turkii Antaaliyaatti taa'amaa jiru irratti hoggantoota addunyaaf ergaa dabarsaniiin, 'Miidhaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf baasii guddaa yoo baasne, manneen barnootaa, eegumsa fayyaa fi carraa dargaggoota keenyaa irratti invast gochuuf baasii xiqqaa nu gaafata' jedhan.

Itoophiyaan hongee fi lolaa irra deddeebi'ee mudatuun kan rakkachaa turte yoo ta'u, bara 1970moota irraa eegalee bal'inni hongee, irra deddeebiin isaa fi miidhaan dhaqqabsiisu dabalaa dhufeera.

Sadarkaan hiyyummaa olaanaa ta'uun, guddinni baay'ina ummataa saffisaa ta'uun, akkasumas qonna rooba irratti hirkate irratti baay'ee hirkachuun saaxilamummaa biyyattiin jijjiirama qilleensaatiif qabdu dabaleera.

MM Abiy tattaaffii Itoophiyaan qilleensa faalamaa gadi lakkifamu hir'isuuf taasiftu ibsan.

Kanaafis, konkolaattota beenzilaafi naafxaan hojjetan biyya alaatii galchuu dhorkuun konkolaattota elektirikiitiin bakka buusuuf carraaqqii godhamu akka cehumsaatti eeran.

''Itoophiyaan gahee ishee ba'aa jirti. Gara konkolaattota elektirikiitti (EV) yeroo ceenu kanatti konkolaattota beenzilaanii fi naafxaan hojjetan biyya alaatii galchuu dhorkineerra" jedhan

Itoophiyaan dhorkaa kana bara 2024 kaasee kan hojiirra oolchite yoo ta'u, hirkattummaa boba'aa biyya alaatii galu irratti qabdu hir'isuu fi geejjiba elektirikii jajjabeessuuf jecha biyyoota tarkaanfii akkasii fudhatan keessaa ishee jalqabaa taateerti.

Abiy akka jedhanitti, 'Warri itti gaafatamummaa guddaa qabaniifi tooftaa gochaan agarsiisuu qaban, waggoota kurnan dhufan keessatti qilleensa faalamaa hir'isuun dursanii argamuu qabu' jedhan.

Yaa'ii jijjiirama qilleensaa COP32 Itoophiyaan bara 2027tti keessummeessuuf wayita qophoofteetti, Abiy mootummaan isaanii hawaasa saaxilamoo ta'an miidhaawwan jijjiirama qilleensaan walqabatan irraa baraaruuf tarkaanfii dursee fudhatamuuf dursa akka kennu ibsaniiru.

Itoophiyaan yaa'ii COP32 keessummeessuuf mirga kan argatte Naayijeeriyaa waliin dorgomtee mo'achuun yoo ta'u, murtiin kunis yaa'ii COP30 bara darbe magaalaa Beelem, Biraazilitti gaggeeffame irratti beeksifame.

Yaa'iin kun magaalaa guddoo Itoophiyaa fi teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Finfinneetti gaggeeffamuuf karoorfameera.

Walga'iin COP naannolee addunyaarra kan naanna'u yoo ta'u, murtoon kun biyyoota naannichaa hunda gidduutti sagalee tokkoon ta'uu qaba.

COP maali?

Waggaa waggaan konfiraansiin jijjiirama haala qilleensaa UN mata dureewwan dhibbaan lakkaa'aman kanneen addunyaa kana balaa jijjiirama haala qilleensaarraa baraaruuf tattaaffii godhamurratti xiyyeeffachuun gaggeeffama.

Kan bara kanaa Wixata magaalaa bosona roobaa Biraazil, Belem keessatti jalqabe.

Korri waggaa waggaan gaggeeffamu kun COP jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kunis Yaa'ii Dhaabbilee waliigaltee jijjiirama haala qilleensaa UN bara 1992 mallatteessanii jechuudha.

Waliigaltichi UN Framework on Climate Change Convention (UNFCCC) jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, biyyoonni jijjiirama qilleensaa ittisuuf akka waliin hojjetan waadaa ittiin waliif galanidha. Rakkoon jijjiirma haala qilleensaa kan biyyoonni hundi akka mudatu beekamtii kennanii waliin furuun gaarii ta'uu irratti walanidha.

Waliigaltichi seera bu'uuraa "itti gaafatamummaa waloo garuu adda baafame" jedhus kan qabu yoo ta'u, biyyoonni dureeyyii faalama qilleensaa sababa guddaa ta'uun akka ho'i pilaaneetii dabalu taasian itti gaafatamummaa caalu akka qabaatan godha.

Itoophiyaan hongee, lolaafi qormaata jijjiirama haala qilleensaa hedduun ishee mudatteera. Kanaafis, kunuunsa naannoofi lafa borqateefi bosonni irraa manca'e deebistee magariisaan uwwisuuf waggoota darban keessa dhimmitee hojjechaa jirti.

Hiree COP32 keessummeessuu argachuun ishee ammo biyyoota Afrikaa jijjiirama haala qilleensaatiin baay'ee miidhamaniif sagalee akka taatu kan godhu yoo ta'u, muuxannoo addunyaaf ta'us dabafrsuu dandeessi jedhamee amanama.

Itoophiyaan kora COP32 akka qopheessituuf filatamuun, Afrikaaf filannoon akka milkaa'ina dippilomaasii guddaa ta'etti fudhatameera.

Duraanuu Finfinneen wiirtuu dhaabbilee dhimmoota jijjiirama haala qilleensaarratti karaa dhaabbilee kanneen akka Gamtaa Afrikaa fi UNECA kan taatedha.

COP32 keessummeessuun faayinaansii jijjirama haala qilleensaa, dandeettii dandamachuu, akkasumas ce'umsa haqaa biyyoota Afrikaa f dursa kennuuraatti xiyyeeffata jedhamee eegama.

Mootummaan Itiyoophiyaa shaampiyoonaa misooma magariisaa ta'ee, tarsiimoo "Dinagdee Magariisaa Haala Qilleensaa Dandamatu" fi invastimantii anniisaa haaromfamuu danda'u, keessumaa humna bishaanii irratti taasifamu babal'isaa jira.