Mana keessa jinnii waliin akka jiraattan beektuu? Kutaalee manaa shan jinniin jiraachuu jaallatan

    • Barreessaa, Muslim Muhammd Yusuf
    • Gahee, Mwandishi Mwandamizi, BBC Hausa
    • Gabaasni irraati, Abuja
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Akka ilaalcha amantii Islaamaatti Rabbiin jinnii abidda irraa uume. Jinniileen mana keessattis ta'e iddoo kamittuu bakka murtaa'e jiraatu kan jedhuuf ragaa cimaan hin jiru.

Haata'u malee iddoowwan muraasni jinnoonni ykn sheeyixaanni yeroo baayyee itti argaman ykn keessatti walitti qabaman hadiisota hedduu keessatti eeramaniiru.

Kanarraas rakkoon tokko tokko akka dhala namaa mudatu hayyoonni amantii ni himu.

Hayyuun amantii Islaamaa Pirofeesar Mansuur Sokotoo gaaffii fi deebii BBC waliin taasiseen, Qur'aanaa fi hadiisota keessatti waa'ee jinniilee fi bakka isaan mana keessa jiraatan ilaalchisee odeeffannoo jiru ibseera.

1. Siree ykn itillee qullaa, hin afamin ykn hin sirreeffamin jiru

Hayyuun amantii Islaamaa Pirofeesar Mansuur Sokotoo jinniiwwan naannawa itillee turuu waan jaallataniif eeggannoo gochuun barbaachisaadha jedhan.

Erga uffata halkan uffannee bulle ykn bullukkoo fayyadamnee booda dachaasuun qixeessanii bakka tokko kaa'uun barbaachisaadha jechuun gorsu.

Kunis barsiisa ykn duudhaalee sunnaa keessaa tokko ta'uu ibsan.

Kanas ragaadhaan deggaruun wayita ibsan hadiisa tokko keessatti ergamaan Rabbii (nagaa fi rahmanni Rabbii irra haa jiraatu) afata ykn afaa qaama afurtu fayyadama jechuu eeran.

''Itilleen gosoota afur qaba. Tokkoffaan kan irra taa'an. Kaan kan keessummaan irra taa'u. Sadaffaan itillee kan abbaa manaatiif qophaa'e.''

Hayyuun amantii kun itti dabaluudhaan ergamaan Rabbii (nagaa fi rahmanni Rabbii irra haa jiraatu) sireen afraffaan "kan jinniilee" ta'uu dubbataniiru jedhan.

Kanaafuu, siree ykn itillee kamiyyuu erga fayyadamee booda ykn erga irra rafnee booda afuu ykn sirreessuun gaarii dha.

Mana fincaanii fi kutaa dhiqannaa

Akka amantii Islaamaatti jinniileen naannawa mana fincaanii fi mana dhiqannaa jiraatu jedhama.

Kanaaf manneen dhiqannaa fi manneen fincaanii hammam qulqulluu ta'an iyyuu bakka sanatti of eeggannoo godhaa jechuun gorsu Pirofeesar Mansuur.

Bakka jinniileen jiraatan hadiisaan kan mirkanaa'e akkanaan ibsan.

"Mana dhiqannaa hammam qulqulluu ta'e iyyuu, jinniileen bakka sana jaallatu; achis jiraatu."

Pirofeesar Mansuur akka jedhanitti, "jinniilee addunyaa irratti argaman hunda keessaa kan haxxummaa guddaa qabu jinnii mana fincaanii ti."

Akka isaan ibsanitti yoo jinniin mana fincaanii nama keessa seene, Ruqyah (yaala hafuuraa) irratti rakkoon guddaan uumamuu danda'a.

Hayyuun kun haala kana irraa of eeguun karaa itti danda'amu ykn du'aa'iin furmaata ta'uu ibsaniiru.

Hadiisa keessatti akkana jechuun ibsameera jedhan.

"Manneen fincaanii bakka jinniileen dhuunfatan ykn weeraraniidha..."

Kanaafuu namni mana fincaanii seenu kamiyyuu du'aa'ii kana jechuun ni gorfama:

"A'uuzu billaahi minal-khubuthi wal-khabaa'ith."

Hiikni isaa:

"Jinniilee dhiiraa fi dubartii hamoo irraa Rabbiitti nan maganfadha."

3. Uffata faayidaa malee akkanumaan fannifamee taa'u

Pirofeesar Mansuur akka jedhanitti, namni uffata bitee yeroo dheeraadhaaf osoo hin uffatin fannisee dhiisu, akkasumas osoo hin miiccin kan tursiisu yoo ta'e, akka amantii keessatti ibsametti jinniileen keessa seenuu danda'u.

Hayyuun Islaamaa kun namni uffata yeroo ofirraa baasu yeroo sanatti uffata isaa dachaasee kaa'uu akka qabu gorsu.

Saanduqa uffata keessa kaawwatan keessa kaa'uuf illee akkasuma sirreessuun barbaachisaadha jedhan.

Akka isaan ibsanitti, hadiisa tokko keessatti Ergamaan Rabbii (nagaa fi rahmanni Rabbii irratti haa jiraatu) akkana jedhan:

"Uffata keessan dachaasuun qixeessaa; sheyxaanni uffata dacha'ee hin qixaa'in hunda keessa seena."

Kanaafuu, hayyuun kun maatiin uffata osoo hin fayyadamin yeroo dheeraadhaaf bakka garaa garaatti fannisuu irraa akka of eeggatan gorsaniiru.

Yoo uffatni sun yeroo dheeraadhaaf faayidaa malee ture, uffata kana fudhachuun uffachuu dura du'aa'ii "A'uuzu billaahi" jedhu jechuun irratti biifuun ykn Rabbiitti maganfachuun akka gaarii ta'e gorsaniiru.

4. Suuraa ykn bobboca waan adda addaatti fakkeeffamu

Pirofeesar Mansuur akka jedhanitti, akka ilaalcha amantii Islaamaatti, suuraawwan uumamtoota lubbuu qaban yookaan bobboca bifa namaa fi bineensaa qaban mana keessa kaa'uun sheyxaana bakka sanatti hawwata jedhama.

Akka isaan ibsanitti, wantoota akkasii mana keessa kaa'uun maleekonni gara mana sanaatti akka hin seenne taasisa; kun immoo sheyxaanonni achi keessatti akka qubatan carraa isaanii bal'isa.

Sheekh Mansur akkana jedhan:

"Yoo maleekonni hin seenne ta'e, sheyxaanni ni seena; carraa sanas ni fayyadama."

5. Bakka ibiddi jiru

Piroofeesar Mansur akka jedhanitti, mana keessaa bakka nyaati itti bilchaatu keessatti ibiddi itti qabsiifamu kamiyyuu bakka jinniileen walitti qabaman keessaa tokko dha.

Addatti dubartoota ibidda bira yeroo dheeraa taa'an akeekkachiisan, bakki akkasii "bakka balaa qabu" ta'uu ibsaniiru.

Kun jechuun, namoonni bakka kamittuu ibidda qabsiisan of eeggannoo cimaa gochuu fi Rabbiitti maganfachuu qabu jechuu dha.

Akkuma amantii Islaamaa keessatti ibsametti, bakkeewwan akkasii jinniilee hawwachuu danda'u jechuun amanama; sababiin isaas isaan bakka ho'aa fi dukkanaa'aa ta'e ni jaallatu jedhama.

Kunis aayata Qur'aanaa keessatti jinniileen ibidda irraa uumaman jechuun kan ibsame waliin walqabata. Dhimmi kun Suurat Ar-Rahmaan keessatti eerameera.

Of eeggannoo gorfamu

Akka Sheekh Mansuur Sokoto jedhanitti, jinniilee fi hammina sheyxaanota hundarraa of eeguu keessaa inni guddaan du'aa'ii gochuu fi yeroo hunda Rabbii yaadachuu dha.

Namni salaata ganamaa fi galgalaa isaa sirriitti eeggatee, akkasumas zikrii fi du'aa'ii addaa ''adhkaar'' jedhaman yeroo hunda taasisu, hamminawwan dhokatoo hundarraa ni eegama.

Kunis Rabbii wajjin hariiroo isaa ni cimsaa, amantii isaas ni jabeeffata.

Akkasumas, Qur'aana qara'uun, keessumaa ''Aayat Al-Kursii fi Suurat Al-Baqarah'' dubbisuun, karaa ijoo sheyxaanotaa fi jinniilee miidhaa geessisan ari'u keessaa tokko ta'uu isaa ibsameera.

Manni Qur'aanni keessatti yeroo yerootti qara'amu, zikriinis baay'inaan keessatti godhamu, eebba Rabbiitiin ni guutama.

Haala akkasii keessatti sheyxaanonni dhiibbaa isaanii geessisuuf carraa hin argatan.

Kanaafuu, Muslimni yeroo hunda du'aa'ii gochuu, araara Rabbii kadhachuu, fi Rabbii yaadachuu keessatti jabaachuu qaba.