Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa haaraan daangaa Oromiyaa fi Somaalee, aanaa Mi'eessootti lubbuu namoota 10 galaafate
Godina Baha Oromiyaa, Aanaa Mi'eessootti haleellaa hidhattootni gaafa Wixataa Sadaasa 9, 2026 bananiin namoonni 10 ajjeefamuu fi 12 madaa'uu isaanii jiraattonni fi itti gaafatamaan buufata fayyaa BBC'tti himan.
Akka isaan jiedhanitti, Humnoonni nageenyaa naannoo Somaalee irraa dhufan daangaa Oromiyaa seenuun aanaa mi'eessoo gandoota Qiqiliftuu, Dirree Bal'oo fi Waltaanee jedhaman keessatti meeshaa gurguddaan namoota irratti haleellaa banan.
Aanaa mi'eessotti itti gaafatamaa Buufata Fayyaa Waltaanee kan ta'an, obbo Dabbabaa Masfin, namoonni rasaasaan rukutamanii buufata fayyaa isaanii geeffaman 22 ta'uu BBC'f mirkaneessaniiru.
''Guyyaa sana rasaasan rukutamanii gara buufata fayyaa kan fidaman namoota 22 turan. Isaan keessaa 10 utuu buufata fayyaa hin ga'in dura du'anii turan.'' jedhan.
Itti dabaluunis,''kanneen miidhaan irra gahe namoota 12 wal'aansa jalqabaa barbaachisu erga goonefii booda gara Hospitaalotatti 'refer' goonee jirra.''
Akka Obbo Dabbabaa jedhanitti, namoonni madaa'an hedduun gara Hospitaala Adaamatti dabarfaman.
Ammoo erga guyyaa sanaa namoonni haaraan miidhaa rasaasan gara buufata fayyaa isaanitti geeffaman akka hin jirre eeraniiru.
Jiraataan Aanaa Mi'eessoo maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, akka BBC'tti himetti, walitti bu'iinsi kun mormii daangaa lafaatin wal qabata.
''Walitti bu'iinsi kun yeroo dheeraaf irraa deddeebiin lubbuu namoota hedduu galaafataa tureera. Tibbanas utuu hin yaadamiin gandoota naannawa daangaa jiran akka ganda Qiqilliftuu fi Dirree Bal'oo keessatti humnoonni poolisii Somaalee uffatan meeshaa gurguddaan waraana banan'' jedha jiraatan kun.
Haleellaa sanaanis namootni 10 ajjeefamuu fi mana jiraattota hedduun barbadaa'uu himeera.
''Wayita humnoonni nageenyaa Oromiyaa gara galgalaa as gahan isaan waan godhan godhanii duubatti deebi'anii''jechuun haleellaa qaaqabsiisanii deebi'uu ibsa.
Haleellaa sanaan manneen jiraattotaa hedduu gubamuu fi namoonni baay'een gandoota Qiqiliftuu fi Dirree Bal'oo keessaa buqqa'an hanga ammaatti gara manneen isaanii utuu hin deebi'in akka jiranis dubbate.
Jarri somaalee gandoonni kunneen keenyaa jedhanii maqaa biraa itti moggafatanii jirus jedhe.
Haa ta'uu malee BBC'n dhimma kana qaama walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Jiraatan biraa BBC'n dubbisees walitti bu'iinsi daangaa irratti naannawa sanatti uumamu yeroo tokko tokko tasgabbaa'ee yeroo tokko tokkommoo hammaataa yeroo dheeraaf turuu hima.
Akka inni jedhutti, kanaan dura jaarsoliin biyyaa dhimma kana gidduu seenuun rakkoon kun irra deebin akka hin kaane taasisuun jiraattotni gama lachuu waliigalteerra ga'anii ture.
''Erga akkasitti waligalamee waluma keessa ollee bulla, waliin daldalannee walumaan jiraata turre. Tibbanammoo waligaltee ummataa sana cabsanii humnoonni Somaalee miidhaa geessisan.'' jechuun hima.
Akka jiraattotni aanichaa jedhanitti, namoota du'aniifi madaa'an keessaa manguddoonni dubartootni fi dargaggoonnillee ni argamu.
Guyyaa haleellaan sun raawwatee as qaamoleen nageenyaa Oromiyaa naannawa sana waan socho'aniif, ergasii haalli jiru tasgabbaa'eera jedhu.
BBC'n halleellaa namoota nagaa irraatti raawwatame jedhame kana ilaalchisee yaada bulchaa Aanaa Mi'eessoo fi qondaalota mootummaa Naannoo Somaaleerraa argachuuf yaaliin taasise hanga gabaasni kun qindaa'etti hin milkoofne.
Haleellaa Mi'eessoo keessatti raawwatame kana ilaalchisee, eenyummaa qaama haleellaa raawwate, sababaa fi haala itti raawwatame irratti ibsi gama qaama mootummaan kenname hanga ammaatti hin argamne.
Walitti bu'iinsi daangaa Oromiyaa fi Naannoo Somaalee gidduutti uumamu dhaga'amuun kun haaraa miti. Tibbanas Moyaalee keessatti balaa cimaan ga'uufi yaaddoo jiraattotaa ta'ee itti fufeera.
Kanaan duras naannolee daangaa Oromiyaa Somaaleen wal daangessaan akka Mi'eessoo fi Cinaaksan dabalatee, walitti bu'iinsi irra deddeebi'ee lubbuu namaa galaafachuu fi tasgabbii uummataa jeeqaa tureera.
Jiraattonni mootummoonni naannolee lamaanii(Oromiyaa fi Somaalee) rakkoo sababa daangaan deddebbi'ee ka'uuf tarkaanfii furmaata waaraa fidu akka fudhatan gaafachaa turaniiru.