'Adaraa koottu hojjedhu!' - Tiraamp pirees sekireetarii akka ta'u 'loltuu jabaa' gaafatan

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin US Donaald Tiraamp hogganaa dhaabbata Ultimate Fighting Championship (UFC) akka pirees seekireetarii Waayit Haawus ta'u gaafatan.
''Daanaa Pirees Seekiretarii dorgomaa hin qabne ta'a,'' jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social gubbaa barreessan.
''Daanaa, adaraa koottu hojjedhu!''
Wanti Tiraamp waa'ee Daanaa Waayit barreessan qoosaa ta'e, dhugaa ta'e ifa miti.
Garuu, boodarra ''gaafa Wiixataa walgahii qabna'' jechuun Waayit Haawus barreesseera.
Erga walakkeessa baatii Onkololeessaa Kaatii Zakaariyaan guyyaa shanitti hojii gadhiifte as namni masaraa mootummaa US Waayit Haawusiif Pirees Sekireetarii ta'e hojjetaa jiru hin jiru.
Barreeffamni Tiraamp kuni kan qoodame erga Filannoo Walakkeessa US irratti Rippablikaanonni kongirasii keessaa olaantummaa ykn caalmaa horatan boodadha.
Pireezidant Tiraamp Daanaa Waayitiin ''loltuu jabaa'' jechuun jajan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Dabaluunis, Daanaa Waayit loltoota biroo ''biyya keenyarraas ta'u baatan'' UFC irraa gara hojiitti fida jedhan.
''Namoonni kuni dabeeyyii gara bitaa (siyaasaan) jiran ofirraa qolachuuf nu barbaachisu,'' jechuun Tiraamp suuraa loltoota jaha biratti barreessan.
Achii booda Daanaan Instagram gubbaa suuraa duuba isaa barjaan Waayit Haawus mul'isu maxxanse.
''Boqonnaa itti aanutti'' jechuun Waayit barreesse.
Daanaa Waayit gaafa Sambataa sanduuqa buunyaa itti wal dorgoman keessa shaampiyoonaa duraanii Biriitish Kiriis Billaam Ismiiz fi dhalataa Jamaayikaa lammummaa Biriitish qabu Chiivon Kilaar waliin Landanitti dorgommii qaba ture.
Ibsa miidiyaaleef kennamu irratti waa'ee Tiraamp isaaf dhiheessan gaafatamnaan gaafa Wiixataa gara Waashingitan akka imalu dubbate.
''Ammayyuu hojii baay'een harkaa qaba'' jechuun rippoortarootatti dubbate.
Dubbii isaan hojii Tiraamp akka hojjetu fedhu dhiheessan ni fudhatamoo hin fudhatu hin akeekne.
CNN madda eeruun akka gabaasetti garuu hojii siyaasaa keessatti akkaan cimaa jedhaman keessaa tokko isaaf dhihaate kana fudhachuu dideera.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa miidiyaalee irratti akka dubbatetti, hojii danuu yeroo duraa fudhatan of harkaa qaba.
Dhaabbilee UFC fi Power Slap jedhaman hoogganuun ala waggaa dura miseensota boordii haaraa abbaa qabeenyaa Facebook, Meta'tti dabalaman keessaa tokko ta'eera.
Wal'aansoon kan beekamu Daanaa Waayit kana dura gaazexeessitoota ispoortii gabaasan waliin walitti bu'ee beeka.
Bara 2016, 2020, fi 2024 Daanaa Waayit Konveenshinii Biyyaalessaa Rippablikaanitti dubbii himaa duula gara Waayit Haawusii Tiraamp ture.
Yeroo dheeraafis michuufi hiriyyaa dhihoo Donaald Tiraampidha.


























