Itoophiyaatti rifeensa biqilfachuuf hanga birrii kuma 160 kaffalchiisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Qaala'aab Ijoollummaasaarraa kaasee rifeensasaa guddoo jaalata ture. Rifeensa luuccaa fi bareedaa ta'e qaba ture. Umriinsaa ganna 18 Yeroo guutu rifeensisaa kuni haphachaa fi dhumuu akka jalqabes dubbata.
Eegasiin booda rifeensasaa haphate kana yabbifachuufii gara addasaatti asbutuuf dhama'aa akka ture yaadata.
Waggaadhaa waggaatti haphinni rifeensasaa dabalaa deemee dhumuunsaa ittifufnaan dhiphinnisaas dabalaa deeme.
Rifeensasaa guutumatti haaddachuun moluu dhufaa jirtu kana amanee akka fudhatuuf akka isa gargaaru yaadee ture. Garuu ofilaallee keessatti kan ofarge waan inni yaadeen adda.
Fuulliifii mataan inni daawwitii keessatti arge anuma jedhee amanuufuu rakkate.
"Nama dhibii, fuula nama biraa, nama guddaa wayii" jechuun waan guyyaa sanaa yaadata.
Waan kuni Qaala'aabiif jijjiirama fuulaa qofa hin turre. Rifeensi dhumuun bifa fuulaa akka jijjiiruufi waan dulloome akka isa fakkeessu hima.
"Umrii kiyyaan olitti umriin wayii natti dabalama. Umrii kiyya malee nama guddaa nafakkeessa" jechuun sababa rifeensisaa haphateef namootni umriisaatii ol akka isa tilmaaman gochuu hima.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waan isa mudate kanarraa ofbaraaruuf shunkurtii dabalatee waan rifeensa deebisee biqilchan jedhaman hedduu yaaleera.
Keessumaa yaadotni namoonni miidiyaaa hawaasummaa kanarratti isaaf kennan dhimmicha caalaatti akka itti xiyyeeffatu jabeesse.
"Rifeensikee duubatti deemeetimoo addikee fuulduratti baheeti? Qubee guddaa M fakkaachaa jirta" ergaawwan jedhanfaatu isa qaqqabaa ture.
Yaadota akkanaa yeroodhaaf seeqee bira darbus dhiibbaan isarratti uumu garuu laayyoo hin turre.
Sababa kanaanis yeroo yeroon rifeensasaa sirreessuu, akka barbaadetti bishaan daakuuf dadhabuu fi yeroo hiriyootasaa waliin ta'u akka isaan rifeensasaa hin tuqne ofeeggannoo gochuun hojii idilee itti ta'e.
"Yeroo hiriyootakee waliin taphattu akka isaan rifeensakee hin tuqne ofeeggannoon gootu sitti himuu hin danda'u" jechuun siqiqii ture hima.
Haalli kuni cimee jennaan rifeensasaa guutumatti haaddachuun bifa haaraa kana amanee fudhachuuf murteesse.
"Yeroo wayiirratti nan murteesse. Ani moluudha kana amanee fudhachuun qaba jedheen murteesse" jedha.
Garuu erga kana godhees biftisaa akka inni eege hin taane. Kanaaf jecha rifeensa dhaabsifachuu filannoo dhumaa godhee murteessuuf dirqame.
'Ani moluudha jedhanii ofamansiisuun waan sirriiti'
Namoota rifeensa dhaabsifataniifi beeksisoota miidiyaa hawaasummaa irra deeman erga argeen booda kuni filannoo sirrii akka ta'e amanuun yaaluuf murteesse.
Murtiin kuni garuu salphaa ta'ee itti hin mul'anne. Rofeensisaa mataa gara duubaarraa buqqifamee gara fuulduraatti dhaabbachuun sodaachisaa fakkaatee itti mul'ate.
Erga eessatti akka hojjetatuufi doktara waliin haasa'een booda murtiisaa cimse.
Rifeensa dhaabsifatee ji'a sadiin booda wanti ofirratti arge hamma eegeen oli. Bu'aan guutuun kan mul'atu garuu waggaa tokkoon booda akka ta'e hima.
Qaala'aabiif rifeensa biqilfachuun kuni rifeensasaa qofa osoo hin taane ilaalcha inni ofiif qabullee kan jijjiire.
Yeroon ammaan dura rifeensasaa sirreeffachuu fi qophaa'uuf gubaa ture amma akka hin jirres hima.
"Amma dhiqadheetuman baha. Baayyee gammadaadha. Fuula kiyyarratti jijjiirama gaariitu dhufe" jedha.
Namootni kaanuu jijjiiirama isarratti dhufe kana arguun rifeensasaanii dhaabsifachuuf akka mirteessanis dubbata.
"Namootni daandirratti yeroo na argan yaada gaarii naaf kennu. TikTok live irratti namootni rifeensikee bareedeera naan jedhu" jedha.
Ji'a sadii keessatti jijjiiramni rifeensasaa irratti arges akka isa gammachiise hima.
"Wanti naaf gale ergan biqilfadhee booda namni waan qabuun ofitti amanamummaa qabaachuudha malee rifeensi hamma nuti yaannu fuula keenyarrati dhiibbaan uumu hin jiru" jedha.

Madda suuraa, Getty Images
"Amma homaa nattin fakkaatu. Hiika homaa naaf hin kennu" jechuun rifeensi jiraachuufi dhiisuun ofitti amanamummaa isaarratti dhiibbaan uumu akka hin jiraanne hima.
Naasir Ahimad ammoo rifeensisaa waan haphateef yookan harca'eef osoo hin taane uumamumaan duubatti kan jedhe waan ta'eef rifeensa biqilfachuuf murteesse.
Naasir rifeensa dhaabachuu kanaan alatti namootni tajaajila kanaaf gara Tarkii deeman dhaabbilee yaalaa fi tajaajiloota biraa akka argataniif haala mijeessa.
Osuma baayyee itti hin yaadin rifeensa dhaabsifachuu kana akka hojjetate kan himu Naasir, erga hojjetateen booda garuu jijjiiramni fuula isaarratti dhufe akka eege akka hin taane dubbata.
Sararri rifeensaa addasaarraa sirratus haala fuulasaa waligalaa irratti jijjiiramni kana jedhamu hin dhufnes jedha.
Namootni rifeensa dhaabsifatan hedduun erga hojjetatanii booda jijjiirama fuula isaaniirratti dhufe akka jaalatanis hima.
Dhiibbaa xiinsammuu rifeensa biqilfachuun qabu
Rifeensi bareedina fuulaa dabaluun alatti miira ofitti amanamummaa fi hawaasa keessatti bifa ofiif kennan irratti dhiibbaa akka qabu ogeessonni xiinsammuu himu.
Ogeettii fayyaa xiinsammuu kan tahan Dr. Beezaawit Nugusee akka jedhanitti namni tokko ilaalchi inni dura fuula isaatiif qabuufii daawitii keessatti yeroo ofilaalu qabu yeroo walfakkaachuu didu dhiibbaa xiinsamuu uuma.
Dhiirota biratti ammoo namni rifeensa guutuu qabu akka dargaggeessaa jabaa fi dammaqaa ta'eetti ilaalama jedhan.
Gama kaaniin rifeensi yeroo haphachaa fi dhumaa deemu namootni tokko tokko ofitti amanamummaan bifa isaaniif qaban dhabsiisuu mala.
Kunimmoo ofitti amanamummaa, hariiroo jaalalaa, hojii fi dhimmoota hawaasummaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda'u himu Dr. Beezaawit.
Akka oggeettiin xiinsammuu kun jedhanitti, namootni gara rifeensa dhaabsifachuutti kan deeman bakka hawaasa keessatti qaban eegaifachuu yookan bifa ofiisaanii beekanii fi kan haaraa argaa jiran gidduu garaagarummaa jiru dhiphisuufi.
Ammaan dura waa'een rifeensa biqilfachuu ifatti kan haasa'amu akka hin turreefi namootni beekamoon yeroo hojjetatan daran beekamaa deeme.
Kunimmoo akka mala bareeda tokkootti fudhatamaa akka deemu gochuus himan.
Rifeensa dhaabsifachuun nama hundarratti dhiibbaa xiinsammuu walfakkaataa ta'e hin hordofsiisu.
Dhaabsifachuun kuni yoo bu'aa eegamu argamsiisuu baate garaa hanqachuu fi dhiibbaa xiinsammuu hordofsiisuu mala.
Yoo tari kaayyoon nama sanaa namoota biratti fudhatama argachuu ta'emmoo rifeensa dhaabsifachuun kuni qofti qaawwa sana cufuufii dhiisuu mala.
Kanaaf jecha namootni rifeensa dhaabsifachuuf deeman bu'aa eegan hubachuu, bu'aan qabatamaa mul'achuuf yeroo akka fudhatu hubachuu fi murtiin suni fudhatama namoota kaanii qofaaf osoo hin taane waan barbaadan hubatanii murteeffachuu akka qaban gorsu Dr. Beezaawit.
Rifeensa biqilfachuu hanga birrii kuma 160 kaffalchiisu
Molachuun keessumaa dhiirotarratti kan mul'atu yoo ta'u, kana furuuf jecha hammi namoota rifeensa dhaabsifachuu filatanii dabalaa akka jiru ogeessi rifeensa dhaabuu Dr Dabbaas Taaddasaa ni himu.
Adeemsa rifeensa dhaabsifachuu kan yeroo ibsanis, rifeensi mataa naannoo yabbuu ta'erraa buqqifamee bakka haphatetti dhaabama jedhu.
Adeemsi dhaabuu isaa hammeentaa bakka rifeensi dhaabbatuu fi bu'aa namni suni eegurratti hundaa'uun sa'aatii afurii hanga ja'aa fudhachuu danda'a.
Rifeensi haaraa dhaabame kunimmoo guutummaan guututti qabiyyee akka duraatti deebi'uuf ji'a sagalii hanga 14 fudhachuu mala.
Akka ogeessi kuni jedhanitti tajaajila kana kan fayyadaman dhiirota qofa miti. dubartoonnis rifeensa dhaabsifachuu kana kan hojjetatan yoo ta'u hammaan dhiirotaa gadi.
Sababa rifeensi dhumeen bifti fuulaa jijjiiramuun, waan umriidhaan deeme fakkaachuunii fi ilaalchi nmootni namoota molataniif kennan sababoota namootni akka rifeensa akka dhaabsifataniif kakaasani.

Madda suuraa, Getty Images
Akka ogeessi jedhanitti namni hundi rifeensa akka dhaabbatuuf hin gorfamu.
Warri rifeensa dhaabsifatu jalqaba qorannoo fayyaatu taasifamaaf jedhu Dr. Dabbaas.
Qorannoo dhiigaa, sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, onnee, tiruufi kalee niqoratama.
Yoo bu'aan qorannoo isaanii gaarii ta'e qofa gara adeemsa rifeensa dhaabsifachuutti darbama.
Adeemsi kuni sa'aatii dheeraa kan fudhatuufi qorichi qaama ofwallaalchisu waan kennamuuf namootni rakkoo fayyaa qaban yaalii kana akka hin fudhanne gorfamuu malu jedhu ogeessi kun.
Kana malees erga rifeensi dhaabbateen booda dandeettiin ogeessa yaalii kennuu, bakki rifeensi irraa fudhatamu rifeensa gahaa qabaachuu fi infeeekshiniin yaalii booda uumamu adeemsicha wantoota miidhuu malani.
Finfinnee keessatti gatiin rifeensi ittiin dhaabamu adda adda ta'uufi qorannoo BBC'n taasiseen Itoophiyaa keessatti gatiin rifeensa dhaabsifachuu birrii kuma 95 jalqabee hanga kuma 160 gaha.
Dr Dabbaas, gatiin kaffalamu qofti qulqullina tajaajilaa akka hin murteesinee fi keessumaa dandeettiin ogeessaa fi adeemsisaa murteessaa ta'uu himu.
Waggoota shanan dura eegaluun babal'achaa kan jiru rifeensa dhaabsifachuu kana ogeessonni biyya Hindii fi Tarkii keessatti hirmaachaa jiru.
Lakkoofsi ogeessota Itoophiyaas dabalaa dhufuu eeran.























