Waa'ee yaaddoo liigicha keessaa bu'uu Yunaayitid leenjisaan maal jedha?

Maayikil Kaarik
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Old Trafford muddama, hookkara fi goolama hedduun kan guutame ture, deeggartoonni Maanchistar Yunaayitid kolfuumoo boo'uu akka qaban bitaa itti galeera.

Duubaa ka'ee Aston Viilaa waliin goolii afur walqixa xumure, garuu akka milkaa'inaatti fudhachuun gammachuusaanii hin ibsanne - taphattoonnis deeggartoonnis.

Daqiiqaan dabalataa dabalamee sekondiiwwan dhumaarratti taphataan Yunaayitid Paatirik Doorguu goolii walqixxeessitu galche.

Akka taphichaaf silaa deeggartoonni dirree sana guutan ganamaan gadhiisanii ba'u turan.

Daqiiqaan idilee (daqiiqaan sagaltamni) wayita obba'u Yunaayitid goolii 4 fi 2n durfamaa ture.

Akka guyyaa kanaatti mo'amuun garee Maayikil Kaarik mirkana ture. Garuu daqiiqaa dabalataatti Yunaayitid goolii lama dabaluun walqixa ba'e.

Taphattoonni Yunaayitid wayita taphichi xumuramu deeggartoota hanga dhumaatti turanii hamilee ta'aniif galateeffataniiru.

Wayita Sky Sports egeree turtii kilabichaa Kaarik gaafatu gonkumaa akka gadhiisaa hin jirre hime.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

''Sun waan ta'u miti, gonkumaa hin mudatu,'' jedhe.

Kallattii kilabicha irra deemuu qaburratti tarsimoo fi karoora ifaa akka qabuu fi taphoota jiran injifachuuf akka hojjetu hime.

Tapha Maanchistar Yunaayitid fi Aston Viilaa kanarratti diraamaa hedduutu ture, gooliin saddeet lakkaa'ameera.

Yunaayitid duubaa ka'ee walqixa xumurus liigicha keessaa bu'uuf qarqara irra taa'eera, amma sadarkaa 18ffaarra jira.

Tapha 10 irratti waggaa 40 keessatti sadadarkaa kana wayita argatu kun kan isa gadi aanaadha.

Amma taphattoonni dorgommii garee biyyaalessaaf deemu. Yunaayitid erga bara 1986 as yeroo dheeraaf toora kilaboota Piriimer Liigii keessaa bu'uuf qarqara irra jiranii keessa yeroo dheeraaf turuu isaati.

Yunaayitid erga Hagayya 30 Ipswich injifatee as tapha liigii tokko illee hin mo'anne.

Taphoota shanan darban irratti goolii 15ntu itti gale, akkasumas taphoota torba darban keessaa sadii irratti osoo daqiiqaa lama hin guutin gooliin itti gale.

Yunaatid Piriimer Liigii keessatti daqiiqaa sadii fi sekondii 40 keessatti yeroo goolii 2 fi 0 dhaan durfamu kun isa akkaan saffisaadha.

Tapha itti aanu Sadaasa 22 Anfiildi irratti morkataa isaanii Liverpool waliin taphatu.

Gama gaarummaa isaatiin yoo ilaalle ammoo taphattoonni United leenjisaa isaanii tuffatanii hin dhiisne.

Taphoota darban irratti yeroo sadii goolii lama duubatti hafanii turanis garuu tapha tokko injifatanii, isa kaan ammoo duubaa ka'anii walqixa xumuran.

Dursaan duraanii taphattoota Maanchistar Yunaayitid Rooy Keen ''gama tokkoon dirree isaaniirratti goolii afur keessymmeessuun qaaniidha. Gama biraan ammoo osoo harka hin kennin duubaa ka'uun qixa ba'uusaaniif jajjabeessuu qabna,'' jedhe.

Jifataan duraanii Yunaatid Diyoon Daablin ''yeroo adda addaa wanti akkasii yoo si mudatu sammuu fi qaamaan ni dadhabda. Qabxii qooddatanis taphattoonni garuu suutuma deemanii dirree keessaa ba'an. Miirri gammachuu fi hamileen dhibeera,'' jedhe.

Tapha booda yaadi taphattoonni Yunaayitid gariin kennanis kanuma mul'isa.

''Itti hin gammadne. Ga'umsa gadi bu'aa keessa turre. Kana keessaa ba'uuf cimnee waliin hojjechuu qabna'' jedhe Dorguun.

''Hunduu of ilaaluu qaba. Ga'umsa irraa eegamu madaaluu qaba.''

Haalli jiru miira deeggartootaa irraa kan ka'e caalaatti ulfaataa ta'eera.

Dirree irratti bu'aan gaariin dhabamuun, gatiin tikkeettii dabalaa dhufuu fi deeggartoonni akkaataa itti ilaalaman irratti yaada hamaa qabaachuun, Sir Alex Ferguson bara 2013tti erga kilabicha gadhiisee mormii cimaa ta'e kaasiseera.

Tapha jalqabuuf gareewwan dirree seenan yeroo muraasa dura, alaabaan tokko kutaa lammaffaa Stretford End irratti fannifamee ture. Barreeffamni irra jiru akkana jedha:

"Istaadiyeemii haaraa osoo hin taane abbootii qabeenyaa haaraa barbaanna."

Wayita Diogo Dalot Paatiriki Dorguudhaan jijjiiramee dirree keessaa ba'u, deeggartoonni sagalee mormii dhageessisaa turan.

Joshua Zirkzee, daqiiqaa lammaffaa yeroo dabalataa keessatti goolii sadaffaa galche, waggaa lama duras tapha Newcastle waliin taphatan irratti haala wal fakkaatuun deeggartoota irraa mormiin mudatee ture.

'Baayyee ofitti hammeessaa jirra'

Leenjisaan Aston Vailaa, Unaayi Emirii gareen isaa daqiiqaa dhuma irratti injifannoo harkaa baasuutti baay'ee mufate.

Taphi kun silaa Old Trafford irratti yeroo jalqabaaf injifannoo galmeessuuf carraa isaaf kenna ture.

Bakka Kaarik bu'uuf dorgomaa ta'uu danda'a jedhamee kan tilmaamamu Unaayi Emirii, osoo tapichi hin xumuramin gara kutaa uffannaa deemuudhaan mufannaa isaa agarsiise.

Garuu booda tasgabbaa'ee, bu'aan garee Yunaayitidis fooyya'aa akka deemu dubbate.

"Haala kana keessaa bahuuf dandeettii, humna, taphattootaa fi waan barbaachisu hunda qabu," jedhe.

Kun dhugaa ta'uu danda'a. Garuu gama hedduudhaan yoo ilaalame, haalli amma jiru ammallee abdii nama kutachiisa.

Taphi Aston Viilaa waliin taphatan kun taphoota dhiheenya kana taphatan hedduu waliin walfakkaata.

Fakkeenyaaf, Everton waliin dirreen ala, Atileetikoo Maadrid waliin dirreen ala, Tootenham waliin dirreesaatti, Liidsi waliin dirreen alaa fi Chelsii waliinis dirreen ala taphateera.

Taphoota kunneen irratti Yunaayotid ga'umsa gaarii agarsiiseera ykn yeroo dabalataa keessatti injifachuuf carraa gaarii argatee, dhuma irratti injifannoo isaa mirkaneeffachuu dadhabeera.

Haalli amma jiru ammallee sirreeffamuu kan danda'u ta'us, Kaarik toora hamaa liigichaa keessaa ba'uuf ammaan tana qabxiin lama isa barbaachisa.

Garuu fooyya'iinsi eegamaa jiru akka hin dhufne fudhachuun isaanii hammam yeroo fudhata?

Yunaayitid hanga gabaan jijjiirraa taphattootaa Amajjii keessa banamutti eeguu danda'aa?

Yeroo gabaan banamus, taphattoota haaraa bituuf qabeenya gahaa qabuu?

Gaaffileen kun yaada Ratcliffe, Glazers, Berrada fi Wilcox irratti dhiibbaa uumuu isaanii hin oolu.

Isaanis gara fuulduraa Kaarik fi namoota bakka isaa bu'uu danda'an ilaalchisee murtoo kennuuf jiru.

Akkasumas, namoonni bakka bu'oota ta'uu danda'an kunneen hojii kana fudhachuuf fedhii hammamii akka qabaatan ni ilaalan.

Ammaaf garuu Kaarik gara fuulduraa abdii guddaa akka qabu ibsa. Haalli inni amma keessa jiru kun gara fuulduraatti ni fooyya'a jedhee amana.

Haalli amma jiru fooyya'uu akka danda'uuf waan barbaachisu qabaachuu wayita gaafatamu "wanti barbaachisu caalaatti nu bira jira," jedhe.

"Gooliin tapha jijjiira; kanaafis haala sana fiduu qabda. Kun waan nuti irra caalaa fooyyessuu qabnu. Yeroo tokko tokko wanta salphaa ta'e ofii keenyaaf baay'ee ulfaataa taasisaa jirra.''

"[Taphattoonni] hojiisaanii ijoorratti xiyyeeffatanii jiru; sammuu isaaniis tapha irratti qajeelchaniiru. Garuu sababoonni garaagaraa jiru. Rakkoon kun sababa tokko qofa irraa kan madde miti. Yeroo ammaa kana, dogoggoroonni yeroo muraasaaf uumaman gatii nu baasisaa jiru."