Waa'ee du'a barattuu Yuniversitii Amboo maal beekna?

Madda suuraa, College of Health Sciences and Referral Hospital, Ambo University
Yuniversitii Ambootti du'a barattuu Midwifery waggaa afraffaa Masarat Abarraa jedhamtuun walqabatee poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuu Yuniversitichi BBCtti hime.
Dhimmi barattuu kanaa miidiyaa hawaasummaarratti akkaan qoodamaa kan jiru yoo ta'u, namoonni gariin mata duree ''Ambo Black Day'' jedhuun gaddasaanii ibsaa jiru.
Hoogganaan Kominikeeshinii Yuniversitii Amboo Dr Mangistuu Tulluu kan namoonni Ambo Black Day jechuun barreessan irratti wayita yaada kennan, rakkoon kan mudate barattuu tokko irratti malee akka guutuu Yunivarsiitichaatti rakkoo yaaddessaan mudate hin jiru jedhan.
Waa'ee du'a barattuu kanaa ilaalchisee BBC'f ibsa kan kennan Dr Mangistuun, ''shamarreen kun duutee kan argamte Sambata waaree booda naannoo sa'aatii sagalii fi walakkaatti ta'uu,'' himan.
Barattuun kun sagantaa eebbaa amma jiruun akka eebifamtuu fi sababa sagantaan duubatti harkifateen eebba eegaa akka turte himan.
''Qabxiinshee rakkoo hin qabu. Barattuu cimtuu akka turte beekna,'' jedhan Dr Mangistuun.
Rakkoo maatii irraa kan ka'e aarii qabaachuu ishee hiriyootasheerraa dhagahuu kan himan Dr Mangistuun, ''taateen kun mudachuu dura hiriyaasheef [dubaraaf] xalayaa barreessitee turte,'' jedhan.
''Abbaan ishee qaamolee nageenyaan reebamanii isaan yaalchisaa turte. Sababa kanatti torban tokkoof barnootaallee haftee turte. Hiriyaa dhiiraas qabdi turte. Taateen kun mudachuu dura isa bira turtee dhufuu dhageenye. Kanaanis mufannaa qabdi,'' jechuun du'a ishee dura haala ture ibsan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Barataa Izaddiin Muhiddiin ammoo Pirezidantii Waldaa Barattootaa Amboo Yuniversitiiti.
Erga reenfi ishee argamee booda xalayaa isheen hiriyaa isheef barreessite arguu hima.
''[Akka xalayicharratti ibsametti] hiriyaanshee maallaqa irraa qabdi turte. 'Gaafa birriin Non-Café galu birrii kee baafadhu, ATM siif kaa'een jira, passwordiin isaas kana erga jettee booda sin jaalladha galatoomi, iccitii koo ati qofti beektu eenyuttuu hin himin' jechuun barreessite.''
Barattuun kun xalayaa kana erga barreessitee booda ATM waliin siree hiriyaa ishee kanaarra kaa'uu hime Izaddiin.
Taateen kun mudachuu dura miira barattuun kun keessa turte barattoota doormii isheerraa iyyaafachuu kan himu barataa Izaddiin, ''nu biratti waan tokko hin dubbattu, bilbilayyuu ala baatee dubbatti,'' jechuunii ibse.
Izaddiin barattuun kun nama biraan, keessattuu hiriyaashee dhiiraan, walitti bu'uu dhimma jedhamurratti odeeffannoo qulqulluu akka hin qabnee fi guyyaa sana garuu akka mooraa hin bulle barattoota doormii isheerraa dhagahuu BBCtti hime.
''Ala bultee akka dhuftee fi ganama sana doormii seentee akka baate nutti himan.''
Yeroo isheen xalayaa kana barreessituu fi taateen kun mudatu hiriyaan ishee dubaraa kun barnoota shaakalaa (Internship) dhaaf Finfinnee akka turte hime.
''Boqochuushee guyyaa tokko dura Finfinnee deemte. Gaafa isheen boqottu as hin turre. Bilbilaanin dubbisee ture. Waan addaa akka hin beeknee fi baayyee akka rifatte natti himte.''
Barattuun kun gamoo doormiin barattoota shamarranii irra jirutti reenfi ishee kan argame yoo ta'u, haala reenfi ishee itti argame Izaddiin akkanaan ibsa.
''Doormiin ishee gamoo lammaffaarra. Reenfi ishee garuu gamoo afraffaa irratti argame. Barattoota gamoo afraffaarra jirantu wayita shaaworii galuuf jedhan balballi banamuufii wayita didu, miilla namaa keessatti arganii poolisii mooraatti himan,'' jedhe.
Ergasii innis dhagahuun qaama seeraa magaalaatti bilbilanii, poolisiin magaalaa erga dhufee booda bakka fannifamtee jirtuu buufamuu ibse.
''Balbala shaaworiitti gubbaarraan carqiin wayii hidhamee fannifamtee turte. Bilbila ishee fi uffata mana amantii tokko (naxalaa) ammoo of bira keessee turte.''
Poolisoonni dhufanii ashaaraa erga fudhatanii booda hospitaala riifaraalaa geessan, achirraammoo qaamni seeraa kan magaalaas (Amboo) kan Yuniversitiis wal ta'uun gara Finfinnee geessan.
Erga qorannoon gaggeeffamee booda Dilbata kaleessaa (Sadaasa 8, 2026) reenfi ishee gara maatii ishee Aanaa Jalduutti gaggeeffame.























