Tigraayi lollis, Nagaanis hin jiru. Lolli Kaaba Itoophiyaatti eegale dhuguma xumurameeraa?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
- Barreessaa, Michael Teferi,
- Gahee, BBC Africa
- Barreessaa, Yemane Nagish,
- Gahee, BBC Tigrinya
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6
Magaalaa Maqalee keessatti mana miidhaginaa kan qabdu Laalaat Firuut, amma maamiltoonni ni dhufu jedhanii eeguun waan hin eegamne.
"Namoonni amma waan guyyaa guyyaan ittiin jiraatan malee waa'ee bareedinaa yaadaa hin jiran. Wayita daa'ima isaanii maal akka nyaachisan yaadaa jiran kanatti, jiraattota hedduuf miidhaginni waan dabalataati," jetti.
Firuut, haati daa'ima waggaa 10, waraana gabaabaa booda magaalaan Maqalee to'annoo Raayyaa Ittisaa jala galtus, jireenyi duraanii akka hin taane dubbatti.
Sagalee ciccitaadhaan, "Dhugaa dubbachuuf, yeroo waraanni ture caalaa haalli ammaa fooyya'aa dha. Garuu namni maallaqas hin qabu, hamilees hin qabu. Daldallis jira waan jedhamu miti," jetti.
Waan hundarraa, yeroon itti aanu maal fidee dhufa kan jedhu dhiphina nama hundaati.
"Fuulduratti maaltu ta'uu danda'a kan jedhu namni tokko illee karaa mirkanaa'een dubbachuu hin danda'u," jetti.
Waraanni Tigraay Fulbaana 13 bara 2019 deebi'ee erga eegalee guyyoota 10 booda, humnoonni TPLF magaalaa Maqalee dhiisanii bahan.
Guyyoota itti aananis kutaalee naannichaa bakka hedduu gadhiisanii bahan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
TPLF magaalota waraanaan malee dhiisee kan bahe tooftaa waraanaatiif jedhus, Mootummaan Federaalaa garuu waraana kana moo'achuu isaa hima.
Waraanichaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'uun himameera. Namoonni hedduunis haleellaa diroonii fi xiyyaarota waraanaatiin ajjeefamaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa fi deeggartoonni isaa waraanichi ifatti xumuramuu labsuun, hojiin itti aanu loltoota TPLF bakka adda addaatti bittinnaa'an 'qulqulleessuu' akka ta'e dubbatu.
Gorsaan dhimmoota Gaanfa Afrikaa kan Ministira Muummee Obbo Getaachoo Raddaa, waraanni Tigraay keessatti adeemsifamu xumuramuu ibsuun, hojiin itti aanu naannicha tasgabbeessuu ta'uu himan.
Dhimma Gaanfa Afrikaa irratti gorsaa fi xiinxalaa kan ta'an Kaameerun Hadisan, TPLF'n moo'amuu isaaf sababoonni adda addaa jiraachuu ibsu.
"TPLF deeggarsa guddaa biyya keessatti qabu dhabeera, qoqqoodameera, teeknoolojii ittiin Raayyaa Ittisa Biyyaa dura dhaabbatu hin qabu," jedhan.
"Hidhaan yookaan dhiisanii bahuudhaan jeneraalota, namoota yaada istiraateejii maddisiisan, dippiloomaatotaafi loltoota dhabeera. Qoodinsi keessoo TPLF ture balaa guddaa hordofsiise," jedhan.
Yunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa kan ta'an Abrahaam Hayilezgiis yaada kanaan walii galu.
"Waraanni isaanii mul'ata siyaasaa ifa ta'e hin qabu. Yeroo dhihoo keessattis dhiibbaa, dirqamaan waraanatti galchuu fi gochoota adda addaatiin maqaansaa ka'a. Sababa kanaanis namoonni hedduun loltoota TPLF warra haleellaa isaanirraa ofirraa qolatan osoo hin taane akka diinaatti ilaaluu eegalaniiru," jedhu.
Dubbi himaan TPLF Mikaa'el Asgidoom, bakka hin beekamnerraa yaada BBC'f kennaniin, garichi moo'amuu isaa ni haalan.
Inumaa kun malaa fi istiraateejii waraanaa ta'uu eeruun, "Kun moo'amuu miti," jedhan.
Akka isaan jedhanitti, humnoonni TPLF Raayyaan Ittisa Biyyaa gara keessoo Tigraay akka seenuuf itti yaadanii godhan. Kunis humnoota kaanirraa adda baasanii haleeluuf dirree humnoota TPLF'f mijataa ta'e uumuuf akka ta'e himu.
"Karaa loltoota diinaatiif fayyaduun loluu hin barbaannu," jedhu.

Madda suuraa, Reuters
TPLF deebisee haleeluuf qophaa'aa akka jiru ibsuun, humnoonni isaanii erga magaalota Tigraay dhiisanii bahanii booda iddoowwan adda addaatti humnoota federaalaa irratti haleellaa raawwachaa jiraachuu himu. Haleellaawwan kunis garichi ammayyuu humna waraanaa akka qabu kan akeeku ta'uu ibsu.
Tigraay irraa ragaa mirkanaa'aa argachuun rakkisaa dha. BBC'n ofii isaatiin achitti argamee gabaasa qindeessuu hin dandeenye. Haa ta'u malee, tajaajilli bilbilaa fi interneetii yeroo waraanichi jalqabu addaan citee ture amma deebi'eera.
Namoonni kutaalee Tigraay adda addaa irraa yaada isaanii BBC'f kennan, giddugaleessa, kaabaa fi dhiha naannichaatti waraanni itti fufuu himu. Lolli kun meeshaalee waraanaa gurguddoo fi diroonota fayyadamuun gaggeeffamaa jira.
Magaalaa dhiheenya daangaa Eertiraa irratti argamtu Shiraaroo fi naannawa ishee keessa jiraattonni lolli madfii fi meeshaalee waraanaa gurguddoon deeggarame gaggeeffamaa turuu himu.
Daldalaan maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate tokko, "Kallattii Shiraaroo irraa dhukaasa madfii dhaga'aa turre. Miirri nagaa waan hin jirreef namoonni dhiphachaa turan" jedhe.
Magaalaa Kibba Cilaa irraa konkolaachisaan doqdoqqee tokko gamasaan, keellaawwan sakatta'iinsa waraanaa ammallee jiraachuu hime.
Maddeen waraanaa mootummaa federaalaatti dhihoo jiran tarkaanfiin TPLF irratti fudhatamu cimee itti fufuu himu. Daangaa Eertiraa fi giddugaleessa Tigraayitti sochiin waraanaa akka jiru eeru. Humni waraanaa humnoota Tigraayis yeroodhaa yerootti dadhabaa dhufuu maddeen kun ibsu.
Xiinxaltoonni dhimma nageenyaa fi namoonni haala kana dhiheenyaadhaan hordofan tasgabbii dhabuu kun yeroo muraasaaf itti fufuu akka danda'u irratti waliigalu.
"Tigraayitti haalli waraanni yeroo dheeraaf turuu itti danda'u natti mul'ata" jedhu Yaareed Xibabuu, Ameerikaa kan jiraatanii fi waraana kana dhiheenyaadhaan kan hordofan.

Madda suuraa, Reuters
Obbo Yaareed humnoonni Tigraay ammallee waldhabdee yeroo dheeraaf turuuf qophaa'aa akka jiran amanu. Garichi caasaa waraanaa fi siyaasaa isaa irra deebiin erga bu'uureessee booda haleellaa raawwachuu yaaluu akka danda'u himu.
Haa ta'u malee, rakkoo keessoo garichaa irraa kan ka'e kun yeroo gabaabaa keessatti ta'uu akka hin dandeenye ibsu. Dubbi himaan TPLF obbo Mikaa'eel garuu yaada kana kufaatii ta'uu ibsu.
Hadisan yaada Tigraay gara waraana dheeraatti deemaa jirti jedhu hin fudhatan. Ta'us, naannichi yeroo murtaa'eef nagaa osoo hin argatin turuu akka danda'u amanu.
"TPLF hokkora xixiqqaa fi haleellaa dhokataa raawwachaa itti fufuu mala. Garuu kun waraana miti. Humnoota Tigraayii fi mootummaa federaalaa gidduutti lolli bal'aan ni uumama jedhee hin yaadu" jedhan.
Waggoota dhihoo asitti mootummaa federaalaa meeshaalee waraanaa ammayyaa fayyadamaa jiru kana humnoonni Tigraay gahumsaan qolachuuf lakkoofsa gahaa, ciminaafi dandeettii waraanaa qabu jedhanii akka hin amannes himu.
"TPLF deeggarsa uummata irraa qabaataa ture sadarkaa olaanaadhaan dhabeera. Kana malees, miseensota haaraa filatee yeroo gabaabaa keessatti hiriira isaa qindeessuu hin danda'u" jedhan.
Obbo Yaareed ammoo TPLF gufuuwwan kanaan dura isa mudatan akkamitti akka darbe yaadachuun, garichi akka haaraatti of gurmeessee qabsoo yeroo dheeraa taasisuu akka danda'u falmu.
"TPLF kanaan dura gufuuwwan gurguddoo keessa darbee dhufeera. Uummata biraa deeggarsa homaa hin qabu jedhanii jala sararuun hin danda'amu. Kun sochii waggoota 50 oliiti" jedhu.
Waan Obbo Yaareed akka ciminaatti kaasan kana Hadisan ammoo akka dadhabinaatti eeru.
TPLF "seenaa duubaatiin of sakaalee taa'eera" jechuun, ammallee akka paartii naannicha bulchuutti of ilaala jedhu.
"Garee homaa hin jijjiiramne, kan of hin ammayyeessinee fi of hin bal'isne" jechuun ibsu.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Hadisan duula waraanaa bal'aa taasisuuf meeshaalee waraanaa ammayyaa gahaa hin qabu jedhanii falmanis, dubbi himaan garichaa gareen isaanii meeshaalee waraanaa kan argatu humnoota faallaa isaanii irraa booji'uun ta'uu ibsu.
"Meeshaalee waraanaa diina keenyaa boojineerra. Meeshaan waraanaa Tigraay seene haa turu, haa bulu malee kan keenya ta'a" jedhu.
Jiraattonni naannichaa dhuma ji'a Fulbaanaatti magaalota Tigraay tokko tokko keessatti loltoota Eertiraa arguu BBC'tti himan.
Haa ta'u malee, loltoonni kunneen boodarra gara daangaatti akka deebi'an himameera. Hadisanis Eertiraan lola kana keessatti liqimfamtee seenuu sodaattee kana goote jechuun ibsu.
"Jalqaba irratti Eertiraan qabeenya daangaa hin qabne miti kan qabdu. Lammaffaa, ammaan booda TPLF humna waraanaa amansiisaa miti. Humnoonni Eertiraa yeroo kanatti TPLF'f deeggarsa gochuun bu'aa homaa akka hin buusne hubatanii ta'uu mala.
"Sadaffaa, Eertiraan ifatti TPLF yoo deeggarte, Itoophiyaa waliin lola keessa seenuu akka dandeessu tilmaama keessa galchuu qabdi" jedhan.
Maddeen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa keessaa yaada BBC'f kennaniin, miseensonni hoggansa siyaasaa olaanoo TPLF yeroo muraasaaf Eertiraa keessa turuu himan.
Haa ta'u malee, Pirezidaanti Isaayyaas erga Raashiyaa irraa deebi'anii booda, ji'a Sadaasaa keessa akka daangaa Eertiraa keessaa bahan ajajaniiru.
Maddeen akka jedhanitti, mootummaan Eertiraa murtoo kana kan ga'e, mootummaan Itoophiyaa humnoonni kunneen achi jiraachuu isaanii sababeeffachuun weerara ishee irratti raawwachuu mala yaaddoo jedhuun.
Hadisan, Eertiraan hariiroo dipilomaasii mootummaa Ameerikaa waliin haaromsaa jirtuuf jecha humnoota TPLF'f deeggarsa ifatti gochuu irraa of qusachuu akka dandeessu ibsu.
Ji'a Fulbaanaa darbe humnoonni Itoophiyaa keessatti mootummaa irratti hidhatanii lolan torba mootummaa Abiyyi Ahmad aangoorraa buusuuf gurmuu waloo haaraa hundeessuun isaanii ni yaadatama.
Yaareed hundeeffamni gurmuu kanaa TPLF'f humna waraana itti fufsiisu kennuu danda'a jedhu. "Miseensonni cimina isaanii walitti kurfeeffachuu danda'u. Humnoonni Tigraay muuxannoo waraanaa fi gaggeessummaa dhaabaa qabu. Gama kaaniin, faannoon hidhattoota kuma 70 hanga kuma 80 ta'an akka qabu amanama" jedhu.
Humnoonni kunneen yoo qindoominaan hojjechuu danda'an, TPLF rakkoo amma keessa jiru kanaan yeroo dheeraaf itti fufuu akka hin dandeenye abdii qabaachuu isaanii himu.
Hadisan garuu yaada kana hin fudhatan. Gurmuuwwan kunneen madaala humnaa jijjiiruuf humna akka hin qabne ibsuun, "Gurmuu kanaan TPLF deebi'ee bayyanata jedhee hin amanu. Milishoonni sabaan gurmaa'an qofaas ta'u, gurmuu uumuun isaanii mootummaa federaalaa irratti yaaddoo uumuu akka danda'an hin mul'isne. Cimina waraana federaalaa gadi xiqqeessinee ilaaluu hin qabnu" jedhu.
Barsiisaan Yunivarsiitii Maqalee Obbo Abrahaan gamasaaniin, rakkoon Tigraay keessaa furmaata kan argatu yeroo mootummaan federaalaa gaaffiilee naannichaatiif deebii kennu akka ta'e falmu.
Naannichi mootummaa ammaa kanaan gama siyaasaa fi dinagdeetiin qoolliffameera jedhee yaada.
Haa ta'u malee, hayyoonni Tigraayii fi namoonni siyaasaa isaanii, akkasumas aangawoonni Finfinnee jiran, rakkoolee naannoo Tigraay furuuf dhugumaan hojjechaa jiru moo dadhabina naannichaatti fayyadamuun dhiibbaa isaanii guddisachaa jiru? gaaffii jedhu kaasu.
Gama kaaniin, lammiileen nagaa naannichaa wanti isaan dursa kennaniif nagaa akka ta'u barbaadu.
Magaalaa Maqaleetti mana miidhaginaa kan qabdu Firuut, "Nagaan dhufuuf waan ture fakkaata. Siyaasni namoota baay'ee nuffisiiseera. Maalis ta'u, nuti kan barbaannu nagaa fi carraa jireenya keenya deebisnee ittiin ijaarrannu qofa" jetti.























