'Anaa sadarkaa 1ffaa baratu na kaadhimachuuf dhufan'- Dr. Ilillii Jamaal

Madda suuraa, Dr Ilillii Jamaal
Baadiyyaa Qarsaa, Harargee Bahaa keessatti dhalattee guddatte. Har'a garuu ogeettii fayyaa, hoggantuu fi qorattuu beekamtuudha. Yunivarsiitii Jimmaarraa digrii jalqabaa, Kolleejjii Medikaalaa Adaamaatti maastarsii, dhiyeenyatti immoo Yunivarsiitii Lund, Iswiidinii irraa Ph.D barnoota fayyaa hawaasaatiin qabxii olaanaan xumurte.
Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa garaagaraa keessatti ogeettii fi hoggantuu taatee kan hojjette Dr Ilillii Jamaal, bu'uureessitoota Waldaa Hakiimota Oromiyaa keessaa tokko. Hojii ogummaa isheetiin alatti, haadha warraa Jawar Mohammed ta'uunis beekamti.
Garuu seenaa dubartii milkaa'ina ogummaa kana bira ga'uu qofa osoo hin taane, daandii jireenyaa, deeggarsa maatii, murtoo cimaa hojii keessatti fudhatte, akkasumas siyaasaa fi jireenya dhuunfaa ishee irratti BBC waliin gaaffii fi deebii gootee jirti.
Dr Ilillii Jamaal eenyu? Milkaa'ina har'a irra geesseef maal keessa darbite?
Guddina, barnootaa fi hojii

Madda suuraa, Dr Ilillii Jamaal
Maatii barnootaaf iddoo guddaa kennu keessatti guddadhe jechuun kan himtu Dr Ililliin, deeggarsi maatii ishee barnoota irratti akka xiyyeeffattuuf gahee guddaa akka qabu dubbatti.
"Akka ijoollee baadiyyaa keessa jiranitti dhiibbaan narra hin turre. Abbaan koo, haati koo fi obbolaan koo hundi na jajjabeessu turan. Dhiibbaan yoo jiraates narraa qolatu turan," jetti.
Deeggarsi maatii ishee kun seenaa ijoollummaa ishee keessatti yaadannoo hin dagatamne akka uume himti. Yeroo isheen barattuu sadarkaa tokkoffaa turte, namni kaadhimaa ishee ta'uuf mana isaanii dhufe jedhamee yeroo itti himame tokko ni yaadatti.
"Nan yaadadha, ijoollee barattuu sadarkaa tokkoffaa ta'ee kaadhimaan mana na laallachuu dhufe jedhan. (Kolfa dheeraa) Ani alaan taphadha. Abbaan koo manaa hin turre. Alwaadaa keessaa manatti waa geessi naan jedhan. Kenneen bahe. Yeroo kennee bahu nan dhudhungatan. Xiqqoo waan nama dinqu ture. Ani tapha kiyyattin deebi'e," jetti.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Galgala guyyaa sanaa abbaan ishee gara manaatti deebi'ee waan ta'e harmee isheerraa yeroo dhaga'u, 'balaa buuse' jechuun kolfaan yaadatti. Deeggarsa abbaa ishee sana osoo hin argatin milkaa'ina har'a irra geesse hin geenye turte jetti.
Obbolaan ishee hundi barnootaaf xiyyeeffannaa akka kennan kan himtu Dr Ililliin, obboleettiin narsii, obboleettii biroo baayookeemistii taatee Ameerikaa hojjettu akkasumas obboleessa IT'n digrii fudhate akka qabdu dubbatti. Obbolaa ishee keessaa kanneen barnoota isaanii hin fageessinis jiru.
Deeggarsa maatii bira, isheen mataan ishees ijoollummaa isheetii kaasee barumsaaf jaalala addaa akka qabdu dubbatti. Barnoota keessaa herrega caalaatti jaalatti; gulantaa barnootaa hundattis qabxii olaanaa fiduun barattuu cimaa turte.
"Hojii manaa koo xumuree, kitaaba herregaa obboleettii tiyyaa kan kutaa naa olii hojjechuu yaala ture. Kaka'umsa olaanaadhaan," jetti.
Barnoota fayyaatiin eebbifamtee hojii hakiimummaa Hospitaala Gaara Mul'ataatti eegalte. Hakiima waliigalaa taatee qacaramuun yeroo gabaabaa keessatti daayirektara meedikaalaa hospitaalichaa taatee hoggansa itti fufte.
Mudannoo Hosp. Gaara Mul'ataa fi xalayaa akeekkachiisaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaarraa

Madda suuraa, Dr Ilillii Jamaal
Hospitaala Gaara Mul'ataatti Daayireektara Meedikaalaa yeroo turtetti nama ofitti amanamummaan murtoo jajjabaa murteessuu fi tajaajila hawaasaaf aarsaa kaffaluuf onnatte akka turte ibsiti Dr Ililliin.
Hospitaalichatti hakiimni ture hakiima waliigalaa (General Practitioner) ture.
Sababa ogeessi baqaqsanii yaaluu ( surgeon) hin jirreef dhukkubuma salphaatti fayyuun danda'amuun namni ni du'uun waan boqonnaa ishee dhorku turuu yaadatti.
Ambulaansiin takka riifarii nama tokko gara magaalaa Harar yoo geessite kan biraa hin jiru, karaanis rakkoo ture. Baadiyyaa sanitti immoo mindaa xiqqaa mootummaan kaffaluun hakiimni baqaqsanii yaaluu tole hin jedhu.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa akka ramadan yoo gaafattu nu didan jetti. "Boodarra ofumaa Finfinnee dhaqeen sarjiinii (surgeon) tokko qacare. Waan mootummaan kaffalurratti mindaa 10% daballeefii waliigalle" jetti.
Innis akkuma mootummaan isa qacareetti akka hojjetuu fi mindaa isaa bajata keessoo hospitaalichaan guutuuf qacaruu yaadatti.
Kun rakkoo fayyaa hawaasaa irratti jijjiirama guddaa fide kan jettu Dr Ililliin, garuu hoggansa Biiroo Fayyaa Oromiyaatiin wal dura dhaabbannaa uume jetti.
"Eessaa argattan naan jedhan. Black Lion irraa gaafatamummaa fudhadheen qacare. Fira kiyyas miti."
Lubbuu akka baraaruuf jecha murtoo akkasii fudhadhus, 'na hidhuullee malu ture' jetti.
Hakiimni sun garuu guyyaatti sarjarii sadii afur yoo hojjetu galiin asirraa argamuun kaffalamaafii turuu ibsiti.
Garuu, "Biiroo fayyaa waliin wal dura dhaabbannaann tureera. Xalayaa natti barreessaa turan."
Tarkaanfii fudhattuu fi ejjennoo isheen kanaan Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa yeroo sanii 'Achi teessee hanga nu jeeqxu asuma osoo dhuftee' naan jedhe jechuun kolfaa yaadatti.
Boodarras gara Biiroo Fayyaa Oromiyaa Finfinnee deemte. Achitti qindeessituu sagantaa ittisa dhukkuboota daddarboo TB fi HIV ta'uun hogganaa turte.
Yeroo kanattis sagantaa Maastarsiin barnoota fayyaa hawaasaa barattee eebbifamte. Damee barnootaa Clinical trial barattee akka eebbifamte BBC'tti himteerti.
Biiroo Fayyaa Oromiyaa booda dhaabbilee miti mootummaa akka ICAP (Center for AIDS Care and Treatment Programs), Jhpiego fi kan biroo keessa tajaajiluu tajaajiluu muuxannoon hojiishee ni agarsiisa.
Dr Ilillii Jamaal boodarra awurooppaatti beeksisa carraa barnootaa fi hojii yunivarsiitiin biyya Iswiidin Lund baase dorgomuun milkooftee deemte. Barnoonni Ph.D asitti barattee dhiyoo ittiin eebbifamte carraa hojii yunivarsiitiin kanatti hojii fi barnoota PhD wal faana akka kennamu ibsiti Dr Ililliin.
Qorannoon PhD ishees rakkoo tatamsa'ina dhibee HIV Eedsii irratti kan xiyyeeffatu: 'Itoophiyaatti osoo tajaajilli qoricha farra HIV kennamaa jiruu tatamsa'inni dhibee HIV maaliif dabala?' mata duree jedhuun qorannoo goote Dr Ililliin.
Biyyoonni Sahaaraa gadii tatamsa'inni HIV kutaa addunyaa biroo caalaa itti hammaatu keessatti kan argamtu Itoophiyaa keessatti namoonni HIV faana jiraatan kuma 600 ta'u. Namoonni waggaa waggaan dhibee kanaan haaraa qabamanis kumaatamaan lakkaawamu.
Jawar Mohammadi fi Dr Ilillii akkasumas siyaasa mana isaanii

Madda suuraa, Dr Ilillii Jamaal
Dr Ilillii fi Obbo Jawaar bultii erga bultii ijaarratanii waggoota muraasa.
Namni siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhiibbaa jabaa qabuu fi abbaa warraa ishee Jawar Mohammad, yeroo hedduu siyaasaan DNA kiyya keessa jira jedhee of ibsa.
Dr Ililliin mana isaanii keessatti dubbiin siyaasaa hagam iddoo qaba kan jedhuuf kolfaan deebii kenniti:
"Siyaasaan hin caalu jetteetii?! (kolfa). Anaa fi inni karuma siyaasaa wal barre. Hojii ogummaa kiyyas ta'u. Obboleeyyan keenya karaa nagaan falmachaa miidhaman yaaluu irratti keessa keessa waan hojjechaa turreen isaan wal barre."
Mana isaanii "Irra hedduu siyaasatu caalan se'a. Nu lachuu hojiirratti yeroo dheeraa dabarsina. Yeroo wal agarru waan polotikaas, waan kaanis ni dubbanna" jetti.
Wal barnoonni isaaniis wayita fincila Qeerroo Oromiyaa akka eegale dubbatti Dr Ililliin.
Bifa Jawar kan polotikaan gamaas dinqisiifannaa addaan ibsiti.
"Nama ajaa'ibiaati. Nama qaroo dha. Nama hedduus hojjetu hayyuudha. Nama kabajaa namaallee beeku."
Jawar xiqqaa guddaa, qeesii, sheekii hunda dhaggeeffattee waliin taphatee gaggeessuu itti beeka jetti. Addatti immoo hawaasa baadiyyaatiif naatoo fi jaalala addaa qaba jetti haati warraa isaa.
"Ennaa Finfinnee turre mana keenya guyyaatti nama 50, 100tu dhufa. Manni keenya mana Oromooti. Kan daran inni itti gammadee waliin dabarsu namoota sadarkaa oliirra jiran osoo hin taane namoota fagoo baadiyyaa Harargee ykn Salaaleetii keessaa jiruu dhugaa innis jiraatee darbee fi isaanii argu xiyyeeffannaan kenneefi waliin dabarsu adda. "
BBC : Ejjennoo siyaasan wal dhabdanii beektuu?
Dr Ilillii: "Eeyyee, wanta inni godhu kan irratti walii hin galle baay'eetu jira. "Namni na caalaa Jawaar qeequ jira jetteetii?" (kolfa). Dhugaa dha hamma hubannoo kiyyaatti wanti sirrii hin taane yoo natti mul'ate keessanis nan gorsa. Duris ammas. Dhugaa dha ogummaadhaan isatu na caala. Waan sirrii hin taane jedhu ittin hima. Garuu wantoota baay'ee inni godhutti waliin gala. Inni beekaadha."
BBC : Jawaar akkuma faaruu hedduun isa marse, qeeqa, arrabsoo, jibbiinsa hedduutu irratti deema. Obsaa fi gateettii kana baatu qabdaa?
Dr. Ilillii : Kolfa!.., Laayichil aysetim jedha warri Amaarri "Inumaan danda'a ta'aaf rabbiin walitti nu fide, Yeroo gara yerootti obsas barachaa deemta. Haalli keessa jirtus si barsiisaatuma deema.
Obsi waggaa sadeen har'aa qabuu fi har'a qabu tokko miti. Wantoota obsamuu qaban inuma obsita. Kan hin obsamne immoo karaa itti toora qabsiiftun karaa madaalawaa ta'een toora qabsiisaa deemuu qabda.
Gama kiyyaan jiruun, hojiin, hawaasni qaree bakka kanaan na gahedha yoo walitti dhufnu. Dhugaa dha addunyaan gama isaatiin dhuftu gama kiyyarraa hamma garaagarummaa akka qabdu nan hubadha. Akkasiis ta'ee garuu, madaalliin deemsisuu dha. Boris akka fedha waaqaa.
... Wanti guddaan wanni namni alaa haasawu miti. Ati keessa kee beekta, waan gootu akka itti gootu beekta.
Baadiyyaa Oromiyaa walakkeessa biyyaarraa kiiloomeetira 500 fagaatu keessaa, dhiibbaa hawaasa biyyattii keessatti dubartootni jala jiran, hiree dhiphaa barnootaa ture hunda ceetee milkii amma irra geesse akka gammaddu kan ibsite Dr Ililliin, wanti guddaan ofitti amanamummaa fi abjuu guddaa qabaachuu ta'uu dubartootni akka hubatan gorsiti.

Madda suuraa, Dr Ililliil Jamaal


























