Keeniyaan dhimma ummata walitti bu'iinsa Moyaaleen buqqa'aniirratti mootummaa Itoophiyaa waliin dubbachaa jiraachuu ibsite

Hogganaan Olaanaa Kaabinee Musaaliyaa Mudaavaadii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hogganaan Olaanaa Kaabinee Musaaliyaa Mudaavaadii Keeniyaan dhimma ummata sababa walitti bu'iinsa biyyaa ollaa, Moyaaleetti dhalatee nageenya booresseen baqatanii mootummaa Itoophiyaa waliin dubbachaa jirti jedhan.

Miidiyaa biyyattii 'The Star' aanga'aa olaanaa kana eeruun akka gabaasetti, namoonni 40,000 ta'an yeroo ammaa Moyaalee [gama Keeniyaa] keessa qubsiifamanii jiru.

Yeroo maatiin qe'ee isaaniirraa buqqa'an Moyyaalee keessa bakka naga-qabeessa ta'e qubatan barbaadaa jiranitti, muddama jiru tasgabbeessuu fi nagaa deebisuun ummanni daangaa ce'anii gara Keeniyaatti baqatan mana isaaniitti akka deebiyan akka godhaniif gita isaanii Itoophiyaa gaafachuu Musaaliyaa Mudaavaadii himaniiru.

"Rakkoon gama daangaa Itoophiyaarraanidha; gama sanatti muddama xiqqoo isaan mudateetu jira. Kanaaf, rakkoon kun namoonni 40,000 ta'an gara Keeniyaatti akka bqatan godheera," jedhan.

Buqqa'insi kana caalu akka hin mudanne ittisuuf haala jiru gidduu seenuun akka tasgabbeessaniif aanga'aa Itoophiyaa gaafachuu kan dubbatan Hogganaan Olaanaa Kaabinee Musaaliyaa Mudaavaadii, mootummaan Itoophiyaa nageenyi akka deebiyu gochuuf waan danda'an akka godhan Keeniyaaf mirkaneessaniiru jedhan.

Rippoortariin BBC gara namoonni Moyyaalee Itoophiyaa irraa buqqa'an qubatanii jiranitti imaluun haala achi jiru gabaasaa tureera. Ammallee namoonni dabalataan buqqa'aa jiraachuu fi gargaarsi gahaa akka hin jirres taajjabeera.

UNHCR, fi caasaalee mootummaa Keeniyaa fi Waldaan Faannoo Diimaa Keeniyaa dabalatee dhaabbileen garaagaraa buqqaatota kanneeniif deeggarsa gochaa jiru.

Odeeffannoon reliefweb Sadaasa 9, 2026 baase ammoo namoonni kumaatamaan lakkaa'aman hokkara Itoophiyaa keessatti dhalate baachuun gama Keeniyaatti ce'an hanqinni nyaataa, bishaan qulqulluu fi bakka itti dahatan cimaan mudatera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Akka qorannoo haaraa Mootummaa Keeniyaa fi Mootummaa Kaawontii Marsaabiit Jaarmiyaa Idil-addunyaa Dhimma Godaantoytaa (IOM) michoota UN fi dhaabbilee miti-mootummaa (NGOs) deeggaramuun gaggeessanitti, namoonni 50,000 akka ta'an tilmaaman walitti bu'iinsa Itoophiyaa keessatti uumame baqachuun Onkoloolessa 29 irraa kaasanii Moyyaalee gama Keeniyaan jiru qubsiifamaniiru.

Namoonni kunneen baayyeen isaanii harka qullaa waan baqataniif wantota bu'uuraa isaan barbaachisu argachuuf rakkachaa jiru.

Yorban darbe keessa Hogganaan Oppireeshinii Waldaa Fannoo Diimaa Keeniyaa Venaant Ndigilaa bakkichatti argaman lolli kun yoom akka dhaabbatu irratti yaaddoo qaban himan.

"Ammallee carraaqqii waraana dhaabuu tokko hin agarre. Yoom akka dhaabbatu illee hin tilmaamuu hin dandeenyu.

''Buqqaatiin itti fufee fi gaaga'amni jiruu lammiilee naannawa daangaatti mul'atu ammallee yaaddessaadha

''Jireenya lammiilee kanaa bakkatti deebisuun waan yeroo fudhatuudha."

Gama biraatiin, lammiileen gama daangaa Itoophiyaatiin jiran dhukaasni hirriba nu dhorke jechaa jiru.

Hookkara magaalaa daangaa Keeniyaarra jirtu kanaan gama Itoophiyaatiin lubbuun namoota ammatti adda hin baane darbeera.

Moyyaaleetti walitti bu'iinsi daangaa darbee darbee mul'atu kan yeroo dheeraa ture yoo ta'u, miilana garuu kan kanaan dura ture caalaa bal'aa fi hamaa ta'uu jiraattonni BBCtti himaniiru.

Kan miillanaa naannoon Somaalee daangaa Oromiyaa keessa seenuun magaalaa Mooyyalee ganda 02 keessa alaabaa isaanii dhaabuun mormii mudateen eegale.

"Mucayyoon Booranaa umuriin ishee waggaa 13 taate waan kana mormite jennaan ajjeesanii reeffa isheellee fudhatan'' jechuun BBCtti himanii ture Kantiibaan Moyyaalee gama Oromiyaa Obbo Galmaa Korophichaa.

Qondaalonni Keeniyaafi Somaaliyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleerratti yaaddoo qaban ibsuun nagaan akka bu'uuf torbee darbe keessa waamicha kan godhanii ture.

Haata'u malee, walitti bu'iinsa kana irratti gama mootummaa federaalaa Itoophiyaa wanti ammatti jedhame hin jiru. BBC'n yaalus deebii hin arganne.