Muddamni Itoophiyaa fi Sudaan biyyoota lameen garamitti geessuu danda'a? Daangaa kan to'atu eenyu?

Al Burhaan fi MM Abiy Ahmad
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Waldhibdeen Raayyaa Ittisaa Sudaan fi Humna Addaa RSF gidduutti bara 2023 eegale, kan biyyattii waraana waliiniitti galche, ammallee hin dhaabbanne.

Waraana kana keessatti hanga ammaa namoonni kuma 150 oli du'aniiru. Namoonni miiliyoona 12 ta'an immoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) rakkoon namoomaa addunyaa irratti akkaan hamaa ta'e yeroo ammaa Sudaan keessa akka jiru ibseera.

Bara 2025 keessa, Raayyaan Ittisaa Sudaan magaalota akka Kaartuum, Omdurmaan fi Bahrii deebi'ee to'achuun, humnoota RSF ammoo gara kutaalee lixaa fi kibba-lixa biyyattiitti baasee ture.

Sudaan mootummaan Itoophiyaa loltoota RSF deeggarti jechuun Manneen Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa fi UNtti himannaa dhiheessiteetti.

Sudaan fi Itoophiyaan daangaa kiilomeetira 750 dheeratu waliin qooddatu. Daangaan kun garuu mootummoota lamaan gidduutti irratti walii galamee hin murtoofne.

Biyyoonni lameen kanaan dura bulchiinsa naannoo daangaa irratti yeroo hedduu walfalmaa turaniiru.

Haata'u malee, yeroo ammaa rakkoon walitti bu'iinsa kana hammeessaa jiru dhimma daangaa qofa miti.

Mootummaan Sudaan humni RSF daangaa Itoophiyaa keessaa ka'uun haleellaa dirooniidhaan raawwateen lammiilee Sudaan ajjeesuu fi bu'uuraalee misoomaa miidhuun himata.

Sudaan himannaa dhiheessite kanaaf ragaa qabatamaa hawaasa addunyaatti dhiheessuu ibsiti.

BBC'n dhimma kanarratti mootummaa Itoophiyaa irraa yaada gaafatus, yeroo gabaasni kun maxxanfametti deebii hin arganne.

Haata'u malee kanaan dura Itoophiyaan himata akkanaa irra deddeebiin Sudaan soba jechuun haalteetti.

Itoophiyaan dipilomaatonni Sudaan ja'a Qonsilaa Suudaan magaalaa Asoosaa keessatti argamu keessa sa'aatii 48 keessatti biyya keessaa akka bahan ajajuu Rooyitarsi gabaaseera.

Sudaanis dipilomaatonni Itoophiyaa bulchiinsa Gadaarif keessatti argaman biyya ishee keessaa akka bahan ajaja kenniteetti.

Hanga ammaatti ministeerotni dhimma alaa biyyoota lamaanii dhimma kanarratti ibsa hin kennine.

Al Burhaan loltoota Sudaan waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Al Burhaan loltoota Sudaan waliin

Muddama biyyoota lamaan gidduutti hammaate

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Sudaan komii Onkoloolessa 30, 2026 dhiheeffatte keessatti kutaalee biyyattii adda addaa keessatti haleellaawwan diroonii maddeen anniisaa fi kuusaalee boba'aa irratti xiyyeeffatan keessatti Itoophiyaan hirmaachuu himatteetti.

Itoophiyaan himannaa irratti dhihaate kanaaf ifatti deebii kallattii kennuu baattus, kanaan dura garuu akka RSF hin deeggarre ibsuun himata irratti dhiyaatu haalteetti.

Mootummaan Itoophiyaa, loltoonni RSF mootummaa Itoophiyaa keessa maandheffatanii Sudaan irratti haleellaa akka raawwatan eeyyamte jechuun kan odeeffamus soba jechuun haaleera.

Itoophiyaan bulchiinsa mootummaa Sudaan akka kabajjuu fi birmadummaa biyyattii akkasumas walabummaa daangaa mootummaa biyyattii akka kabajju ibsiteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan akka ibsetti humnoonni RSF daangaa bulchiinsaa Itoophiyaa keessaa ka'uun haleellaa diroonii raawwateera.

Haleellaawwan kunneen bu'uuraalee misoomaa mootummaa fi hawaasaaf murteessoo ta'an irratti kan xiyyeeffatan ta'uuf ibse.

Ministeerichi suuraawwan saatalaayitii himannaa kanaaf ragaa ta'an dhaabbilee idil-addunyaatti dhiheessuu himeera.

Raayyaan Ittisaa Sudaan Sadaasa 3, 2026 diroonii daangaa Itoophiyaa keessaa ka'ee daangaa Sudaan seene tokko rukutee buusuu ibse.

Akka ibsa kanaatti dirooniin kun daangaa Sudaan naannawa Biluu Naayil jedhamu keessatti rukutame.

Itiyoophiyaanis mootummaan Sudaan garee TPLF deeggarra jechuun himatteetti.

Gorsaan Dhimmoota Baha Afrika Ministira Muummee Itoophiyaa, Obbo Getaachoo Raddaa, mootummaan Ertiraa fi Sudaan gareewwan hidhattoota mootummaa Itoophiyaa lolaa jiran deeggaruun haleellaawwan diroonii walitti fufinsaan Itoophiyaa keessatti raawwataman keessaa harka qabaachuu isaanii himataniiru.

Yeroo walitti bu'iinsi mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi gareewwan hidhatan gidduutti geggeeffamaa turetti, Sudaanii fi Ertiraan gareewwan mootummaa morman kunneen deeggaru jechuun Itoophiyaan himattee turte.

Sudaanii fi Ertiraan himata kana bu'uura kan hin qabne jechuun haalaniiru.

Xiinxalaan siyaasaa Baha Giddugaleessaa fi Gaanfa Afrikaa, Abdurahmaan Sayid Abuhaashiim "yoo walitti bu'iinsi Ertiraa fi Itoophiyaa gidduu jiru yookaan waraanni TPLF hirmaachisu babal'ate, mootummaan Itoophiyaa humnoonni kunneen karaa gama Sudaan irraa balaa fiduu danda'an ittisuuf tarkaanfii fudhachuu danda'a," jedhe.

Akka yaada xiinxalaa kanaatti tarkaanfiin sun kallattiidhaan yookaan karaa loltoota RSF raawwatamuu danda'a.

''Kaayyoon isaa ammoo naannolee Gadaarif fi Kasaalaa to'achuu ta'uu danda'a,'' jedhe.

RSF garuu yeroo hedduu bu'uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffatee haleellaa raawwata himannaa jedhu mormaa ture.

Xiyyeeffannaan isaa humna waraanaa mootummaa Sudaan qofa irratti ta'uu ibsa.

Rooyitarsi Amajjii 2026 RSF naannoo daangaa Sudaanitti dhihoo ta'e, Benishaangul Gumuz, keessaa buufata leenjii waraanaa qabaachuu gabaasee ture.

Gabaasichi buufatni leenjii kun kan loltoonni kumaatamaan lakkaa'aman itti leenji'an ta'uu fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) irraa deggersi akka taasifamuuf ibse.

Itoophiyaa fi UAEn himannaa kana mormaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan Amajjii 15 irraa kaasee hanga Fulbaana 27, 2026 gidduutti taateewwan 70 keessatti dronoonni 187 ol daangaa Itoophiyaa keessaa ka'an daangaa Sudaan seenuu ibsuu AFPn gabaaseera.

Ministeerichi akka jedhetti dirooniiwwan Itoophiyaa keessaa ka'an jedhaman kunneeniin hanga ammaatti yoo xiqqaate lammiileen nagaa 484 du'aniiru.

BBC'n lakkoofsa kana qaama walabaarraa hin mirkaneessine.

Hariiroon Itoophiyaa fi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irrattis yeroo dheeraaf muddama keessa tureera.

Hidhi kun Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan gidduutti waggoota hedduuf madda wal dhibdee ta'ee tureera.

Sudaanii fi Masiriin hidhi kun nageenya bishaan isaanii balaaf saaxiluu akka danda'u yaaddoo qaban ibsu.

Falmiin haala kanaan mootummoota sadeen gidduutti deemaa ture hanga ammaa furmaata biyyoota sadeen waliigalchu hin arganne.

Itoophiyaan garuu hidhi kun guddina dinagdee ishee fi dhiyeessii humna elektirikii ishee keessatti bu'uura ta'uu ibsiti.

Biyyoota yaa'a gadii jiraniif balaa osoo hin taane faayidaa ta'uus ibsa.

Abdurahmaan Sayid akka jedhutti dhimma Hidha Haaromsaa qofa osoo hin taane, muddamni hedduun mootummoota naannoo kana jiran gidduu jiru hundi tarsiimoo fi murteewwan fuulduraaf akkaan murteessoodha.

"Dhimmoota Hidha Haaromsaa fi walitti dhufeenya Masirii waliin wal qabaatan ilaalchisee, mootummaa Itoophiyaa irratti haleellaa qilleensaa yookaan karaa biraatiin akka hin raawwatamneef, mootummaan Itoophiyaa sochii mootummaa Sudaan keessaa dhufu kamiyyuu ittisuuf ni yaala."

Xiinxalaan dhimmoota Gaanfa Afrikaa fi Baja Giddugaleessaa kun itti dabaluun "Sudaanis waraana kallattii Itoophiyaa irratti banuu baattuus karaa biraatiin tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuu dandeessi.

''Kunis gareewwan hidhatan mootummaa Itoophiyaa waliin wal lolan, akka TPLF fakkaatan deeggaruun ta'uu danda'a," jedhe.

Ajajaa RSF Jeneraal Mohammad Hamdaan Dagaaloo
Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaa RSF Jeneraal Mohammad Hamdaan Dagaaloo

Xiinxalaan siyaasaa Gaanfa Afrikaa Abdi Kaaydi Buraal, yaada kana irratti walii gala.

"Muddamni amma dhalate biyyoota lamaanii wal waraansa kallattiitiin osoo hin taane gara waraana bakka bu'ootaatiin geggeeffamuu fi hojiiwwan dhiibbaa siyaasaa uumuu irratti xiyyeeffatanitti ce'uu danda'a jedheen yaada," jedhu.

Abdi Kaaydi Buraal akka jedhutti, carraan waraanni kallattii biyyoota lamaan gidduutti ka'uu baay'ee xiqqaadha.

"Mootummaan Sudaan yeroo ammaa waraana keessoo hamaa keessa jira. Seenaa keessattiis walitti bu'iinsi Itoophiyaa fi Sudaan gidduu ture irra caalaa karaa bu'ootaatiin mul'ata malee waraana kallattiidhaan miti," jedhu.

Gorsaan dhimma siyaasaa fi hariiroo alaa Mana Maree ce'umsaa Sudaan, Amjaad Faaraad, Sudaan Itoophiyaa waliin waraana kallattii keessa seenuu irraa of qusachuuf yaalii gootus, bulchiinsaa fi daangaa ofii eegsisuuf garuu kutannoo cimaa qabdi jechuun Rooyitarsitti himan.

Dhimma Al-Fashaagaa ilaalchisee wal-dhabbiin yeroo dheeraa tureera.

Haata'u malee, walitti bu'iinsi mootummaa fi dipilomaasii yeroo ammaa mul'atu kun caalaatti rakkoo daangaa irratti osoo hin taane haleellaa diroonii daangaa ce'anii raawwataman irratti kan xiyyeeffatedha.

Waraanni waliinii Sudaan goolama nageenyaa addunyaarratti isa hamaa ta'e uumeera
Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni waliinii Sudaan goolama nageenyaa addunyaarratti isa hamaa ta'e uumeera

Naannawa daangaa kan to'atu eenyu?

Gaanfa Afrikaa keessatti gaanfiin dhimma daangaan walqabatu yeroo dheeraaf madda walitti bu'iinsaa ta'ee jira.

Dhimma Ogaadeen irratti Itoophiyaan bara 1977 Somaaliyaa waliin wal waraanteetti.

Akkasumas dhimma Baadimee irratti Ertiraa waliin waraana keessa galuun isaanii ni yaadatama.

Yeroo waraana Tigraay naannoon sun to'annoo loltoota Ertiraa jala akka ture ibsameera.

Waraana bara 1988 booda Itoophiyaan fi Sudaan marii yeroo dheeraaf addaan citee ture kan daangaa isaanii ilaallatu irra deebiin jalqaban.

Mariin isaanii daangaa dheerinni isaa kiilomeetira 744 ta'e sirnaan daangessuu irratti kan xiyyeeffate ture.

Dhimmi salphaatti furamuu hin dandeenye tokko dhimma Al-Fashaagaati.

Maddi rakkoo kanaas waliigaltee bara 1902 fi 1907, bara bulchiinsa kolonii, taasifamedha.

Sudaan fi Itoophiyaan laga Tekezee irraa kaasee daangaa waliinii qabu.

Bakki kunis iddoo Itoophiyaan, Sudaan fi Ertiraan itti wal qunnamanidha.

Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaan kallattii kibbaatiin daangaa waliinii qabu.

Yeroo ammaa walitti bu'iinsi Sudaan keessatti deemaa jiru irra caalaa kutaalee lixaa fi giddugaleessa biyyattii keessatti hammaatee jira.

Kunis Daarfuur fi Kordofaan dabalata.

Haata'u malee, magaalonni akkaan murteessoo ta'an hedduun isaanii daangaa Itoophiyaatti dhihaatanii jiru.

Gadaarif, kan daangaa Itoophiyaa irraa kiilomeetira 120 fagaatu, humna waraanaa Sudaan jala jira.

Kallattii kibbaatiin kan argamu Daamaaziin, magaalaan bulchiinsa Biluu Naayil, akkasuma waraana Sudaan jala jirti.

Naannoon lagi Abbayyaa keessa darbu kun bakka humni ibsaa guddaan keessatti argamu yoo ta'u, daangaa irraa kiilomeetira 80 qofa irratti argama.

Bulchiinsa Biluu Naayil keessatti kan argamtu Kumuruuk yeroo tokko humnoota loltoota RSF waliin hidhata qaban Sudan Liberation Movement-North (SPLM-N) jala akka turte himamaa ture.

Hagayya 2026 irraa eegalee hoogganaan garee kanaa Abdulaziz Al-Hilu dha.

Magaalaan murteessituu taate kun yeroo waraanni gaggeeffamutti humnoota garaagaraatiin yeroo adda addaatti to'atamaa turte.

Kallattii kibbaan kan argamtu Yaabuus, bara 2011 irraa eegalee Sudan Liberation Movement-North jala jirti.

Mootummaan waraanaa Suudaan naannoo kana keessatti oppireeshinii hedduu gaggeesseera.

Abdurahmaan Sayid akka jedhutti bulchiinsonni daangaa Itoophiyaa fi Sudaan waliin qooddatan to'annoo waraana Sudaan jala jiru.

Akkasumas humni RSF kutaa lixa Sudaan keessatti akka argamu ibsaniiru.

"Kanaaf kutaa bahaa biyyattii keessatti rakkoon loojistikii ni jira. Gareen sun naannoo sana keessatti deeggarsa uummataa guddaa hin qabu," jedhu.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti, yeroo ammaa sodaan Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti jiru wal waraansa kallattiidhaan uumamuu miti.

Garuu wal dorgommiin olaantummaa karaa bakka bu'ootaatiin gaggeeffamu naannawa kanatti cimeera.

Rakkoon wal amantaa dhabuu daangaa ce'ee mudatu akkasumas naannawa kanarraa tasgabbiin fagaachuun, rakkoo fi muddama hammaataa ta'e keessa galchuu danda'a.