Maqaa jaalalaan namoota bebbeekamoo basaastotaaf jilbeeffatan

Madda suuraa, Reuters
Yeroo hoggantoonni kampaaniiwwan tekinooloojii, namoonni siyaasaa bebbeekamoon, akkasumas bulchitoonni biyyaa kiyyoo jaalaala ykn jaaltoo dhoksaan qabaachuu keessatti kufan, yeroo baayyee namoonni waanuma akka isaan jireenya dhuunfaa isaanii keessatti qaaniin isaan mudate qofaatti ilaalu.
Haata'u malee, salphina dhuunfaan isaanirra gahu caalaa miidhaa hanga faayidaa biyyaa dabarsanii diinaaf kennuu, akkasumas nageenya biyyaa yaaddoo keessa galchuutti miidhaa geessisuu danda'a.
Waa malee manni hin aaru; dhimma kana kan kaasneef tibba kana Hogganaan Olaanaa (CEO) kampanii tekinooloojii addunyaa kanarratti beekamaa, Nvidia, Jeensen Huang kiyyoo jaalalaaf diriirfameen qabamee ofii salphachuurra darbee yaaddoo nageenya biyyaa ta'uun gabaafamaa jira.
Tooftaan jaalalaan qabanii basaasuu kun kaayyoo guddaa galma geessisuuf karoorfame dhoksuun irra keessaan jaalala ho'aa keessa nama galchuun odeeffannoo/ragaa akkaan murteessaa ta'e fudhachuuf ergama taasifamudha.
Addunyaa basaasummaan bifaa fi tooftaa hedduu fi gadi fagoo ta'e kana keessatti jaalalaa keessaan basaasuun kun maqaan 'Honey Trapping ykn Sexpionage' jedhamu kennameeraaf.
Kana jechuun ammoo jaalala onnee agarsiisuun ykn jaaltoo onnee seente ta'uun goyyoomsuun odeeffannoo baayyee akkaan barbaachisoo ta'an ykn ragaa barbaadan harkaa baafachuu jechuudha.
Odeeffannoo icciitiin qabame baasisuu, dokumentii addatti barbaadamu 'diinqa jiru' baasisuu kaayyoo godhachuun kiyyoo jaalalaa diriisuun adamsuu akka jechuuti.
Kanarra darbees, nama beekamaa to'achuuf, salphisuuf ykn harka keessa galfachuuf tooftaa gargaarudha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Malli basaasa akkasii kun bara Waraana Ololaa 'Cold War' hojiirra oolaa kan ture yoo ta'u, namoota mootummaa keessatti aangoo guddaa qaban, akkasumas kanneen jaarmiyaalee idil-addunyaa hogganan basaasuuf gargaareera.
Hariiroon namoota dhuunfaa maqaa jaalalaan walitti dhufan yeroo gara yaaddoo nageenya biyyaatti ce'u yaadaamee.
Wanti Jensen Huang waliin walqabatee Ameerikaa mudate isa kanadha.
Akka miidiyaalen dhiyeenya kana keessa gabaasaa jiranitti, qondaalonni tikaa Ameerikaa dubartiin haadha qabeenyaa taate Aliis Huang jedhamtuufi Jensen Huang waliin jaaltoo akka taatetti himamaa jiru, ejensii tikaa Chaayinaatiin (Ministeera Nageenya Biyyaa (MSS) kan ramadamte turte.
Aliis Huang dhaabbata wiirtuu daataa Singaapoor keessatti argamu Megaspeed waliin hidhata qabdi turte. Dhaabbatichi himannaa chiipsii AI Ameerikaa icciitiin qabamaa ta'e Chaayinaaf dhiyeessuun walqabatees qorannoon isa mudatee ture.
Jensen Huang haadha warraa isaa duraaniin alatti dubartii Aliis jedhamtu kana waliin hariiroo akka qabu beeksisee haadha warraa isaa, maatii isaa fi hojjettoota isaa dhiifama akka gaafate himameera.
Boordiin NVIDIA odeeffannoon iccitii dhaabbataa ykn dantaan nageenya biyyaalessaa kamiyyuu balaadhaaf saaxilamuu isaa qorachuuf qorannoo walabaa jalqabeera.
Garuu seenaa kana keessatti wanti baay'ee nama hawwatu hariiroo jaalalaa sana qofa miti.
Innis tooftaa basaasaa KIYYOO JAALALAA (HONEY TRAPPING) isa jedhamuun beekamudha.
Seenaa keessatti namoonni bebbeekamoo guutummaa addunyaarraa kiyyoo maqaa jaalalaan diriirfameen qabamanii basaasotaaf jilbeeffataniiru.
Isaan keessaa muraasa akka itti aanutti dhiyeessineerra.
1. Joon Pirofumoo: Ministira Biriitish salphina keessatti kufee of arge
![Bara 1961 Joon Pirofumoo Ministira Waraanaa Biriteen ture. Namni kun nama siyaasa abeekamaa fi Paartii Konservaativii [warra sirna duriitti cichan] keessatti akka bakkalcha bariitti ilaalama ture.](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/787e/live/addea0a0-dd1b-11f1-b441-2b33b063138f.jpg.webp)
Madda suuraa, Getty Images/PA
Bara 1961 Joon Pirofumoo Ministira Waraanaa Biriteen ture. Namni kun nama siyaasa abeekamaa fi Paartii Konservaativii [warra sirna duriitti cichan] keessatti akka bakkalcha bariitti ilaalama ture.
Haata'u malee, jiruun siyaasa isaa erga inni dubartii Kiristiin Keeler jedhamtu waliin hariiroo jaalalaa jalqabee ni jijjiirame.
Dhimma kana wanti addatti yaaddessaafi rifaasisaa taasise ammoo, Kiristiin Keeler nama Yevgeenii Ivaanov jedhamu qondaala humna galaanaa Sooviyeet Embaasii biyyattii Landan keessa hojjetuufi akka basaasaa ta'etti shakkamu waliinis jaaltoodha ykn hariiroo jaalalaa qabaachuusheeti.
Yeroo oduun waa'ee hariiroo jaalalaan kun ba'ee dhaga'ametti, nageenya biyyaalessaa Biriitish yaaddoo hamaa keessa akka galchuu danda'u himame.
Pirofumoon jalqaba dubartii kana waliin hariiroo jaalalaa qabachuu isaa paarlaamaarratti dhiyaatee ni sobe.
Haata'u malee, boodarra dhugaa akka hin dubbatiin amanuun akka aangoo gadhiisu dirqisiifame.
Qaaniin karaa aanga'aa kanaa seene ammoo mootummaa Ministira Muummee biyyattii yeroo sanaa Haroold Maakmiilaan dadhabsiisuun, booda bara 1963 akka aango gadhiisu taasiseera.
2. Bernaard Boorsikoot: Soba waggaa A 20

Madda suuraa, AP
Seenaan kun hunda caalaa kan isin ajaa'ibudha.
Bernaard Boorsikoot dippilomaatii Faransaay yoo ta'u, baroota 1960 keessa Embaasii biyyattii Beejing, Chaayinaa jiru keessa hojjechaa ture.
Yeroo achi turetti, artistii aadaa warra Chaayinaa Operaa jedhamuun 'beekamturraa' jaalalli isa qabee itti dhiyaate. Itti dhiyaachuurrayyu darbee hariiroo jaalalaatti ce'uuf karaan banameef. Haata'u malee, wanti Bernaard Boorsikoot hin beekne tokko tureera.
Namni Chaayinaa maqaan isaa Shii jedhamu kun dubartii fakkaatee operaa keessa hojjeta malee dhiiradha. Namni kun tajaajila intelejensii Chaayinaatiif qaruuxee ta'ee odeeffannoo dabarsuun hojjeta.
Boorsikoot Shii dubartiidha se'ee ture. Hanguma dhugaan jiru ba'utti bara 1977 hanga 1979 gidduutti sanadoota dippilomaasii faransaay 30 ol ta'an Chaayinaaf dabarsee akka kennu isa taasiseera.
Sobni 9dhoksaan0 hanga bara 1983tti ykn waggaa 20 ture kun, yeroo jarri lamaan Paaris keessatti qabaman bahee himame.
3. Kileenton Loonetrii: Eegduu embaasii kiyyoo keessatti kufe
Bara Waraana Ololaa (Cold War), Kileeton Loonetrii loltuu Ameerikaa embnaasii biyyattii Mooskoo jiru eegu ture.
Haata'u malee, hojii eegumsaa kun booda rakkoo hamaa keessa isa galche.
Dubartii Sooviyeet embaasicha keessa afaan hiikuu ykn turjumaanaan tajaajiltu Viyooleettaa Sannii jedhamtu waliin jaalala ho'aa keessa gale.
Boodarra, Sanniin nama "eessuma" kiyya jettu tokko waliin wal isa barsiiste. Haata'u malee,namichi qondaala ol aanaa dhaabbata basaasaa Sooviyeet KGB jedhamu keessa hojjetudha.
Hariiroo jaalalaa keessa gale sanaan Looneetriin odeeffannoo icciitii ta'an waa'ee nageenya gamoo dippilomaasii US Mooskoo fi Viyeenaa jiruu dabarsee kenneera.
Odeeffannoon kunneen kaartaa (maappii) gamoo kanaa, karoorawwan nageenyaa, akkasumas yeroo rakkon tasaa mudatu ulaa mooraa dippilomaatonni ittiin ba'an kan dabalatu ture.
Bara 1987, odeeffannoo icciitiin isaa eegamuu qabu dabarsee basaastotaaf kennuutiin hojjetaa humna galaanarraa US yeroo jalqabaa yakka raawwachuun adabame ta'eera.
4. James Hadson: Viidiyoo gaaga'ama dippilomaasii uume
Bara 2009 keessa, James Hadson biyya raashiyaa magaalaa Yekateriinbarg keessatti Itti-aanaa Komishinara Olaanaa ture.
Haata'u malee, akkuma tasaa viidiyoon dhuunfaa yeroo inni dubartoota lama waliin jiru agarsiisu marsariitii oduu Raashiyaa irratti ba'ee jennaan ogummaan jireenya isaa harkatti bade.
Viidiyoon daqiiqaa afurii kun 'The Adventures of Mr Hudson in Russia' jedha. Hadisan 'Raashiyaa keessa bakka hin dhaqamne deemee kan hin hojjetamne hojjete' akka jechuuti.
Taateen kun ammoo dippilomaatiin kun tajaajila tikaa Raashiyaan irratti xiyyeeffatameera kan jedhu gaaffii kaase.
Ifatti bahee mirkanaa'uu baatullee, viidiyoon suna qaama oppereeshinii intelejensii (basaasaati). Maxxansi viidiyoo kanaa falmii jabaa waan kaaseef, Hadson boodarra Waajira Dhimma Alaa Biritish keessaa aangoo isaa gadhiiseera.
5. Romewoo Maarkus Wolfiin: Neetiwoorkii basaasaa Jarman Bahaa

Madda suuraa, EPA
Mee yaadaa. Namni tokko si waliin hariiroo jaalalaa jalqaba, baayyee siif yaada, si dhaga'a, adeemsa keessa ammoo nama addatti sitti dhiyaatu ta'a.
Haata'u malee, jalqabarraa galmi nama kana jaalala miti. Odeeffanno icciitiin isaa eegame ati hojii kee keessatti beektu argachuuf kan namni kun sitti dhiyaachuu barbaadeef.
Tooftaan kun qondalaota intelejensii Jarman Bahaa bara Waraana Ololaa (Cold War) kan dhimma itti ba'an ture.
Maarkus Woolf, haganaa duraanii Qajeelcha Intelejensii (Tikaa) Dhimma Alaa Stasii kan ture yoo ta'u, qondaalota dhiiraa maqaa masoo basaastota Woomewoo jedhamuun beekaman fayyadama ture.
Qondaalonni kunneen dubartoota dhaabbileen mootummaa Jarman Lixaa keessatti barreessitootaa fi gargaartuu ta'anii hojjetan waliin hariiroo jaalalaa akka uummataniif itti gaafatamummaan itti kenname.
Qodaanolli kunneen erga dubartoota waliin hariiroo jaalalaa jalqabanii amanamoo ta'oo mirkaneeffatanii booda, odeeffannoo dhoksaa icciitiin isaa eegame karaa hojii isaaniitiin argatan akka kennaniif aansiifatan.
Walitti dhufeenyi karaa maqaa jaalalaan tolfame kun ammoo aanga'oonni Jarman Bahaa koppii sanadoota icciitii NATO, komunikeeshinii Ministeera Dhimma Alaa, akkasumas karoorawwan ittisaa akka harka galfatan gargaareera. Kana gochuu kan danda'an ammoo osoo ejensiiwwan tika (intelejensiin) Jarman Lixaa maaltu akka hojjetamaa jiru bira hin ga'iinidha.
Jaalalli meeshaa waraanaa ittiin basaasan ta'uu danda'aa?
Mudannoowwan namoota bebbeekamoo armaan olii kun hariiroon jaalalaa akkamitti akka oppereeshinii odeeffannoo icciitiin qabame keessumaa, kampaaniiwwan gurguddoo fi biyyoota gara garaa irraa argachuuf taasifamu keessatti akka gargaaru agarsiisa.
Akkasumas, haala tokko tokko keessatti namni hiriyaa jireenyaa argadhe jedhee osoo yaaduu dhugaan isaa ammoo ergama qaama basaasaa guddaa galmi isaa odeeffannoo haala idilee keessatti argachuun rakkisaa ta'e ittiin argachuudha.
Qorataan basaasaa Heenrii Shilesinger sagantaa SpyCast irratti hayyuu seenaa basaasaa Andireew Haammond waliin gaaffii fi deebii taasiseen, "Kiyyoon jaalalaa tooftaa basaasaa walfakkaataa fayyadamu, haata'u malee namaa fi hariiroo walitti dhiyeenyaa isaanii waan hirmaachisuuf hojii walxaxaa ta'edha" jedha.



























