Pirez. duraanii Kolombiyaa dubartii saalqunnamtiif barbaadeef hojii kontiraata kennuun qoratamaa jira

Madda suuraa, Deicy Jiménez's Instagram fi Gerardo Vieyra/NurPhoto via Getty Images
Pirezidaantiin duraanii Kolombiyaa, Gustaavoo Peetiroo, dubartii tokko waliin saalqunnamtii raawwachuuf kontiraata mootummaa isheef kennuun himatamee qoratamaa jira.
Dubartittiin yeroo Peetiroon aangoo irra turetti faayidaa saal-qunnamtii kennuudhaan kontiraata mootummaa argachuu ishee himatte. Manni Murtii Waliigalaa biyyattii qorannoon kun jalqabamuu isaa mirkaneesseera.
Dubartiin Deyisii Jimeenez jedhamtu, pirezidaantii duraanii kana waliin hariiroo saalqunnamtii qabaachuu ishee dhaabbilee mootummaa biroo irraa kontiraata hojii akka argattu taasise.
Himannaan kun miidiyaa Kolombiyaa keessatti dubbii ijoo ta'eera. Akkasumas, aangoon mootummaa faayidaa dhuunfaaf ooluu danda'aa gaaffii jedhu kaasera.
Kan nama ajaa'ibu, dubartiin tun duraan uummata biratti hin beekamtu turte. Garuu Onkoloolessa 25 miidiyaa biyyattii tokko irratti gaaffii fi deebii daqiiqaa 22 turu erga taasistee booda Peetiroo waliin hariiroo jaalalaa fi saalaa qabaachuu himte.
Ishee qofa osoo hin taane, dubartoonni biroos haala wal fakkaatuun faayidaa argachaa turan jechuun dubbatte. Akka isheen ibsiteetti, dubartoonni 30 hanga 40 ta'an kontiraata mootummaa fi muudama hojii garaagaraa argachuuf pirezidaanticha waliin qophiiwwan saalqunnamtii irratti hirmaachaa turan.
Ha ta'u malee, hanga ammaatti dubartoota san keessaa namni himannaa kana mirkaneesse hin jiru. Akkasumas, neetworkiin dubartoota 30 hanga 40 of keessaa qabu kun jiraachuu isaa ragaan mirkanaa'e hin dhiyaanne.
Gaaffii fi deebii kana booda Jimeenez viidiyoo pirezidaanticha waliin hariiroo akka qabdu mirkaneessuu miidiyaa hawaasaa irratti maxxansiteetti.
Peetiroon gama isaatiin hariiroo dubartittii waliin qabaachuu isaa hin haalle. Garuu hariiroo saalaa wajjin walqabsiisee kontiraata mootummaa kennuu isaa cimsee morme.
Ergaa karaa marsariitii X irratti maxxanseen, "Yoo waan gowwummaa akkasii raawwadhe, ofitti nan haqqisa ture" jechuun deebii kenne.
Deyisiin Peetiroo waliin akkamitti wal barte?

Madda suuraa, Deicy Jiménez's Instagram
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akka Jimeenez gaaffii fi deebii irratti ibsiteetti, Peetiroo waliin kan wal barte karaa marsariitii namoonni kaameraa irratti mul'achuun maallaqa argatan (webcam modelling) jedhamuun beekamuuti.
Akka isheen jettutti, jalqaba maqaa sobaa fayyadamee ishee qunname. Boodarra garuu kaameraa isaa yeroo banu eenyummaa isaa beekuu dandeesse.
Ji'a tokko booda magaalaa Kaalii keessatti hoteela tokko keessatti wal arguuf waliigalanii hariiroo jaalalaa jalqabuu isaanii dubbatte.
Boodarra gara magaalaa guddoo biyyattii Bogotaa erga godaantee booda dhaabbilee mootummaa keessatti kontiraata hojii argachuu jalqabuu ishee himti.
Haa ta'u malee, kontiraatonni kunneen Peetiroo waliin wal arguu isaanii dura moo booda akka isheedhaaf kennaman ifatti hin ibsine.
Jimeenez dubartoonni biroonis haaluma walfakkaatuun Peetiroo waliin waliigaltee qabaachuu isaanii dubbatti. Dubartoonni 30 hanga 40 ta'an haala kanaan faayidaa argataniiru jetti.
"Hundi keenya wantoota hedduu beekna," jette.
Himannaan Jimeenez kun kan dhufe, guyyaa muraasa erga Daayirektarri Waajjira Bulchiinsa Pirezidaantii (DAPRE), Kaarlos Riyos, paarlaamaa keessatti Peetiroo irratti komii dhiyeesseen booda.
Riyos, dubartoota 48 kan yeroo Peetiroon pirezidaantii turetti waajjira pirezidaantii keessatti hojii argatan eeruun, pirezidaantiin duraanii kun kontiraata tajaajilaa isaaniif kennuudhaaf akka qabeenyaatti itti fayyadame jechuun dubbate.
Riyos, namoota pirezidaantii Kolombiyaa ammaa Abelaardoo Dee Laa Esipiriyeellaatti dhihoo jiran keessaa tokko.
Himannaa kana hordofuun abukaatoon Peetiroo Waajjira Abbaa Alangaa duratti Kaarlos irratti komii dhiyeesseera. Riyos dubartoonni ragaa sobaa akka kennan qindeessuun Peetiroo irratti shira xaxuu yaaleera jechuun himate.
Kun yeroo jalqaba miti kan himannaan akkanaa Peetiroo irratti ka'u. Daayirektarri duraanii DAPRE Anjii Rodiriigeez yeroo inni aangoorra ture, masaraa pirezidaantii keessatti neetworkiin dubartoota hojii saalqunnamtii raawwatan jiraachuu isaa himtee turte.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Kontiraatonni Jimeenez argatte hammam?
Ragaan sirna bittaa mootummaa Kolombiyaa, Secop II, irratti argamu akka agarsiisutti, Deyisii Jimeenez dhaabbilee mootummaa sadii irraa kontiraata hojii 10 mallatteessiteetti.
Kontiraatonni kunneen bara 2021 hanga 2026 gidduutti kan mallattaa'an yoo ta'u, waliigalli gatii isaanii maallaqa Kolombiyaa miliyoona 126.5 dha. Kunis yeroo gabaasni kun qophaa'etti gara doolaara Ameerikaa kuma 38tti tilmaamama.
Kontiraatonni kunneen Senetii, Abbaa Taayitaa To'annoo Tajaajila Nageenyaa Dhuunfaa fi Ministeera Dhimma Keessaa irraa kan argamanidha.
Jimeenez akka jettutti, yeroo gara Bogotaa dhufte hojii jalqabaa kan argatte Senetii keessatti ture. Garuu ibsi isheen kennite fi galmeen kontiraataa yeroo irratti garaagarummaa qabu.
Isheen hojii kana bara 2019 jalqabuu himatte. Galmeen mootummaa garuu kontiraanni jalqabaa mallatteeffame Adoolessa 29, 2021 akka ta'e agarsiisa.
Yeroo sana Peetiroon pirezidaantii osoo hin taane, miseensa Senetii Kolombiyaa ture. Jimeenez immoo Peetiroo waliin kallattiin Senetii keessatti hojjechuu osoo hin taane, miseensa paartii isaanii fi michuu isaanii kan taate senatara Mariyaa Hosee Pizarro waliin hojjechuu ishee ibsite.
Kontiraanni isheen yeroo dhiyoo mallatteessite Amajjii 21 bara 2026 kan ta'e yoo ta'u, hanga ammaatti hojiirra jiraachuu galmeen agarsiisa. Kontiraata kanaan ji'atti gara doolaara Ameerikaa 800 argatti.
Haa ta'u malee, Jimeenez ammayyuu kaffaltii mootummaa irraa argachaa jirti moo hin jirtu, ifatti wanti hin ibsamne.

Madda suuraa, Gerardo Vieyra/NurPhoto via Getty Images
Viidiyoon hariiroo isaanii agarsiisu maal jedha?
Jimeenez himannaa ishee cimsuuf viidiyoo tokko marsariitii hawaasaa Instagram irratti maxxansiteetti.
Viidiyoo kana keessatti Peetiroo fi Jimeenez kutaa tokko keessa jiran fakkaatu. Peetiroon jaakkeetti uffataa jira; Jimeenez immoo, "Baay'ee bareedde jirta" jetteen. Peetiroon, "Dhuguma akkas sitti fakkaataa?" jechuun deebisa.
Sana booda viidiyoon sun gara nama meeshaa qaama hormaataa ofii sukkuumuuf gargaaru fayyadamuutti ce'a. Itti aansuudhaan, pirezidaantiin duraanii kun Jimeenez yeroo dhungatu argina.
Jimeenez viidiyoo kana, "Wanti ani dubbadhu dhugaa ta'uu isaa agarsiisuuf maxxansaa jira," jechuun barreessiteetti.
Haa ta'u malee, BBC News Mundo viidiyoo kana karaa walaba ta'een mirkaneessuu akka hin dandeenye ibseera. Kanaaf viidiyoon kun ragaa guutuu fi murtii seeraa ta'ee fudhatamuu hin danda'u.
Peetiroon himannaa kana akkamitti deebise?

Madda suuraa, Deicy Jiménez's Instagram
Peetiroon hariiroo Jimeenez waliin qabaachuu isaa hin haalle. Garuu hariiroo saalaa wajjin walqabsiisee kontiraata mootummaa kennuu isaa cimsee morme.
Ergaa karaa marsariitii X irratti maxxanseen, "Ani yeroo kamiyyuu hariiroo saalaaf kontiraata kennee hin beeku," jedhe.
Dabalataanis, dubartoota harka qalleeyyii, haadholii ijoollee ofii isaanii guddisaa fi dubartoota hojii saalaa irratti bobba'an carraa jireenyaa biraa akka argatan gargaaruun, kontiraata kennuu irraa adda akka ta'e ibse.
"Walitti dhufeenyi jaalalaa ani qabu aangoo fayyadamuurratti kan hundaa'e osoo hin taane, jaalala barbaaduurratti kan hundaa'edha," jedha.
Peetiroon himannaa kana duuba mormitoonni siyaasaa isaa akka jiranis dubbateera. Mootummaan pirezidaantii Abelaardoo Dee Laa Esipiriyeellaa himmicha qindeessuun dubartittii kaffaltii akka kennaniif shakkeera.
Garuu ragaan yaada kana mirkaneessu hanga ammaatti hin dhiyaanne.
Gama biraatiin, senatara duraanii fi michuu siyaasaa Peetiroo kan taate Mariyaa Hosee Pizarroon, Jimeenez Senetii keessatti hojjechuu ishee mirkaneessiteetti. Haa ta'u malee, hariiroo jaalalaa Jimeenez fi Peetiroo gidduu jiru akka hin beekne, akkasumas isheen kontiraata argachuuf karaa seeraan alaa akka hin gargaaramne ibsite.
Miseensi paartii Peetiroo fi pirezidaantummaa irratti kan dorgome Ayivan Sepeedaa paartiin isaanii himannaa Peetiroo irratti ka'e akka qoratu dubbateera. Garuu himannaa kanaan mootummaa isaanii guutumaan guutuutti balleessuuf yaaliin taasifamaa jiru fudhatama hin qabu jedhe.
Qorannoon seeraa eegalameera
Himannaa kana hordofuun qaamoleen seeraa Kolombiyaa garaagaraa qorannoo jalqabaniiru.
Jimeenez bilbila ishee qaamolee qorannoo yakkaatti kennuun qorannoo teeknikaaf akka dhiyeessite gabaafameera. Akkasumas, Waajjira Abbaa Alangaa duratti ibsa dabalataa kennuuf waamamuun ishee eegama.
Manni Murtii Waliigalaa biyyattii immoo kontiraatonni Jimeenez Senetii keessatti argatte akka qoratan ajajeera.
Abbootiin seeraa dhimma kana qoratan, hariiroon jaalalaa dhuunfaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuu caalaa, maallaqni mootummaa karaa aangoo fayyadamuun faayidaa dhuunfaaf oolee jiraachuu isaa adda baasuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.
Taateewwan Peetiroon pirezidaantii osoo hin ta'in dura raawwataman Abbaa Alangaa fi Manni Murtii Waliigalaa qorachuu kan danda'an yoo ta'u, yeroo inni pirezidaantii turetti raawwataman immoo Koree Himannaa Pirezidaantii irratti aangoo qabuun ilaalamu.
Waan kanaan walqabatee, miseensonni paarlaamaa lama Peetiroo irratti komii dhiyeessuun aangoo pirezidaantummaa qabachuu isaaf amanamummaa dhabuu danda'a jedhanii himataniiru.


























