Hojjaan dhala namaa waggaa 100 as maaliif dabalaa dhufe?

Dhaloonni ammaa dhaloota waggaa 100 dura turan walin yeroo madaalamu caalmaa dheerina naannoo seentimeetira 10 ta'u qabu.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dhaloonni ammaa dhaloota waggaa 100 dura turan walin yeroo madaalamu caalmaa dheerina naannoo seentimeetira 10 ta'u qabu.

Haata'u malee, dheerinni dhala namaa salphumatti itti fufiinsaan dabalaa hin dhufne.

Dheerinakee kan akkawoofi akaakayyuukee waliin yeroo madaaltu hagam dheeratta? Carraan akkawoofi akaakayyuukee dheerinaan caaluukee guddaadha.

Qorannoon dhaabbata 'Aawar Warlid in Daataa' (Our World in Data) akka agarsiisutti, dargaggoonni ammaa akaakileefi abaabilee isaanii waggoota 100 dura jiraatan walin yeroo madaalaman caalmaa dheerina seentimeetira 10 qabu.

Qorannoon bara 2016 keessa adeemsifamemmoo dheerina namoota bara 1896 fi 1996 keessa dhalatan walbira qabuun madaalera.

Qorannoon kunis dhaloonni amma jiru dhaloota durii caalaa dhedheeroo ta'uusaanii mirkaneesseera.

Dubartii umurii maanguddummaa keessa jirtu shamarreen tokko gargaaraa jirtu.
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii umurii maanguddummaa keessa jirtu shamarreen tokko gargaaraa jirtu.

Akka qorannichaattis keessattuu dubartoonni Kooriyaa Kibbaafi dhiiroliin Iraan bara 1996 keessa dhalatan kunneen bara 1896 dhalatan walin yeroo madaalaman duraa duubaan seentimeetira 20 fi 17 caalu.

Sababni yeroo gara yerootti dheerachaa deemuu dhala namaas dhimmoota akka soorataa, haala dhukkubaa naannoo tokko keessa jiru akkasumas talaalliiwwanfi dhimmoota biroo heddu wajjin kan walqabatu akka ta'e Iskootilaand, Yunivarsiitii Aberdiinitti barsiisaa olaanaa dhimma fayyaa addunyaa kan ta'an Dr. Araaviindaa Guntupaalii himaniiru.

Haata'u malee, dabalaa deemuun dheerina dhala namaa akkuma salphaatti dabalaa kan deeme hinturre.

Yeroo garagaraatti sooratni, waraanni, dhukkubnifi jijiiramoonni hawaasaa biroon dheerina dhala namaarratti dhiibbaawwan geesisaa turaniiru.

Dheerina namaa seenaa keessatti

Haala ragaaleen seenaafi istaatistiksii hinjirre keessatti dheerinni waa'ee sadarkaa jireenyaa dhala namaa odeeffannoo bal'aa akka kennu qorattoonni himu.

Ayerlaand Kaabaa, Yunivarsiitii Belfaastitti pirofeesara seenaa diinagdee kan ta'an Dr. Maatiyaas Bilum, "Dheerinni agarsiistuu fayyummaati" jedhu.

Qorannooleen akka agarsiisanitti, dheerinni nama tokkoo hanga dhibbeentaa 80 yookiin 90'tti qaccee sanyiirratti hundaa'a.

Dhibbeentaan 20 yookiin 10 hafe immoo dhimmoota akka soorataa, saaxilamummaa dhukkubaa, haala naannoo yeroo ijoollummaafi tajaajilawwan fayyaa argachuurratti hundaa'a.

"Dheerinni guddaan sadarkaa jireenyaa guddaa agarsiisa" jedhu Dr. Bilum.

Gurbaan dhiiraa tokko dhaabbatee dhakaa bara durii yeroo dhalli namaa adamsee jiraatu ture Baha Giddugaleessaatti argame ilaalaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Gurbaan dhiiraa tokko dhaabbatee dhakaa bara durii yeroo dhalli namaa adamsee jiraatu ture Baha Giddugaleessaatti argame ilaalaa jiru.

Qonni dheerina namaa gabaabsaa?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Seenaa keessatti dheerina dhala namaan walqabatee qabxiileen jijjiiramaa lama shoora olaanaa akka qaban Dr. Bilum himu.

Qabxiin jijjiiramaa inni tokko Warraaqsa Niyooltiik walin kan walqabatu yemmuu ta'u, kunis waggoota 12,000 hanga 10,000 baranaa yeroo dhalli namaa adamoofi biqiloota funaanuurraa gara qonnaatti itti ce'edha.

Qorattoonni hambaa lafee dhala namaa xiinxaluun dheerina namoota durii kan qoratan yemmuu ta'u, qorannoon akkanaa garuu hanqina mataasaa qaba.

Haa ta'u malee dhalli namaa qonna erga jalqabee as dheerinnisaa gabaabbachuu qorattoonni baay'een waliigalu.

Qorannoon bara 2022 adeemsifames namoonni bara Niyoolitik kunneen bara Niyoolitik dura turanirraa giddugaleessaan seentimeetira 2.8 gabaabbatu.

Qonni dhalli namaa dhiyeessii nyaataa gaarii akka qabaatu taasisus gama qabiyyeetiin garuu soorata qabiyyee fooyyee qabu argateera jechuu miti.

Namoonni bineensota adamsuufi biqiloota funaanuun jiraachaa turan qabiyyee soorataa bu'aa bineensotaa ta'an baay'inaan argachaa turan jedhu Dr. Bilum.

Sooratawwan bu'aa bineensotaa ta'an immoo dhalli namaa amino asiidota akka argatu akka taasisuusaanis himu.

Kana malees dhaloonni adamoofi funaanuu iddoodhaa iddootti kan socho'an ta'uusaaniitin balfaaf saaxilamoo miti.

Qonnaan bultoonni garuu iddoo tokko kan qubatan akkasumas dhiyeenya bineeldota isaaniitti kan jiraatan ta'uusaaniin dhibeewwan garagaraaf saaxilamaa turaniiru.

Waggoota kumaatama bara Niyoolitikii as jiran keessatti dheerinni dhala namaa yeroo garagaraatti jijijjiiramaa kan ture yemmuu ta'u, jijjiiramoonni kunneenis yeroo gabaabaaf kan turan ta'uu Dr. Bilum himaniiru.

 Lafee dhala namaa durii qorattoonni dheerina ykn hojjaa namaarratti qorannoo ittiin gaggeessan.
Ibsa waa'ee suuraa, Lafee dhala namaa durii qorattoonni dheerina ykn hojjaa namaarratti qorannoo ittiin gaggeessan.

'Kalaqawwan danuu'

Akka Dr. Biluumitti dheerina dhala namaa ilaalchisee yeroon jijjiiramni ijoon itti mul'ate inni biraan Warraaqsa Indaastiriin walqabata.

Warraaqsi Indaastirii warraaqsa jaarraa 18'ffaa keessa Biriteen keessatti eegalefi gara kutaalee addunyaa birootti babal'atedha.

Babal'achuun indaastirii akka addunyaatti magaalonni akka babal'atan, tekinoloojiiwwan haaraan akka kalaqamanfi daldalli idiladdunyaa akka babal'atu taasiseera.

Kunis battalatti ta'uu baatus dheerrinni dhala namaa adeemsa keessa akka dabalu taasiseera.

Haalli naannoo indaastiriiwwan durii "fayyaa namaaf gaarii hinturre" kan jedhan Guntupaaliin, qulqullina dhabuu, manneen rukkatoofi hojiin warshaa keessaa akka malee dadhabsiisaa ta'e biyyoota garagaraa keessatti waggoota kurna muraasaaf dheerinni namaa akka gabaabbatu taasisuu himu.

Haa ta'u malee hanguma galiin namootaa dabalaa deemufi tarkaanfileen fayyaa hawaasaa eegsisan fudhatamuu eegalan dheerinni namaa dabalaa deeme.

Fooyya'iinsi qulqullina naannoo, mana jireenyaafi sooratni fooyyeen akkasumas kalaqni teekinoloojiiwwan fayyaa dabaluu dheerina namootaaf akka gumaachan kan himan Dr. Bilum, "Kalaqawwan danuutu waliin hojjete" jedhan.


Bara Warraaqsa Industirii keessa warshaalee fi albuuda cilee keessa hojjechuun addatti hamaa ture.

Dheerinni namaa sadarkaa dabaluu hin dandeenyerra gahaa jiraa?

Akka addunyaatti namoota bara 1996 keessa dhalataniif dheerinni giddugaleessaa dhiiroliif seentimeetira 171, dubartootaaf immoo seentimeetira 159 akka ta'e ragaan 'Aawar Warlid in Daataa' agarsiisa.

Haa ta'u malee yeroo ammaatti biyyoota haalaan guddatan keessatti dabaluun galii, omishtummaa, omishaaleefi tajaajilawwanii hagas mara dheerina giddugaleessaa foyyee fidaa akka hinjirre Dr. Biluum himu.

Sababni kanaa ifatti beekamuu baatus, uummattoonni biyyoota haalaan guddatan keessa jiran kun sadarkaa dheerina qaccee sanyii isaanii isa onaalaa gahanii ta'uu akka danda'u qorattoonni tokko tokko himu.

Kana malees nyaatawwan battalatti qophaa'anii soorataaman yookiin 'faast fuud' fi haalli jireenyaa namoonni yeroo dheeraa sochii malee itti dabarsanis gumaacha akka qabu kaasu.

Gama biraatin akka addunyaattuu yaada dheerinni namootaa kana boodallee dabalaa deema jedhu akka hinqabne Guntunpaaliin himu.

Kanaaf sababni immoo namoonni hedduun hiyyummaa nyaataafi boba'aa keessa jiraachuusaanii akka ta'e kaasuun, "namoota gidduu garaagarummaa qabeenyaa akka malee bal'aa ta'etu jira" jedhu.

Biyyoota galii xiqqaafi giddugaleessaa qaban keessatti daa'imman hamma dheerina irra gahuu qabanirra gahuu akka dhaban kan himan Guntupaaliin, kunis ga'eessonni gaggabaaboon akka uumamaniif sababa akka ta'e himaniiru.

Kana malees gogiinsifi lolaan omisha nyaataa miidhuun cinatti namoonni aannanfi omishaalee beelladaa biroo akka hinarganne taasiaa jiraachuus himaniiru.

Dabaluunis, "Fayyaa addunyaan walqabatees deeggarsawwan maallaqaa taasifaman hir'achaa jiru. Kanaafis sagantaawwan talaallii, soorataafi deeggarsa baqattootaa heddu miidhamanii jiru" jedhan.

Taateewwan kunneenis biyyoota dureeyyiifi hiyyeeyyii gidduutti qofa osoo hintaanee hawaasuma tokko keessatti garaagarummaan dheerinaa namoota gidduu jiru akka dabalu taasisuu akka danda'anis himaniiru.