Hakiima waggaatti namoota 5000f wal'aansa fayyaa tolaan kenne

Dr Alamaayyoo Ishat
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Alamaayyoo Ishat
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Dr Alamaayyoo Ishat ispeeshaalistii yaala fayyaa mormaa oliiti. Gondarii fi Xiqur Anbassaatti barate. Hospitaala Qiddus Phaawuloos hojjetaa ture.

Barnoota fayyaa isaa wayita yunivarsiitii Gondaritti barachaa ture waldaan barattootaa yuvivarsiitii Agaappee jedhamu hundaayee ture.

Waldaan kun barattoota irraa maallaqa, uffataafi nyaata walitti qabee hiyyeeyyiif kenna. Sagantaa barattoonni dhiiga itti arjooman qopheessuun dhiiga walitti qabame Faannoo Diimaatti ni dabarsa.

Abbaan yaadaafi hundeessaan waldaa "Agaappee" jedhamu kanaa Dr. Alamaayyoo ture.

Wayita yunivarsiitii keessatti barataa barnoota fayyaa turetti, barattoota walitti qabuun maallaqa walitti buusanii ayyaana Faasikaa harka qalleeyyii waliin dabarsuun hojii kana jalqabe.

Barattoota irraa uffata walitti qabee harka qalleeyyii Gondar keessa jiraniif kennuun tajaajila isaa babal'ise. Osoo akkas jedhuu yaadni tokko dhufeef.

"Bulchiinsi magaalaa Gondar lafa duwwaa baay'ee qaba. Lafa sana osoo nuuf kennee, nuti immoo mana irratti ijaarree abbootiifi haadholii akkasumas daa'imman daandii irra jiraatan itti galchinee jiraachisna" jedhee yaade.

Gara waajjira bulchiinsaa dhaqe. Waajjira pirezidantii yuunivarsiitiis seene. Karoora isaa dhiyeesse. Waldhaansoo hedduu booda yaadni isaa fudhatama argate.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Bulchiinsi magaalaa Gondar yeroo sana ture cimina Agaappee ilaaluun waldichaaf walakkeessa magaalattiitti bakka hojii kenne.

Namoonni Dr. Alamaayyoo fi hiriyoonni isaa deeggaran yeroo hundaa gargaarsa dhaabbataa argachuu baatanis, iddoo jireenyaa argatanii carraan hojii uumameefii hirkattummaa keessaa bahanii of danda'anii akka jiraataniif manneen 36 ijaaran.

Kanaaniis ijoollee isaanii dabalatee maatiiwwan 100 ol ta'aniif ganda jireenyaa hundeessanii achuma keessa jiraachaa jiru.

Agaappeen wayita inni barataa Yuunivarsiitii Gondar ture jalqabe kun wayita inni eebbifamee bahu akka addaan hin citneef, barattoonni itti aanan yaada kana akka itti fufsiisan hojiiwwan garagaraa hojjechuu isaanii Dr. Alamaayyoon ni dubbata.

Kana gochuufis barattoonni waggaa dhumaa gaggeessummaan yeroo tajaajilan, warri waggaan tokko isaan hafu immoo isaan jalatti hojii wal-harkaa fuudhinsaa akka hojjetan taasisuun itti fufiinsa isaa mirkaneessu.

Kanaaniis hanga ammaatti hordoffii ol'aanaa barattoota eebbifamtootaatiin barattoonni haaraan bakka bu'an waldhicha itti fufsiisaa jiru.

Jireenya barataa barnoota fayyaa yeroo baay'ee gaafatu keessa taa'ee warra kaan gargaaruu, mana ijaaree iddoo jireenyaa dhaabbataa akka argatan taasisuufi dhaabbata deeggarsaa addaan hin cinne qabu gaggeessuu kan danda'e "jireenya koo keessatti kaayyoodhaan hogganamuun waanan galmaan gahuu barbaadu beekuu kootiini" jedha.

"Kaayyoon keenya jabaa waan tureef, wanti ani argu aarsaa kaffaluufi gufuuwwan mudatan dura dhaabbatanii kaayyoo kana galmaan gahuu qofa ture" kan jedhu Dr. Alamaayyoon, qormaanni jiraatus, hanqinni yeroo mudatus, rakkoon maallaqaa gufachiisus "kaayyoofi tokkummaan keenya jabaa waan tureef milkeessineerra" jechuun iccitii yeroo barataa turetti manneen 36 ijaaree dabarsuuf isa gahe dubbata.

Dr. Alamaayyoon yeroo barataa Yuunivarsiitii Gondar turetti waldaa Agaappeetiin abbootii warraa 36'f mana jireenyaa ijaaree dabarseera

Tola ooltummaa barataa yeroo ture boodas itti fufe

Dr. Alamaayyoon bara 2008 A.L.I. Yuunivarsiitii Gondar irraa erga eebbifamee booda Hospitaala Daseetti ramadamee tajaajileera.

Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Xiqur Anbassaa keessatti barnoota ispeeshaalitii mormaa olii yeroo hordofaa turettis ta'e, Hospitaala Phaawuloositti ogeessa baqaqsanii yaaluu ta'ee yeroo hojjetutti dhukkubsattoonni kutaalee biyyattii fagoo irraa dhufan yeroo rakkatan ni arga ture.

Hospitaala Phaawuloosittis ta'e hospitaala dhuunfaatti tajaajila yaalaa yeroo kennu dhukkubsattoonni baay'een kutaalee Itoophiyaa garagaraa irraa kan dhufan ta'uu ni hubata ture.

Dhukkubsattoonni kunniin rakkina hedduuf yeroo saaxilamanis ni arga. Baqaqsanii yaaluu booda hanga bayyanatanitti firri isaan gaafatu hin jiru. Nama dhukkubsataa eegu kan bakka bu'u namni biraa hin jiru.

Yeroo hunda dhukkubsattoota kana dhiyeenyaan ilaaluufi gargaaruun fedhii isaa akka ture Dr. Alamaayyoon ni yaadata.

"Kaffaltii tokko malee gumaacha xiqqoo illee yoon taasise" jedhee gara Buufata Fayyaa Anqorchaa yeroo deemu, wanti inni arge "baay'ee kan nama yaaddessu" ta'uu ibsa.

"Dhaabbilee fayyaa Finfinnee keessa jiran irratti dhiibbaan hangana gahu jiraa? jennee akka gaafannu nu taasise" kan jedhu Dr. Alamaayyoon, "dhukkubsattoota hanqina maallaqaatiin rakkatan, kan qoricha isaaniif ajajame bitachuu hin dandeenye baay'eetu nu mudata" jechuun yaadata.

Yaaliidhaaf jedhee achuma magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila bilisaa kennuu jalqabe. Kutaa Magaalaa Eekkaa kan magaalaa Finfinneetti argamu Buufata Fayyaa Anqorchaatti tajaajila yaalaa bilisaa kennuun yaale.

Kutaalee hawaasaa 70 ol ta'aniif qorannoofi yaala morma olii (gurra, funyaaniifi qoonqoo) taasise. Qorannoo isaa yeroo xumurus yaada furmaataa qopheesse.

Tajaajila Hospitaala Qiddus Phaawuloosiifi dhaabbilee fayyaa dhuunfaa Finfinnee keessa jiranitti kennu dhiisuun, tajaajila bilisaa kennuu itti fufe.

Kanaaniis Miizaan Amaan, Hoosa'inaa, Naqamtee, Arbaa Minci, Baalee, Mattuu ... marsaa marsaadhaan deemuun fayyaan namoota baay'ee akka deebi'uuf sababa akka ta'u gahee isaa bahe.

Haa ta'u malee gidduu kanatti waan tokko hubate. Namoonni hanga Finfinnee dhufanii baasii guddaaf akka hin saaxilamne hir'isuu danda'us, namoonni baay'een garuu achuma dhaabbilee fayyaa naannoo isaaniitti argamanitti illee kaffalanii yaalamuu kan hin dandeenye jiraachuu isaanii arge.

Kanaafuu, dhukkubsattoonni Finfinnee irraa fagaatanii jiraatan tajaajila bilisaatiin akka yaalaman taasisuu karaa itti danda'u qorachaa ture.

Kutaan hawaasaa baadiyyaa biyyattii keessa jiraatu kaffaltii tokko malee bilisaan yaala morma olii akka argatan sagantaa dandeessisu qopheesse.

Barataa yuunivarsiitii ta'uu isaa irraa eegalee hawaasa waliin dhiyeenyaan kan hojjetu Dr. Alamaayyoon, yaala bilisaa Finfinnee Anqorchaatti kenneen alattis ispeeshaalistii morma olii erga ta'ee booda namoonni baadiyyaa biyyattii keessa jiraatanis yaala bilisaa kana argachuu qabu yaada jedhu cimsee itti fufe.

Kanaafuu gara kutaalee Itoophiyaa garagaraa deemuu akka qabu amane. Akkuma tilmaames daa'imman, dargaggoonni, ga'eessonniifi maanguddoonni yaala baqaqsanii yaaluu salphaadhaan fayyuu danda'an naannoo hunda akka jiran arge.

Dhaabbilee fayyaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessa jiran waliin mari'achuun magaalota tokko lama irratti yaada isaa hojiirra oolchuuf hojii jalqabe.

Anisteezhiyaa, narsootaafi ogeeyyii fayyaa garagaraa qabatee deeme. Namoonni Finfinnee dhufanii rakkachuufi baasii guddaaf saaxilamuurra, achuma bakka jiranitti gatii madaalawaadhaan tajaajilicha kenne. Isaanis ni gammadan.

"Yaalli ammayyaa magaalota gurguddoo keessatti kennamu namoota baay'ee muraasa qofa dhaqqaba" kan jedhu Dr. Alamaayyoon, irra caalaan garuu karaa dheeraa miilaan deemee, geejjibaan gara Finfinnee dhufee kallattii beekuuf yeroo dhama'u, kanaanis yeroo isaa baay'ee kan balleessu ta'uu ibsa.

Hospitaala erga dhufee boodas taanaan, bakka itti yaalamu, keessattuu ogummaa isaatiin kutaa yaala morma olii argachuun qormaata guddaa akka itti ta'u hubannoo isaa qooda.

Sana boodas taanaan gara laabraatoorii yeroo ergamu, siree qabadhu jedhamee yeroo itti himamu, qoricha biti yeroo jedhamu kallattii beekuuf qormaata guddaa akka itti ta'u Dr. Alamaayyoon hubachuu isaa eera.

"Dhukkubsattoonni rakkatanii osoo hin yaalamin deebi'an jiru" kan jedhu Dr. Alamaayyoon, tajaajila kana hanga danda'ametti gara isaaniitti dhiyeessuu yoo dandeenye jechuun dhukkubsattoota kutaalee biyyattii garagaraatti argamaniif achuma bakka jiranitti yaala bilisaan kennuuf karoorsee jalqabuu isaa dubbata.

Dr. Alamaayyoon yeroo Hospitaala Phaawuloos keessa hojjechaa turetti waayee dhukkubsattuu isa mudatte tokko hin irraanfatu.

Dhukkubsattuun tun dhiitoo afaan ishee keessa jiru waliin waggaa 25'f kan jiraatte yoo taatu, kan deesse daa'ima tokko qofa. Ijoollee biraa dahuu kan hin dandeenyeef immoo, sababa rakkoo fayyaa isheetiin yeroo dahumsaa rakkoo fayyaa walxaxaa biraatiif nan saaxilama sodaa jedhuuni.

Dubartiin kun kana dura Hospitaala Xiqur Anbassaatti hordoffii yaalaa jalqabdee akka turteefi, liiftii (elevator) fayyadamuu sodaachuu qofaan osoo hin yaalamin deebi'uu ishee itti himteetti.

Wanti salphaatti yaalamuu dandeessu waggoota dheeraaf akka ishee waliin jiraatu goote. Naannoo isheetti ogeessi fayyaa waan kana isheedhaaf ibsu osoo jiraatee, dhaabbanni fayyaa ogeeyyiidhaan guutames osoo jiraatee, dhiita'a afaan ishee keessa jiru baasisuuf waggaa 25 eeguun ishee hin barbaachisu ture.

"Kun sababoota dhukkubsattoonni bakka jiran deemee tajaajiluuf na kakaasan keessaa isa tokko" jechuun eera.

Dr Alamaayyoo fi waahillan isaa tajaajila tolaa yoo kennan

Yeroo kutaawwan biyyattii garagaraa keessa socho'aa turetti, sababa hanqina beekumsaa, hanqina maallaqaa ykn dhaabbileen fayyaa dhiyeenyatti argamuu dhabuutiin dhukkubsattoonni waggootaaf rakkoo isaanii wajjin jiraatan akka isa mudatan ni yaadata.

Sababa kanaanis naannoo isaaniitti namoota isaan eegan irraa osoo hin fagaatin yaala akka argatan hojjechuu jalqabe.

Hojiin isaa kunis baasii yaala kanaaf barbaachisu guutummaa guutuutti dhaabbileen tola ooltotaa biroo akka uwwisan dandeessisuuf jecha, dhaabbata miti-mootummaa Lehullum jedhamu hundeesse.

Dhukkubsattoonni baasii dabalataa tokko malee guutummaan guutuutti yaala isaanii akka argataniif jecha Lehullum hundeeffamuu isaa Dr. Alamaayyoon ni dubbata.

Dhaabbanni Lehullum kan hundeeffame hiriyoota isaa yuunivarsiitii keessatti isaa waliin baratanii fi yeroofi humna isaanii kennuun isaa waliin turan hirmaachisuuni.

Hiriyoonni isaa kunniin yeroo ammaa ogummaawwan yaalaa garagaraa irratti ispeeshaalaayizd kan godhan yoo ta'u, warri sab-ispeeshaalitii hojjetanis keessatti argamu.

Waan yeroo barataa yuunivarsiitii turan jalqaban bal'isuudhaan, ogummaa isaaniitiin hawaasa tajaajiluuf murteessuun tajaajilicha "haala fooyya'aa ta'een" kennuuf dhaabbanni Lehullum Pan African Health Support jedhamu hundeeffame.

Dhaabbanni Lehullum erga hundeeffamee booda waggaa tokko keessatti duulawwan yaala fayyaa 36 godheera. Dhukkubsattoota 4,900 ol yaaluun baqaqsanii yaaluu gurguddoo gara 700 ta'an hojjetan.

Yaalli kun kan kennamu hawaasa doktarri mormaa olii bira hin jirreefi kaffalanii yaalamuu hin dandeenyeef ta'uu isaa dabalataan ni ibsa.

Yaala kana inniifi hiriyoonni isaa Finfinneen alatti hanga Mattuu, Naqamtee, Miizaan, Arbaa Minci, Hosaa'inaa, Baale, Shaashamannee, Asallaa, Godeefi Waldiyaatti socho'uun kennaniiru.

Dr. Alamaayyoon kutaalee biyyattii garagaraa keessa socho'ee yaala bilisaa yeroo kennu, "dhukkubsattoota rakkoo baay'ee xiqqoo ta'e qabatanii waggootaaf turantu na mudata" jechuun, Itoophiyaanonni giddugala magaalaa irraa fagaatanii jiraatan tajaajila yaalaa dhiyeenyatti argamu akka isaan barbaachisu dubbata.

"Dhukkubsataan yeroo dheeraaf gurri koo cufameera jedhee dubbatu yaala daqiiqaa gabaabaa keessatti kennamuun yeroo fayyu, wanta salphaatti yaalamuu danda'u garuu dhiyeenyatti argamu dhabuu qofaan waggoota dheeraaf dhukkubicha waliin jiraachuu isaanii yeroon argu, naannoo hunda deemee ogummaa kootiin namoota kana tajaajiluuf sababa naaf ta'a."

Kutaalee biyyattii garagaraa keessa yeroo socho'u gosoota dhukkubaa irra deddeebi'anii isa mudatan keessaa: urachuu dibbee gurraa, alarjii funyaanii, toonsilii funyaaniifi qoonqoo, akkasumas dhiita mormaafi xannacha hancufaa irratti bahan fa'i akka keessatti argaman ni eera.

Dr Alamaayyoo

Tajaajila tolaa xiyyeeffannaa namoota kaanii argate

Deeggarsa yaalaa bilisaa kennuuf biyyoota garagaraa irraa gara Itoophiyaa ni dhufu. Dr. Alamaayyoon ogeeyyiin alaa dhufan kunniin yeroo tokko tokko "maal hojjetanii deeman kan jedhu gochaan kan beeku ogeessa isaan waliin jirudha" jedha.

Sababa kanaanis deeggarsi ogeeyyiin kunniin kennan wanta ogeessi Itoophiyaa keessa jiru hojjetu irraa adda ta'e gumaachuu dhiisuu danda'a jechuun waan hubate ibsa.

Haa ta'u malee biyya keessatti ogeeyyiin kunniin tajaajila addaa akka kennanitti yaaduudhaan "kaayyoo isaan itti dhufan qorachuu irra, dhufaatii isaanii qofa dinqisiifachuun sirrii miti jennee yaadna" jechuun ibsa.

Dr. Alamaayyoon mudannoo hojii irratti arge irraa ka'uun, ogeeyyiin alaa dhufan wanta nuti hojjennu irraa adda ta'e gumaachuu dhiisuu danda'u jechuun, ogeeyyiin biyya keessaa deeggarsa yaalaa barbaachisu taasisuuf gahaa ta'uu isaanii ragaa baha.

"Wanti guddaan" jedha Dr. Alamaayyoon, "ogeeyyiin kunniin kiilomeetira kumaatama hedduu imalanii yaala bilisaa kennuuf erga dhufanii, nuti kiilomeetira muraasa imallee lammii keenyaaf, kan afaan walfakkaataa dubbannuufi waan baay'eedhaan waliigalluuf maaliif xiqqoo hin gumaachinu yaada jedhuuni tajaajila kana kan jalqabne" jechuun ibsa.

Warri Dr. Alamaayyoo nuti ofii keenyaan lammii keenyaaf gahaadha jechuun ogummaa isaaniitiin yaala bilisaa kennuu akka barbaadan yeroo dubbatan, keessattuu hawaasa ogeeyyii fayyaa biratti "namni baay'een gammadaa hin turre" jechuun haala ture yaadata.

"Yaadicha tuffachuu, salphisuu, itti hin fufu jechuutu ture" kan jedhu Dr. Alamaayyoon, "wanti guddaan garuu hiriyoonni koo na cinaa turan, duris barattoota taanee dhiibbaa hangana gahu uumuu erga dandeenyee, har'a immoo ogeeyyii taanee maaliif jijjiirama hin uumnu kan jedhu guutummaa guutuutti fudhataniiru" jedha.

Gara naannolee biyyattiitti yeroo baanu immoo hospitaalonni jiran baay'ee gammadoo dha" kan jedhu Dr. Alamaayyoon, rakkoo dhukkubsattootaa guyyaa guyyaan waan arganiif, hanqina ogeeyyii waan hubataniif "nuuf koottaa waliin haa hojjennu" jechuun nu jajjabeessu turan jedha.

Doktar Alamaayyoo Ishat kan dhalatee guddate Goojjam Lixaa magaalaa Adeet keessatti. Kutaalee biyyattii hedduu keessa naanna'uun duulawwan yaala morma olii 35 gaggeessuun isaa hiriyoota ogummaa isaa biratti dinqisiifannaa argachaa dhufe.

Dhukkubsattoota 4,391'f qorannoo fayyaa taasisuun baqaqsanii yaaluu gurguddoo 718 hojjechuudhaan yaala morma olii dhiyeenyatti dhaqqabamaa gochuuf kutaalee biyyattii garagaraa keessa naanna'ee tajaajilli inni kenne hedduun ragaa bahuuf.

Hakimoonni Itoophiyaa hawaasa mataa isaaniitti dhiyaatanii tajaajiluuf dhama'uun isaanii firii godhatee badhaasa isaaf argamsiise.

Bara kana ji'a Fulbaanaa keessa badhaasa "People to People Award" jedhamu irratti damee dhaabbata filatamaa (Best Rising Star Organization Award) jedhamuun badhaafamaa ta'e.

Dhaabbanni People to People jedhamu kan hundeeffame ogeeyyii fayyaa biyya alaa jiraataniin yoo ta'u, Itoophiyaa keessatti yaala fayyaafi gargaarsa namoomaa irratti ogeeyyii dhiibbaa uumaniif beekamtii ni kennu.

Dr. Alamaayyoon "namni hunduu achuma bakka jirutti akka yaalamu taasisuu yoon danda'e milkaa'ina koo isa guddaadha" jechuun BBCtti dubbateera.

Dr. Alamaayyoon yeroo barataa turetti "hakiima Itoophiyaa yeroo taatan wantoota sadii yaaltu" dubbii barsiisaa isaanii jedhu ni yaadata.

Kunis "hiyyummaa, wallaalummaafi dhukkuba" ta'uu kan itti hime ogeessi fayyaa kun, "baay'een keenya kan yaalaa jirru dhukkuba; garuu wallaalummaafi hiyyummaa yoo itti daballe waan baay'ee jijjiiruu ni dandeenya jedheen yaada" jedha.

Dr. Alamaayyoon karaa dhaabbata isaa Lehulum Pan African Health jedhamuun yaala morma olii Itoophiyaa keessa jiru sirreessuu yoo dandeenye, gara biyyoota Afrikaa rakkoo walfakkaataa qabanitti socho'uun yaalicha deeggaruuf karoora akka qabu dubbateera.