Haakaroonni Kooriyaa Kaabaa viidiyoo sobaan doolaara mil400 kirptoodhaan fudhatan

Madda suuraa, FBI
Hakaroonni mootummaa Kooriyaa Kaabaan deeggaraman eenyummaa namoota biroo hatuun viidiyoodhaan bilbiluun booda, kiriptookaaransiidhaan doolaara miiliyoona 400 hatuu qondaalotni Ameerikaa himan.
Ji'oota 18 darban keessatti namoonni 900 ol mala FBI FaceStealer jedhee waamu kanaaf saaxilamuu himeera.
"Mootummaan Kooriyaa Kaabaa sagantaa meeshaa waraanaa seeraan alaa isaaf maallaqa hannaa kirpitoo bal'aa irraa argamu irratti waan hundaa'uuf, waggoota dhiyoo asitti doolaara biliyoonaan lakkaa'amu hataa jira," jedha daayreektarri saayibarii FBI Bireet Leezarmaan.
Daldalaan geeddaraa kirpitoo guddaan addunyaa Binance, haakaroonni afgaaffii hojii sobaa fayyadamuun doolaara biiliyoona 6.3 (£4.7bn) dhaabbaticharraa hatuun torbee tokko booda oduun kuni dhagahame
Qaamoleen seeraa Ameerikaa hanna Binance kana, hanna hamma har'aatti mul'atan keessaa hanna crypto isa guddaa dha jedhu, gochaa kanas Kooriyaa Kaabaatti qabatu, biyyattiin garuu waakkatteetti.
Angawoonni akka jedhanitti, FaceStealer, malli haaraan kun, namoota damee maallaqa kirpitoo fi weeb3 irratti hojjetan, keessumaa kanneen misoomaa fi suphaa sooftiweerii irratti hirmaatan irratti akkaan qiyyaafata.
Akka FBI fi Ministeerri Haqaa Ameerikaa jedhanitti, haakaroonni FaceStealer akkaawuntii miidiyaa hawaasaa sobaa ykn butame fayyadamuun namootarraa hatan bilbila viidiyoo sobaa Zoom, Microsoft Teams, fi Google Meet fakkeessuun affeeru.
Itti aansuudhaan, haakeroonni bilbilaa viidiyoo kana seera qabeessa fakkeessuuf viidiyoo saaxilamtootaa duraan waraabameen walitti hidhu- yeroo kana sagalee qofaati akka sirrii hin taane beeksisa.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ergaan tokko iskiriinii saaxilamaa hanna kanaa irratti ni mul'ata, kunis sagalee sana akka "sirreessuuf" link tokko akka cuqaasan gaafata. "Sirreeffamni" kun dhuma irratti sooftweerii hannaa meeshaa saaxilamaa irra akka galu taha.
Kana booda haakeroonni maqaa namootaa dabalatee, appii fi wantoota kaan meeshaa saaxilamaarraa argachuu danda'au.
Haakeroonni haasaa bilbilaa kana dhoksaan waraabuun booda itti fayyadamuun saaxilamtoota haaraa gowwoomsuuf akka itti fayyadaman aanga'oonni Ameerikaa himaniiru.
FBI akka jedhutti malli FaceStealer kuni sirriitti waan hojjetuuf ogeessota teeknikaa kompitaraa muuxannoo yeroo dheeraa qaban osoo hin hafiin gowwomsuu danda'a.
"Waltajjii viidiyoo konfiraansii bakka hundatti argamu fi hariiroo dhuunfaa gatii guddaa qabu irratti amantaa qabnu sarba," jechuun hogganaan ittaanaa waajira kanaa Los Anjeelees irraa, Paatriik Giraandiin ibsa Kamisa darbe kenneen dubbate.
"Yoo haala itti gowwomtu tilmaamuu hin dandeessu taanaan, yaada kalaqaa gahaa hin qabdu jechuu dha,'' jedhe.

























